Ibroota3gax_twf

Yesuus Muusee Caala

1Tanaaf dhugeeffattooti woyyoontanee, worra waamicha ol-gubba'aa qoodamu teetane, ka Waaqi ergee fi Hayyicha Guddaa dhugeeffannaa teennaa Yesuus yaadadha'a.2Muuseen mana Waaqaa mara keessatti addatamaa akkuma te'ee ture, Yesuusille Waaqa isa muudeef addatama'a.3Nami mana ijaaru mana san caalaa ulfinna akkuma qabu, Yesuusille, Muuse'een caalaa ulfinna dhaggatuu qaba.4Manni maraa namaan ijaarame; waan mara ka ijaare ammoo Waaqa.5Muuseen waan gara duraa jedhamu'uu maleef dhugaa bayiisaaf, akka tajaajilaa tokkootitti mana Waaqaa duudii keessatti addatamaa te'e.6Kiristoos ammoo mana Waaqaatitti akka ilmaatitti addatama'a. Nuutille waan itti addannuu fi addii ittiin koorru jabeessinee yoo qabanne mana isaa ti.

Foora Kolbaa Waaqaa

7Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi jedhu,«Adha, qoonqoo Waaqaayoo dhageettane,8akkuma guyyaa ilaallacha'aa lafa goomolee keessatti Waaqa finqiltanee sanmataa hin jabaatina'a!9Waaqi, ‹Abbootiin teessan achitti na ilaallatte; na wodhaantelle'e;woggaa afurtama waan ani godhelle dhaggite.10Tanaaf ani dhaloota sanitti aaree,gadhaan isaanii yennaa mara na irraa gora,isaan karaa kiyyalle hin beenne.11Maarre addee fooraa ta ani isaanii kennutti ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera› jedhe».12Obboleeyyan tiyya, isin keessaa eennulle gadhaa hama'aa fi hin dhugeeffanne, ka Waaqa jiraataa irraa garagalu akka hin qabaanne ifi eeggadha'a!13Ammoo eennulle isin keessaa cubbu'uun sobamee akka mataa hin jabaanne, yennaan «Adha» jedhantu tun adoo hin tarin guyyuma guyya'aan wol jajjabeessa'a!14Nuuti dhugeeffannaa teenna ta qara qannu haga muumme'eetitti jabeessinee yoo qabanne, worra Kiristoos woliin qooda qabaannu hin teena.15Tun akkuma Barreeffami Woyyichi,«Adha qoonqoo Waaqaa yoo dhageettane,akkuma yennaa finqilaa gootane san mataa hin jabaatina'a!» jedhu.16Worri qoonqoo Waaqaa dhage'ee finqile eennu fa'a? Worruma Muuse'een sooreffamee biyya Gibxiitii baye maraayyuu motii?17Waaqi woggaa afurtama eennufa'atti aare? Worruma cubbuu hujee, lafa goomole'ee keessatti reeffi isaa jigee badee motii?18Akkasuma worra hin ajajamin san yoo te'e malee, «Addee fooraa ta ani kennutti hin galtanu» jedhee ka itti kakate eennu fa'a?19Maarre worri itti galiisa dadhabe, dhugeeffatiisa dhabiisaan akka te'e dhaggina.