Ibroota4gax_twf

1Tanaaf addee fooraa ta inni nu'uuf kennutti galiisaaf waadaan galame ammalle waan banaa jiruuf, isin keessaa eennulle carraa itti galiisaa adoo hin dhaggatin akka hin hanne, kowa'a ifi eeggannaa!2Oduu Gammadaa tama akka nuuti dhageennee isaanille dhage'ane; te'uu malee isaan jecha dhage'ane san dhugeeffanna'aan waan hin fudhatiniif isaaniif wo hin baane.3Hujiin isaa haga biyyi lafaa dadanteen jalqaddee fixantulle, «Addee fooraa ta ani kennutti isaan ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera» akkuma jedhe, ammalle nuuti worri dhugeeffanne addee fooraa ta waaqi nu'uuf kennu sanitti hin galla.4Marroo guyyaa torbeesso'ootiif addee takkatti, «Waaqi hujii ifii duudii irraa guyyaa torbeesso'oo foorfate» jedhantee barreeffanteerti.5Ammalle adduma tanatti, «Addee fooraa ta ani kennutti ijjumaa hin galanu» jedha.6Addee fooraa sanitti worri galu gariin jira; worri Oduu Gammadaa dursee dhage'e sun ajajamiisa waan dhabeef addee fooraa ta Waaqi isaaf kennutti hin galle.7Tunille akkuma kanaan dura,«Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane;mataa hin jabaatina'a» jedhee,Waaqi bara heddu'uun duuba karaa Daawitiitiin dubbii dubbateen, guyyaan dhibiin ka, «Adha» jedhamee waamame waan murtoweef mirkanoweera.8Iyaasuun addee fooraa san adoo isaaniif kennee jiraate, Waaqi ammalle, «Adha» jedhaa marroo guyyaa biraa hin dubbatuuyyu.9Yoona kolbaa Waaqaatiif foorri foora guyyaa Sanbataa fakkaatu ammalle hafeera.10Akkuma Waaqi hujii ifii irraa foorfate, nami foora Waaqi kennutti galu huji ifii irraa hin foorfata.11Maarre eennulle akka worra sanii ajajamiisa dhabiisaan jigee akka hin hanne, kowa'a addee fooraa sanitti galiisaaf jabaannaa!12Jechi Waaqaa jiraata'aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura.13Dadi Waaqa duraa dhokattu takkaalle hin jirtu; wonni maraa fuula isaa duratti mulqama'aa fi qullaa te'ee mudhata; nuutille marroo teennaaf ka deebii kennuu qannu fuula isaa duratti te'a.

Yesuus Hayyicha Guddaa Guddicha

14Yoona Hayyicha Guddaa guddicha ka gara ol-gubba'aa dabare, Yesuusii Ilma Waaqaa waan qannuuf dhugeeffannaa teenna jabeessinee qabannuu ti.15Hayyichi Guddaan nuuti qannu ka dadhabbii teenna nu'uuf nayuu dande'u; inni waan maraan akkuma keenna ataabameera; te'uu malee ijjumaa cubbuu hin hunye.16Yoona yennaa qarqaarsi nu'uuf barbaachisetti akka marartii fudhannuu fi badhaadha dhaggannu, kowaa gara badhaadhi itti dhaggamu, gara barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa sodaa malee dhikaannaa.