Ibroota2gax_twf

Fayyinna Guddaa

1Tanaaf nuuti waan dhageenne irraa fallaannee akka hin jinne, marroo waan dhageennee xiyyeeffannaa caalte kennuu qanna.2Dubbiin karaa ergantoota Waaqaatiin himante mirkanootteerti; nami dubbii tana irra taree fi nami isi'iif hin ajajanne maraa adaba isaaf male hin fudhata.3Nuuti fayyinna guddaa kanaaf xiyyeeffannaa yoo kennuu dhanne attamiin jalaa baana ree? Fayyinna kana ka dursee lasse Gootta'aayyu; worri isa irraa dhage'elle tanuma nu'uuf mirkaneesseera.4Waaqille beessisoota, baasota, bilbaasota adda addaa godhiisaa fi kennansa Ayyaana Woyyichaa ka akka fedha isaa qoodamaneen dhugaa baya ifii itti dabaleera.

Sooressi Fayyinna Ilmaan Namaa Yesuus

5Waaqi biyya lafaa ta dhuttu, ta amma nuuti marroo isi'ii dubbannuu tana akka ergantooti isaa bulchanuuf hin goone.6Barreeffama Woyyicha keessatti addee takkatti,«Ee Waaqa, akka isaaf yaadattuuf,nami maan inni?Yookiin akka kunuunsituuf,ilmi namaa maan inni?7Diqquma ergantoota Waaqaa isa hanqitte;kallacha ulfinnaatii fi guddinnaa itti keette ;8waan mara baallii ilma namaatiin jala goote» hin jedha.Waaqi waan mara baallii ilma namaatiin jala yennaa godhu, baallii isaatiin jala adoo hin godhin wonni inni hambure tokkolle hin jiru. Te'uu malee wonni mara baallii ilma namaatiin jala akka jiru ammaa tanalle nuuti hin dhaggine.9Amma ammoo ka yennaa diqqo'oof ergantoota Waaqaatiin jala te'ee ture, ka rakkinna du'aa waan fudhateef kallachi ulfinnaatii fi guddinni itti keyame, Yesuus hin dhaggina; inni badhaadha Waaqaatiin nu maraaf du'eera.10Waaqi wonni duudiin isaa fi isumaanuu dadame, ilmaan hedduu gara ulfinnaa fidiisaaf, sooressi fayyinna isaanii rakkinnaan guutuu akka te'u godhiis barbaachisaa te'e.11Ka kolbaa woyyoonsuu fi worri isaan woyyoomelle ilmaan abbaa tokkochaa ti; waan kanaaf Yesuus isaaniin, «Obboleeyyan tiyya» jedhee waamiisaaf hin fokkifatu.12Bareeffama Woyyicha keessalle'etti Waaqaan,«Maqaa keeti obboleeyyan tiyyatti hin lassa;wolde'a odduulle'etti faaru'uun si hin leellifadha» jedha.13Akkasuma, «Ani isatti hin addadha» jedha; ammalle, «Kunoo, anii fi ijoolleen Waaqi naaf kennelle as jirra» jedha.14Ijoolleen tun namoota foonii fi dhiiga qabanu akkuma te'ane, Yesuusille du'a ifiitiin, Seexana du'a irratti baallii qabu balleessiisaaf, akkuma isaanii nama te'e.15Akkasuma worra du'a sodaatiisaan bara ifii duudii garbummaa jala turelle bilisa baase.16Yesuus sanyii Abrahaamii qarqaariisaaf malee, ergantoota Waaqaa gargaariisaaf hin dhunne.17Tanaaf inni Waaqa tajaajiliisaan Hayyicha Guddaa addatama'aa fi mararticha te'ee, kolbaan araara cubbu'uu akka dhaggattuuf, waan maraan obboleeyyan ifii fakkaatiis isaaf barbaachise.18Inni ifiifuu ataabamee rakkinna waan fudhateeruuf, worra ataabamu qarqaariisaaf hin dande'a.