Ibroota10gax_twf

1Seerri waan dansaa dhufuuf gaaddiddu'u malee, akka akki isaa jiru ka dhuga'aatii moti; tanaaf wogguma wogga'aan yennaa mara woreega woreegamu worra gara Waaqaa dhikaatu guutuu godhiisaaf ijjumaa hin dande'u.2Adoo Seerri isaan guutuu godhiisaaf dande'ee jiraate, worri waaqonfatiisaaf dhikaatu karaa itti deddeebii hin qanneen cubbuu irraa waan qulqulloomuuf, wodanaa isaaniititti cubbuun isaanii waan hin dhage'anneef, sila woreega dhikeessiisa hin lakkisaniiyyu.3Woreegi kun marti ammoo wogguma wogga'aan ka isaan cubbuu ittiin qaabatanu.4Sababille dhiigi dardaraatii fi re'e'ee cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne.5Tanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yennaa dhufe,«Ati woreegaa fi kenna'atti hin gammanne,ammoo nafa naaf qopheessite.6Woreega ciinca'aatii fi,woreega cubbu'uuf woreegamutti ati hin gammanne.7Yennaa san ani,‹Waaqa kiyya, Kitaaba Maramu keessattiakkuma marroo tiyyaaf barreeffante,ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera› jedhe» jedhee dubbate.
8Seerri akka inni tana tolchuuf ajajulle, inni ammoo asiin olitti, «Ati woreegaa fi kennaa, woreega ciinca'aatii fi woreega cubbu'uu hin barbaanne, ittille hin gammanne» jedhe.9Itti dabaleelle, «Kunoo, ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera» jedhe; woreega lammeesso'oo addee buusiisaaf, woreega qaraa diige.10Akka fedhii Waaqaatitti, karaa foonYesuus Kiristoosiitiin takkumaan yennaa maraaf woreega woreegameen woyyuu teeneerra.11Hayyichi mara guyyuma guyya'aan dhaabbatee tajaajila hayyumma'aa tajaajila; woreega cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne sanille yennaa mara dhikeessa.12Kiristoos ammoo woreega tokkocha yennaa maraaf te'u dhikeesseen duuba, midda Waaqaatitti tee'eera.13Yennaa sanii jalqabee diinoti isaa ejjata miila isaa akka te'anu eeggatiisatti jira.14Sababille inni worra woyyoome san woreega tokkochaan haga bara baraa guutuu akka te'u godheera.15Ayyaanni Woyyichille marroo waan kanaa dhugaa nu'uuf hin baya. Inni duraan dursee,16«Guyyooti sun yennaa geyane,gondooroon ani isaan woliin gondoorradhu,Seera kiyya gadhaa isaanii keessa hin keya,qalbii isaanii keessalle'etti hin barreessa ta jettu jedha Goottaan» jedhee dhugaa bayeef.17Itti dabaleelle,«Ani cubbu'uu fi jalluu isaanii deebi'ee hin qaabadhu» jedhe.18Eega kana araarri maraaf kenname, haganaa achi woreegi cubbu'uuf dhikeeffamu hin jiraatu.

Kowa'a Gara Waaqaa Dhikaanna

19Obboleeyyan tiyya, yoona dhiiga Yesuusiitiin addee woyyittii woyyootaa seeniisaaf ifi-addii dhagganneerra.20Nuuti karaa golla'aatiin, jechuun karaa haareyaa fi jiraataa inni foon ifiitiin nu'uuf baneen seenna.21Nuuti Hayyicha Guddaa mana Waaqaa irratti baallii qabu qanna.22Tanaaf wodanaa hamaa irraa akka qulloonnu yaada gadha'aa qulleeffannee, nafa keennalle bisaan qullichaan dhiqannee, gadhaa qajeela'aa fi dhugeeffannaa dhugittii qabannee, kowa'a gara Waaqaa dhikaannaa.23Waaqi waadaa nu'uuf gale addatamaa waan te'eef, addii dhugeeffannee dhugaa baanuuf tana, kowa'a adoo asii fi achi hin jedhin jabeessinee qabanna.24Jaalalaa fi hujii dansa'aan dammandhee akka leenuuf, kowa'a wolii yaadannaa.25Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa me lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta'aa akka dhikaate qaabataa waan kana irra caalaa godha'a.26Dhugaa beenneen duuba, beekaatuma cubbuu yoo hunye, haganaa achi woreegi cubbu'uuf dhikaatu hin jiru.27Amma ammoo, muraa sodaachisuu fi ibidda hamaa mormitoota Waaqaa nyaatu eeggatiisatti hafeera.28Nama Seera Muuse'eetiif ajajama dhabe, yoo nami lama yookiin nami sad itti dhugaa baye, marartii malee du'aan adabama.29Nami Ilma Waaqaa tuffate, ka dhiiga gondooro'oo ka ittiin balchoome shasheesse, ka Ayyaana badhaadhaa arrasse, adabama kana caalu attamiititti barbaachisaaf isinitti fakkaata?30Nuuti, «Haluu ka baasu ana, ani gatii malte deebisee hin kaffala», akkasuma, «Goottaan kolbaa ifiititti hin mura» ka jedhe eennu akka te'e hin beenna.31Harka Waaqa jiraata'aa seenuun akka malee sodaachisa'a.32Ifi isiniif ifeen duuba, guyyoota duri rakkinna fudhattanee wodhaantoo guddo'oon ossattane san qaabadha'a.33Yennaa tokko tokko nama duratti arraffantanee, farritaneertan; yennaa dhibii worra rakkinna akkasii fudhatu wolille'een rakkinna fudhattaneertan.34Isin karra caaltuu fi yennaa mara jiraattu akka qaddanu waan beettanuuf, worra hidhameef gadhaa laattane; yennaa karri teessan saamantulle gammadaan fudhattane.35Yoona ifi-addii Waaqatti qaddanu, ta gatii guddoo ittiin dhaggattanu san hin gatina'a!36Fedhii Waaqaa muummessitanee, waan Waaqi isiniif waadaa gale fudhatiisaaf ossataan eeggatiisa barbaachisa.37Sababille Barreeffam Woyyichi,«Yennaa diqqo'oon duuba,ka dhufu'uu male hin dhufa,hin turu;38Nami balchaan kiyya ammoo,dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata.Yoo duubatti sissiqe ammoo ani itti hin gammaddu» hin jedha.39Nuuti worra dhugeeffatee fayyu malee, worra gara duubaatitti sissiqee baduu moti.