Hose'aa Raagichaa10gax_twf
1Kolbaan Israa'elii akka muka woyni'ii ka banqaaqee, midhaan bacaa buusuu ti; isaan akkuma bacatane, addee ciinca'aa bacaa ijaarratane; akkuma latti isaanii tolte, soodduu woyyittii waaqa dharaalle seesanee hujane.2Gadhaan isaanii sobaan guutameera; amma isaan yakkaa ifiitiif adabbii fudhatuu qaban. Mootiin Waan Maraa addee ciinca'aa ta isaanii hin caccassa; soodduu woyyittii waaqa dharaa ta isaaniille hin balleessa.3Achiin duuba isaan, «Nuuti Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenniisa waan dhanneef, mootii hin qannu; ammoo mootii adoo qabaannelle'ee maan nuu godhuu dande'a?» hin jedhan.4Isaan waadaa hedduu galaa, kakuu dharaa kakataa, wolii galtee godhatan. Tanaaf, akkuma shuqunaan hadhaa ifi keessaa qaddu fichaa keessatti bacattee lattu, muraa isaan kennanu irratti moromaan hin bacatti.5Worri qachaa Samaariya'aa keessa le'u waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu ka Bet-Aweenii hin sodaatan; isaafille hin bowan. Waaqi dharaa ka isaan ulfinna isaatiif firinxiixanu waan isaan duraa booji'ameef, hayyooti isaa, isaaf wiiccifatanee hin bowan.6Waaqi dharaa ka jabbii fakkaatu sun gara biyya Asoorii geeffamee, mootii guddichaaf kennansa te'ee hin dhikaata. Kolbaan Efreemii hin salphatti; sababa waaqa dharaatiif hin fokkifatti.7Samaariya'aa fi mootiin isi'ii akka hoomacha bisaan irraa hin badan.8Addeen waaqonfanna'aa ta Bet-Aweenii, addeen Israa'el waaqota dharaa waaqonfatiisaan cubbuu itti hujju hin baddi; addee ciinca'aa ta isaanii san irratti qore'ee fi qumi'uuduun lattee hin golliti. Achiin duuba isaan gaarotaan, «Nu golla'a», koobotalle'een, «Nu irratti jiga'a» hin jedhan.