15Mootiin Waan Maraa, «Waan isin irratti te'e hin hubattanuu? Galma Waaqaa deebittanee ijaariisa adoo hin jalqabin dura,16midhaan kiiloo dhibba lama dhaggatiisaaf, gara tuulaa midhaanii dhaxxane, ammoo midhaan kiiloo dhibba tokko qofa dhaggatane; daadhii woyni'ii litirii dhibba tokko dhaggatiisaaf addee midhaan woyni'ii itti cunfanu dhaxxane, ammoo daadhii woyni'ii litirii afurtama qofa dhaggattane.17Ani isinii fi waan isin itti eloottane mara gugguufaa, dhukkuba midhaanii ka adda addaatii fi dhakaa bokkeyaatiin dhowe; isin ammoo ammalle cubbuu irraa hin deebine.18Ji'a sagaleesso'oo keessatti adha guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, guyyaa hundeen Galma Waaqaa hundeeffamee jalqaba'aatii me hubadha'a.19Midhaan sanyi'ii gootaraa keessa yoo hin jiraatin, muki woyni'ii, muki harru'uu, muki roomaaniitii fi muki ejersaa yoo haga ammaa midhaan hin buusin, ani guyyaa adhaatii jalqabee isin hin eebbisa» jedhe.
Waadaa Mootiin Waan Maraa Zarubaabeliif Gale
20Ji'uma san keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yennaa lammeesso'oo Haage'etti dubbatee,21«Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aatiin, ‹Ani ol-gubba'aa fi lafa hin tachoosa;22barcumaa moototaa garagaggalcha; hunna mootummoota gosa biyya adda addaa hin balleessa; worra garreettaa fardaan harkifamu oofuu fi garreettaa isaanii garagaggalcha; fardoon isaanii hin dhumatti; abbootiin fardo'oolle wol hin ijjeetti;23Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, si tajaajilaa kiyya ilma She'atii'elii Zarubaabel filadhee akka chaappaa kiyya ka qube'ee si godhadha› jedha» jedhe.