Hose'aa Raagichaa11gax_twf

Jaalala Waaqi Israa'eliif Qabu

1«Yennaa Israa'el ijoolle'ee,ani isa jaaladhe;biyya Gibxi'ii keessalle'ee ilma kiyya waame.2Irra caalaa ammoo ani kolbaa Israa'elii waame;irra caalaa isaan na irraa fagaatane.Isaan waaqa dharaa Ba'aaliif ciincaa dhikeessanee,fakki'iifille hixaana aarsane.3Harka kolbaa Efreemii qabee daaddisee,deemiisa ka barsiise ana;isaan ammoo ka isaan fayyiseana akka te'e hin beenne.4Ani wodaroo gadhi-laafummaa namaatiin,hidhaansa jaalalaatille'een isaan harkise;waanjoo morma isaanii irraa fuudheegad jedhee isaan areere.5«Isaan gara kiyya deebi'uu waan didaneef, gara biyya Gibxi'ii hin deebi'anuu ree? Worri Asoorii isaan hin bulchuu ree?6Shallaagaan qachoota isaanii keessa hin balaqqitti; danqaraa karra dalleya isaanii kukkuttee karoora isaanii hin balleessiti.7Kolbaan tiyya na irraa fagaatiisaaf murteeffatte; isaan Waaqa Ol Aanaa yoo waammatanelle, ani karuma te'e maraanuu isaan ol hin qabu.
8«Ee Efreem,ani attam si lakkisuu dande'a ree?Ee Israa'el,ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree?Akka qachaa Aadimaaani attam dabarsee si kennuu dande'a ree?Yookiin akka qachaa Zebo'iimiiani attam si godhuu dande'a ree?Gadhaan kiyya raafame;Marartiin tiyya marti kakkaateerti.9Ani aarii tiyya ta bobeettu gad hin lakkisu;deebi'ee Efreem hin balleessu;ani Waaqa Woyyicha odduu teessan jiru malee, namaa moti;ani mufi'iin gara keessan hin dhufu.10«Isaan ana Mootii Waan Maraa hin hordofan;anille akka neenqaa dhangaa hin dhowa.Yennaa ani dhangaa dhowu,ijoolleen tiyya hollataa karaa aduun seentu irraa hin dhufan.11«Isaan hollataa akka sinbirrootaa biyya Gibxi'ii irraa,akka saphaliisaa biyya Asoorii irraa hin dhufan. Anille mana isaaniititti isaan hin qubachiisa;12«Efreem dharaan, kolbaan Israa'elii sobaan na marsite; Yihudaalle ana Waaqa Woyyicha addatamaa irratti ka'e.