Hose'aa Raagichaa1gax_twf

1Kun jecha Mootii Waan Maraa ka bara moototi Yihuda'aa: Uziyaan, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas tarre'etti biyya Yihuda'aa bulchanu, bara Yerobi'aamiin mootichi ilmi Yeho'aashiille biyya Israa'elii bulchu gara Hose'aa ilma Beerii dhufe.

Maatii Hose'a'aa

2Mootiin Waan Maraa yennaa karaa Hose'a'aatiin dubbatiisa jalqabe, Hose'aan, «Biyyi Mootii Waan Maraa lakkisiisaan waan sagaagalteef, dhaqii, niitii gaarayyeeffattuu fuudhiitii, ijoollee gaarayyeeffattuu akka isi'ii uumadhu» jedhe.3Maarre Hose'aan intala Diiblaayimii Gomer fuudhe; isiille ulfoottee ilma isaaf deette.4Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Sababa isaan Yizre'elitti dhiiga dhangalaasaneef, ani maatii Yehu'uu yennaa gabaadduu keessatti waan adabuuf, mootummaan Israa'eliille akka baddu waan godhuuf, maqaa isaa ‹Yizre'el› jedhii baasi.5Guyyaa san ani dhooqa Yizre'elii keessatti guubee Israa'elii hin cassa» jedhe.6Gomer ammalle ulfoottee, intala deette; Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Ani haganaa achi kolbaa Israa'eliitiif waan hin mararreef yookiin hin araaranneef, ‹Lo-Ruhaamaa› jedhii maqaa baasi.7Kolbaa Yihuda'aatiif ammoo ani hin marara; guube'een, shallaaga'aan yookiin lolaan yookiin fardo'oo fi abbootii fardo'ootiin adoo hin te'in, ani Mootiin Waan Maraa, Waaqi isaanii isaan hin baasa» jedhe.8Gomer eega Lo-ruhaamaa harma irraa guuche, ulfoottee ammalle ilma dhibii deette.9Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Kolbaan Israa'elii kolbaa tiyya waan hin te'iniif, anille Waaqa isaanii waan hin te'iniif, ‹Lo-Amii› jedhii maqaa baasi.

Israa'el Ade'etti Hin Deebiti

10«Kolbaan Israa'elii akka maansa abbaayaa qarqaraa ka safaranee yookiin laakkowanee hin dandeennee hin teeti. Adduma, ‹Isaan kolbaa tiyyaa moti› jedhamanetti, isaan, ‹Ilmaan Waaqa jiraata'aa› jedhamanee hin waamaman.11Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Israa'elii deebitee tokko hin teeti; sooressa tokko hin filatti; guyyaan Yizre'elii guddaa waan te'eef, lafa ifiititti deebi'anee qananumma'aan hin le'an.