Ibroota9gax_twf

Waaqonfannaa Lafa Irraatii Fi Ol-Gubba'aa

1Gondooroon duraa seera waaqonfanna'aatii fi Galma Waaqaa ka lafaa qaddi.2Dunkaaniin kolloo lama qaddu qopheeffanteertiiyyu. Kolloon balbalatti aantu ta wonni ifa irra keyanu, xarapheessa'aa fi daabboon Waaqa dura dhikaattu keessa jirtu, «Addee Woyyittii» jedhanti.3Gollaa lammeesso'ootiin gara duubaa addeen jirtu ta keessaa, «Addee Irra Caalaa Woyyittii» jedhanti.4Achi keessa addeen ciinca'aa, ta worqi'iin hujantee hixaanni irratti aarfamuu fi SaanduqiGondooro'oo ka worqi'iin gonfameeru jiran; Saanduqa Gondooro'oo tana keessa okkoteen worqi'iin hujanteertu ta sagaleen mannaa jedhantu keessa jirtu, uleen Aaronii ta lattee fi dhakaan baxxichi lamaan ka ajaji kudhan irratti barreeffame jiran.5Saanduqa Gondooro'oo irra dadi ol-gubba'aa ta koola qadduta ulfinnaa, ta qadaaddaa addee araarri cubbu'uu kennamuu, koola ifiitiin golliteertu jirti; amma ammoo marroo waan kana maraa tokko tokkoon dubbatiisaaf hin dandeennu.6Wonni mara akkasitti qopheeffameen duuba, hayyooti tajaajila ifii muummessiisaaf, yennaa mara gara kolloo dunkaani'ii ta balbalatti aantuu seenan.7Kolloo gara boro'oo Hayyicha Guddaa calla'atti seena; innille wogga'atti yennaa tokko callaa seena; inni cubbuu ifiitii fi cubbuu kolbaan wollaalaan huje maraaf, dhiiga dhikeessu adoo hin qabatin hin seenu.8Dunkaaniin qaraa haga jirtu karaan gara addee woyyittii woyyootaa geessu, ammalle akka hin banamin Ayyaanni Woyyichi akkasiin mudhisa.9Kunille fakkeenna yennaa ammaa ti; kenna'aa fi woreegaan akka kanaan dhikaatanu wodanaa nama waaqonfatuu qulqulleessiisaaf ijjumaa hin dande'anu.10Wonni kun mara marroo nyaataatii fi uni'ii, marroo aadaa ifi qulleessiisa adda addaa waan te'eef, seera foonii ka haga yennaan seera haareyaa dhuttutti huju.11Kiristoos ammoo waan dadansaa dhufaaruuf Hayyicha Guddaa te'ee mudhateera; dunkaaniin inni seene guddo'oo fi guutu'u; dunkaaniin tun ta harka namaatiin hin hujaminii fi ta dada tana keessaa hin te'in.12Kiristoos woreega dhikeessiisaaf dhiiga re'e'eetii fi dardaraa qabatee adoo hin te'in, takkumaan yennaa maraaf dhiiga ifii qabatee, addee woyyittii woyyoota seene; akkasiin wodama bara baraa akka dhagganu nu'uuf godhe.13Dhiigii re'e'eetii fi dardaraa, daadhaan goronsa ciinceffameelle namoota battowane irratti facaasuun, battummaa foon isaanii irraa isaan ka qulleessu yoo te'e,14dhiigi Kiristoosii ka karaa Ayyaana bara baraatiin, woreega fokkoo hin qanne godhee, Waaqaaf ifi dhikeesse, Waaqa jiraataa akka Waaqonsinuuf, hujii du'atti geessitu irraa attam attam irra caalaa wodanaa keenna qulleessa ree!15Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te'ee du'e.16Yoo dhaamati dhaalaa jiraate, du'a nama dhaamatuu san mirkaneeffatiis barbaachisa'a.17Dhaamati dhaalaa gaafa namichi dhaala kenne sun du'e callaa hujii irra oola malee, adoo inni jiruu hujii irra ooluu hin dande'u.18Tanaaf Gondooroon duraatuu dhiigaan malee hujii irra hin oolle.19Muuseen ajaja Seeraa tokko tokkoon kolbaa maraaf himeen duuba, dhiiga dardaraatii fi re'e'ee bisaan woliin fuudhee, baala muka hisoophiitii fi rifeensa hoole'ee diima'aan, Kitaaba Seeraatii fi kolbaa maratti fiffixaa,20«Dhiigi gondooro'oo ka akka eeggattanuuf Waaqi isin ajaje kana» jedhe.21Akkasuma dunkaani'ii fi meya waaqonfanna'aaf tajaajilu maratti diiga fiffixe.22Dhugumaan akka Seera Muuse'eetitti waan diqqoo malee, wonni maraa dhiigaan qulleeffama; adoo dhiigi hin dhangala'in araarri cubbu'uu hin jiru.

Woreegamiis Kiristoosii Cubbuu Balleessa

23Wonni fakkeenna waan ol-gubba'aa te'e mara, waan kana maraan qulloomiis barbaachisa'aayyu; wonni ol-gubbaa jiru maraa ammoo ifiifuu woreega kana caaluun qulleeffama.24Kiristoos Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame, ka fakkeenna dunkaanii dhugitti'ii te'e hin seenne; inni amma nu'uuf Waaqa duratti mudhatiisaaf jedhee ol-gubbaa seene.25Hayyichi guddichi Yihudootaa dhiiga ka isaa hin te'in qabatee, wogguma wogga'aan addee woyyittii Woyyoota seenaa ture; Kiristoos ammoo yennaa hedduu woreega godhee ifi dhikeessiisaaf hin seenne.26Adoo akkas te'ee, haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee, sila Kiristoos yennaa hedduu rakkinna fudhatiisa qabaayyu. Amma ammoo bara muumme'eetitti, ifi woreegiisaan cubbuu balleessiisaaf, takkumaan yennaa maraaf mudhateera.27Nami mara akka du'uu fi achiin duuba mura'aaf akka dhikaatu murtayeera.28Kiristoos cubbuu nama heddu'uu ba'atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba'atiisaaf adoo hin te'in, worra dharra'aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa.