Ibroota7gax_twf

Hayyicha Malkiisedeq

1Malkiisedeqiin kun mootii Saalemiitii fi hayyicha Waaqa Ol Aana'aa ti; inni yennaa Abrahaam mootota injifatee deebi'u kara'atti wolde'ee isa eebbise.2Abrahaam waan duudii keessaa, kudhan keessaa tokko baasee kenneef; hiikkaan maqaa Malkiisedeqii tokkeessoon, «Mootii balchumma'aa ti», akkasuma «Mootii Saalemii» jechuun «Mootii nageyaa» jechu'u.3Malkiisedeq abbaa, haadha, yookiin hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenna isaalle jalqabaa fi dhuma hin qabu; akka Ilma Waaqaa haga bara baraa hayyuu te'ee jiraata.4Abbaan sanyii teennaa Abrahaam waan booji'e keessaa, kudhan keessaa tokko eega isaaf kenne, nami kun attam guddaa akka te'e ilaala'a!5Worri sanyii Lewwi'ii te'anee hujii hayyumma'aatitti ramadamanu, sanyii Abrahaamii te'anulle kolbaa ifii irraa jechuun obboleeyyan ifii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatanu seerrii hin ajaja.6Malkiisedeq ammoo sanyii Lewwi'ii te'uu dhabulle, Abrahaamii waadaan galameef irraa kudhan keessaa tokko fudhatee, isa eebbise.7Diqqaan gudda'aan eebbifamiis mama hin qabu.8Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko worri fudhatu worra du'a'a; karaa kaaniin ammoo kudhan keessaa tokko ka fudhatu, hayyicha jiraataa akka te'e ka dhugaan hinteef Malkiisedeq.9Lewwiin kudhan keessaa tokko fuudhuuyyu, yennaa san karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessaa tokko baaseera» jedhiisaaf hin dande'ama.10Sababille yennaa Malkiisedeq Abrahaamiin wolde'e, Lewwiin gudeeda Abrahaamii abbaa ifii keessa jiraayyu.11Karaa hayyummaa Lewwi'iitiin seerri kolba'aaf kenname; karaa hayyummaa Lewwootaa kanaan guutummaan adoo dhaggantee jiraatte, muudaa hayyummaa Aaronii adoo hin te'in, hayyichi biraa ka muudaa hayyummaa Malkiisedeqii qabu dhufiis sila hin barbaachisuuyyu.12Yennaa hayyummaan jijjiirantu seerrille jijjiiramuu qaba.13Goottaan keenna ka marroo isaatiif amma dubbatamu kun ka gosa dhibii keessaa ti; gosa tana keessaa addee ciinca'aa dhiyaatee nami tajaajileeru tokkolle hin jiru.14Goottaan keenna gosa Yihuda'aa keessaa dhalatiis ka beekkame; te'uu malee Muuseen yennaa marroo hayyootaa dubbate, waan gosa Yihuda'aa womaa hin dubbanne.

Kiristoos Hayyicha Akka Malkiisedeqii ti

15Hayyichi biraa ka akka Malkiisedeqii gaafa ka'u, wonni kun caalaa ifa teeti.16Inni karaa aada'aa fi seera sanyi'iitiin adoo hin te'in, karaa hunna jireenna isaa ka dhuma hin qanneetiin hayyuu te'e.17Marroo isaatiif barreeffama Woyyicha keessatti,«Akkuma hayyummaaMalkiisedeqii,ati haga bara baraa hayyuu hin teeta»jedhamee dhugaan bayameeraaf.18Ajaji duraa dadhaba'aa fi ka wo hin baane waan te'eef diigameera.19Seera Muuse'eetiin wonni tokkolle guutuu te'iisaaf hin dandeenne; amma ammoo addiin caaltuun ta ittiin gara Waaqaa dhikaannu nu'uuf kennanteerti.20Hayyummaan tun kakuu Waaqaatiin malee hin teene; worri duraan hayyoota te'ane kakuu malee te'ane.21Yesuus ammoo kakuu Waaqaatiin hayyuu te'e; marroo isaatiif Barreeffama Woyyicha keessatti,«Waaqi, ‹Ati haga bara baraa hayyu'u› jedhee kakateera,inni yaada ifii hin jijjiiratu» jedhantee barreeffanteerti.22Sababa kakuu tanaatiin Yesuus gondooroo caaltu'uuf wobii te'eera.23Hayyooti duraa hujii hayyummaa ifii akka itti hin fufne duuti waan dhooggituuf, laakkossi isaanii heddu'u.24Yesuus ammoo haga bara baraa waan jiraatuuf, hayyummaan isaa hin jijjiirantu.25Tanaaf inni isaaniif gaafatiisaaf yennaa duudii waan jiraatuuf, worra karaa isaatiin gara Waaqaa dhiyaatu ijjumaa fayyisiisaaf hin dande'a.26Yoona Hayyicha Guddaa: Woyyicha, ka komii hin qanne, qulqulluu, ka cubbaalleyyii irraa gargar baye, ka ol-gubba'aan irra ol aaneeru ka waan nu'uuf barbaachisu mara godhu nu'uuf barbaachisa.27Inni akka hayyoota gugurdoo dhibi'i, dursee cubbuu ifiitiif, achiin duuba cubbuu kolba'aatiif guyyuma guyya'aan woreega dhiyeessiis hin barbaachisuuf; yennaa ifi woreega tolchee dhikeesse, takkumaan yennaa maraaf muummesseera.28Seerri Muuse'ee worra dadhabaa hayyoota gugurdoo godhee muuda; jechi kaku'uu ka Seera Muuse'eetiin duuba dhufe ammoo, haga bara baraa guutuu ka te'e Ilma Waaqaa muudeera.