Hooseʼaa11gaz_bib

Jaalala Waaqni Israaʼeliif Qabu

1“Israaʼel yeroo daaʼima turetti, ani isa nan jaalladhe;ani Gibxii ilma koo waameera.2Garuu hammuma ani itti deddeebiʼee isaan waamu,isaan narraa fagaachaa deeman.Isaan Baʼaaliif aarsaa dhiʼeessaniifakkiiwwaniif ixaana aarsan.3Kan irree isaanii qabee Efreeminmiillaan deemuu barsiise anuma;isaan garuu akka aniisaan fayyise hin hubanne.4Ani funyoo gara laafina namaatiin,hidhaa jaalalaatiinis isaan nan harkise;ani morma isaanii irraa waanjoo fuudheeisaan sooruuf gadan jedhe.
5“Isaan qalbii jijjiirrachuu waan didaniifGibxitti hin deebiʼan;Asoor garuu isaan bulcha.6Goraadeen magaalaawwan isaanii keessatti balaqqisa;raajota sobduu isaanii ni barbadeessa;karoora isaaniis ni fashaleessa.7Sabni koo narraa deebiʼuuf kutateera.Yoo isaan Waaqa Waan Hundaa Olii waammatan iyyuuinni gonkumaa ol isaan hin qabu.
8“Yaa Efreem ani akkamiinan dandaʼee si dhiisa?Yaa Israaʼel ani akkamiinan dabarsee si kenna?Ani akkamiinan dandaʼee akka Adimaa si godha?Akkamiinan akka Zebooʼiim si godha?Garaan koo na keessatti geeddarameera;gara laafinni ani siif qabu guddateera.9Ani dheekkamsa koo sodaachisaa sana gad hin dhiisu;yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu.Ani Waaqa malee nama miti;ani Isa Qulqulluu gidduu kee jiruu dha.Ani dheekkamsaan hin dhufu.10Isaan Waaqayyoon duukaa buʼu;inni akkuma leencaa aada;yommuu inni aaduttiilmaan isaa hollachaa lixa biiftuutii dhufu.11Isaan akkuma simbirroo Gibxi irraa,akkuma gugee ollachaaAsoor irraa dhufu.Ani mana isaanii keessa isaan nan jiraachisa”jedha Waaqayyo.

Cubbuu Israaʼel

12Efreem sobaan, manni Israaʼel immoogowwoomsaadhaan na marse.Yihuudaanis Waaqatti,amanamaa Qulqullicha Sanatti iyyuu fincile.