Ibroota1gax_twf

Waaqi Karaa Ilma Ifiitiin Dubbate

1Bara durii Waaqi karaa adda addaatiin, yennaa hedduu karaa raagotaatiin abbootii teennatti dubbateera.2Ammaa ammoo bara duubaa kanatti karaa Ilma ifii ka waan mara akka dhaalu godheetiin nutti dubbate; biyya lafaa duudiille isumaan dade.3Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akkiisaa guutumatti Waaqaan wol qixxe'e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba'atti midda Waaqa hunnaamessaa tee'eera.

Ilmi Waaqaa Ergantoota Waaqaa Caala

4Maqaan Waaqi isaaf kenne maqaa ergantoota Waaqaa ka caalu akkuma te'e, Ilmi Waaqaa ergantoota Waaqaa caala.5Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun,«Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera»yookiin eennuun,«Ani isaaf Abbaa hin te'a,innille Ilma naaf hin te'a» jedhee beeka?6Waaqi yennaa Ilma ifii angaficha gara biyya lafaa erge,«Ergantooti Waaqaa martinuu isaaf sagadanuu ti» jedhe.7Ammoo yennaa marroo ergantoota ifii dubbatu,«Ergantoota ifii qilleensa ,tajaajiltoota ifiille bobe'a ibiddaa hin godha» jedhe.8Marroo Ilmaa ammoo,«Ee Waaqa, barcumaan mootummaa keetiibara baraa haga bara baraa hin jiraata;mootummaa teetille sirri'itti hin bulchita.9Ati balchummaa jaalatee yakkaa jibbite;tanaaf Waaqi keeti si filatee,muudaa gammachiisuun hari'oota teeti caalaa si muude» jedhe.10Akkasuma,«Gootta'a, ati jalqabatti hundee lafaa hundeessite;ol gubbaan marti hujii harka keetii ti.11Isaan hin badan;ati ammoo hin jiraatta;isaan martinuu akka woya'aa hin dullooman.12Ati akka bullukko'oo isaan hin marta;isaaniille akka woya'aa hin jijjiiraman.Ati ammoo yennaa mara sanuma;woggooti keetille dhuma hin qabanu» jedhe.13Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun,«Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala godhuttimidda kiyyatti tee'i!» jedhee beeka?14Maarre, ergantooti Waaqaa martinuu ayyaanota worra fayyu tajaajiliisaaf ergamanu, tajaajiltoota Waaqaatii motii ree?