Hooseʼaa10gaz_bib
1Israaʼel muka wayinii dagaage ture;inni matuma isaatiif ija naqata.Akkuma iji isaa baayʼateeninni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate;akkuma lafti isaa gabbatteenutubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate.2Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera;isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu.Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii ni diiga;utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa.3Ergasii isaan akkana jedhu;“Nu sababii Waaqayyoon sodaachuu didneef mootii hin qabnu.Garuu utuu mootii qabaanne iyyuuinni silaa maal nuuf godha?”4Isaan waan hedduu waadaa galu;kakuu sobaas seenaniiwalii galtee uummatu;kanaafuu seera dhabeeyyiinakkuma aramaa summii qabu kan lafa qotiisaa keessaatti latu.5Namoonni Samaariyaa keessa jiraatansababii waaqa tolfamaa fakkii jabbiikan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu.Sabni ishee isheedhaaf booʼa.Luboonni ishee ejjitoonniwarri ulfina isheetiin gammadan sunissababii isheen isaan irraa boojiʼamteef ni booʼu.6Jabbichis akka harka fuudhaattiYaariim mootichaaf Asooritti geeffama.Efreem ni salphifama;Israaʼel waaqota ishee kanneen muka irraa tolfamaniif ni qaanofti.7Samaariyaa fi mootiin isheeakkuma hoomacha bishaan irraatti fudhatamanii badu.8Iddoowwan sagadaa kanneen Awween ni barbadeeffamu;kunis cubbuu Israaʼel.Qoraattii fi sokorruun irratti biqileeiddoo aarsaa isaanii haguuga.Yeroo sana namoonni tulluuwwaniin, “Nurratti jigaa!”gaarraniin immoo, “Nu dhoksaa!” jedhu.9“Yaa Israaʼel isin bara Gibeʼaatii jalqabdaniicubbuu hojjettaniirtu;ammas achumatti haftaniirtu.Gibeʼaa keessatti waraanni kaʼeejalʼoota hin fixuu?10Ani yoon fedhe isaan nan adaba;sababii cubbuu isaanii dachaa sanaatiifhidhaa keessa isaan buusuufsaboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu.11Efreem goromsa leenjifamekan midhaan siribsiisuu jaallatuu dha;kanaafuu ani morma ishee irrawaanjoo nan kaaʼa.Ani Efreemin nan oofa;Yihuudaan lafa qotiisaa qotuu qaba;Yaaqoobis biyyoo bulleessuu qaba.12Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatiiija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa;lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa;yeroon kun yeroo hamma inni dhufeeqajeelummaa isinitti roobsuttiWaaqayyoon barbaaddataniitii.13Isin garuu hammina facaafattaniijalʼina haammattan;isin ija sobaa nyaattaniirtu.Sababii ati jabina keetii filoltoota kee baayʼee sana abdatteef,14akkuma Shalmaan gaafa lolaatti Beet Arbeelin balleesseehaadhota ijoollee isaanii wajjin biyyootti makaman sana,daʼannoowwan kee hundi ni barbadaaʼu;huursaan waraanaas saba keetti ni kaʼa.15Yaa Beetʼeel, sababii hamminni kee akka malee guddaa taʼeef,wanni akkasii sittis ni dhufti.Gaafa guyyaan sun bariʼuttimootiin Israaʼel guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.