Ibroota6gax_twf
1Yoona kowa'a barsiisa marroo Kiristoosiitiif kenname, ka jalqabaa lakkinnee gara barsiisa guutu'uu dabarra. Nuuti hundee hujii gara du'aa geessitu irraa deebi'iisaatii fi Waaqatti dhugeeffatiisaa, deebinee hin hundeessinu.2Akkasuma barsiisa marroo cuuphiisaa, marroo harka mataa namaa irra keyiisaa, marroo du'aa ka'iisaa, marroo muraa bara baraa deebinee hin hundeessinu.3Yoo Waaqi jedhe tana hin goona.4Worra dhugeeffannaa ifii mormate gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis attamiin dande'ama? Kanaan qaraa ifi isaaniif ifeera; kennansa ol-gubba'aalle dhandhamaneeran; Ayyaana Woyyicha wolille'een qoodamaneeran.5Dansummaa jecha Waaqaatii fi hunna bara dhufiisaaf jiruulle dhandhamaneeran.6Kanaan duuba yoo isaan dhugeeffannaa ifii mormatane, Ilma Waaqaa ifiifuu deebisanee waan fannisanuu fi waan ifaataan salphisanuuf, isaan gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis hin dande'amu.7Latti bokkeya isii irratti roobu yennaa hedduu untee, abbaa biqiltuu irratti dhaabeef bu'aa buuchu Waaqa irraa eebba hin dhaggatti.8Qore'ee fi qumi'uuduu yoo baache ammoo, gatii hin qaddu; yennaa gabaadduu keessatti hin abaaranti; duubi isi'iille ibiddaan gubatiisa.9Lansoota tiyya akkas dubbannulle, isin ejjannoo caaltuu ta fayyinna keessan isiniif fiddu irra jiraachuu keessan mirkaneeffanneerra.10Waaqi Waaqa sirri'itti muru; inni hujii teessanii fi jaalala isin kolbaa isaa gargaariisaan maqaa isaatiif mudhittanee fi ammalle gargaariisaan mudhisiisatti jirtanu hin dedhu.11Isin martinuu waan addi'iin eeggattanu haga harkaan qabattanutti, jabeenna keessan haga muumme'eetitti akka mudhittanu barbaanna.12Worra dhugeeffanna'aa fi ossatiisaan jabaatee, waan waadaan galameef dhaalu akka fakkaattanu barbaanna malee, worra rincicaa akka teetanu hin barbaannu.