Ibroota12gax_twf

Waaqi Abbaa Keenna

1Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala keenna naannessane kana mara waan qannuuf, kowa'a waan ba'aa nu irratti te'e maraa fi cubbuu nu'utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna.2Nuuti jalqaba'aa fi muummessaa dhugeeffannaa teennaa ka te'e Yesuus ilaaliisaan rukkinna; inni waan gammadi fuula isaa dura jiruuf, salphinna fannoo irratti du'iisaa adoo woyitti hin laakkowin, rakkinnaa fi du'a fanno'oo ossatee midda barcumaa mootumma'aa ka Waaqaatitti tee'e.3Yoona akka hifattanee addii hin kutanne, mormii cubbaaleyyi'ii tana mara ka ossate Yesuus ilaala'a.4Isin cubbu'uun woliin wodhaantoo qabatiisaan haga dhiiga keessan dhangalaasiisaatitti haga ammaa hin falmanne.5Gorsa Waaqi akka ijoollee ifiititti isinitti dubbate deetaneertan; inni,«Ilma kiyya! Yennaa Goottaan sirreessiisaaf si xixu,akka kaso'ootitti hin ilaalin;yennaa inni si adabelle,gadhaa hin kutatin!6Sababille Goottaan nama jaalatu hin xixa;nama akka ilma ifiititti fudhatullehin adaba» jedha.7Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi'ii ossadha'a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni?8Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhanne, isin baanamalee ijoolle'ee moti.9Kana maleelle nuuti martinuu abbootii nu adabanu qanna; nuutille isaan hin ulfeessina. Akka jiru'uun leenuuf irra caalaa Abbaa keenna ka ayyaanaatiif ajajamu'uu mallee motii ree?10Abbootiin teenna yennaa diqqo'oof akkuma dansaa fakkaattee isaanitti mudhattetti nu adabane; Waaqi ammoo akka nuuti woyyummaa isaa qoodannuuf, bu'aa teennaaf nu adaba.11Adabbiin kennantu yennaa san ka nama gaddisiittu malee, ka nama gammachiittu hin fakkaatu; duuba ammoo worra itti barateef midhaan balchumma'aa ka nageyaan guutame hin buuchi.

Gorsaa Fi Ifi Eeggachiisa

12Tanaaf harka keessan ka isin irraa bu'ee fi jilba keessan ka dadhabe jabeessa'a!13Miilli keessan ka naafate akka fayyu malee akka adde'een hin kaane, miila keessaniif karaa qajeelfadha'a.14Nama maraa woliin nageyaan le'a! Woyyumma'aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma'aan le'iisaaf jabaadha'a.15Isin keessaa eennulle irraa badhaadhi Waaqaa akka hin dhidhanne, akkasuma hiddi hadhowaan isin keessatti latee akka isin hin rakkinnee fi worra hedduu akka hin xureessine ifi eeggadha'a.16Eennulle baalagee, yookiin akka Esaawuu sagalee yennaa takka'aatiif jedhee, angafummaa ifii gurguree ka Waaqa malee le'u te'ee, akka hin teene ifi eeggadha'a.17Duuba irra Esaawu eebba dhaggatiisaaf yennaa barbaade, akka dhooggame isinuu hin beettan; bowaa eebba dhaggatiisaaf barbaadatulle, waan huje irraa deebi'iisaaf carraa hin dhagganne.18Isin akka Israa'elootaa gara gaara Siina'aa ka harkaan qabamuu dande'uu, ka ibiddaan bobe'uu hin geenne; gara dukkanaa, gara dimmaa, gara bubbe'ee,19gara qoonqoo tultulla'aatii fi qoonqoon jechaan himantu dhage'antuu hin dhikaanne; worri jecha san dhage'ane akka jechi dhibiin dabalamee itti hin dhage'anne kadhatane.20Ajaji, «Bineensille gaara san yoo tuqe, dhaka'aan tumamee du'uu ti» jedhu waan isaanitti ulfaateef, ba'atiisaaf hin dandeenne.21Wonni achitti dhaggame akka malee sodaachisaa waan te'eef, Muuseenuu, «Ani sodaadhee holladhe» jedhe.22Isin ammoo gara gaara Xiyoonii dhikaattaneertan; Xiyoon qachaa Waaqa jiraata'aa ka teete Yerusaalemii ol-gubba'aa ti; isin gara ergantoota Waaqaa ta kuma heddu'utti laakkowantuu, ta gammadaan wolitti qabanteertuu dhikaattaneertan.23Gara Wolde'a worra maqaan isaanii ol-gubba'atti barreeffamee, ka angafoota ijoollee Waaqaa te'anee dhikaattaneertan. Gara Waaqa kolbaa duudi'itti muruutii fi lubbuu balchoole'ee ta guutuu teetee dhikaattaneertan.24Gara Yesuusii wodhakkicha gondooroo haareyaa te'ee, gara ka dhiiga Abeelii caalaa dubbatuutii fi dhiiga isaa ka fixamee dhikaattaneertan.25Ka dubbatiisatti jiru san akka hin didanne ifi eeggadha'a! Worri Waaqi biyya lafaa irratti dubbatuun didane jalaa bayiisa eega dadhabane, nuuti ka ol-gubbaa irraa nutti dubbatu yoo didanne attamiin jalaa baana ree!26Yennaa san qoonqoon isaa lafa tachooteerti; amma ammoo, «Ani ammalle yennaa tokko, lafa callaa adoo hin te'in, ol-gubbaalle hin tachoosa» jedhee waadaa galeera.27Jechi, «Ani ammalle yennaa tokko» jedhu kun, wonni hin tachoone jabaatee akka le'u, wonni tacho'u yookiin wonni dadame akka badu mudhisa.28Yoona nuuti mootummaa hin tachoone waan dhaalluuf kowa'a Waaqa galateeffanna; karaa inni itti gammaduun, ulfinnaa fi soda'aan kowa'a isa Waaqonfanna.29Sababille Waaqi keenna ibidda gubee balleessu.