Anbaaqoomii Raagichaa3gax_twf

Daadimata Anbaaqoomii

1Daadimati Anbaaqoomii raagichaa ka faaru'uun dhikaate asii gad jira.
2Ee Mootii Waan Maraa kiyya,hujii maade'ee ta ati hujje mara dhage'ee guddoo sodaadhe;ammalle bara keennatti hujii teeti ta durii ede'ii huji;bara kennalle'etti akka beekkantu godhi;yennaa aartulle nu mararfadhu.3Waaqi woyyichi biyya Temaanii,gaara Phaaraan irraa hin dhufa;Ulfinni isaa ol-gubbaa golleera;leellisi isaalle lafa guuteera.4Ifi ulfinna isaa akka ifa adu'uu ti;harka isaa ka hunni isaa keessa dhokatteertu keessaabalaqqeessi hin baya.5Balaan isa dura deema;dhukkubi nama fixu isa duubaan deema.6Yennaa inni dhaabbatu latti hin tachooti;yennaa inni isaan ilaalugosi biyya adda addaa hin hollatti.Gaaroti durii durii hin sigigan;kooboti durii durii ta inni irra deemaa turellegad hin lixan.Karaan inni irra deemu ammoobara baraan jiraata.7Worri Itoophiya'aa rakkatuun,worri Miidiyaaniille hollatuun dhagge.8Ee Mootii Waan Maraa, ati lagatti hin aartee?Yennaa fardoolee teeti yaabbattee,garreettaa fardaa ka injifachaa keetii irra teette,abbaaya'atti guddoo aarteetii?9Ati guubee teeti qopheeffatteedaaya keeti buqqifattee,lagaan lafa gargar tarsaatte.10Gaaroti si dhagganee hollatane;lolaan roobaa lafa haxowaa tare.Bisaan abbaaya'aa shookkisee,danbaliin isi'iille ol kaate.11Yennaa daaya keeti isaanitti calalaqee,eboon teeti isaanitti itteadu'uu fi jiin adduma jiranutti dhaabbatane.12Ati aari'iin lafa irra ideenta;aariille'een gosa biyya adda addaa hin dhidhiitta.13Ati kolbaa teeti fayyisiisaaf,ka muudame sanille fayyisiisaaf baate.Sooressa worra hamoole'ee butuchitee,hordofattoota isaalle balleessitee,mata'aa haga miilaatitti qullaa isa hamburte.14Akka hobonbolatti'ii nu bittinneessiisaaf ka dhufe,Yennaa loltooti isaa akka hobonbolatti'iinu bittinneessiisaaf,hiyyeeyyii dhokataneeranu fixaneeitti gammadiisaaf dhufane;ati woraanuma isaatiin sooressa isaanii woraante.15Yennaa ati fardoo teetiin abbaayaa dhidhiitte,abbaayaan raafante.16Ani waan kana duudii dhage'ee, roromme;qoonqoo tana irraa ta kaate hidhiin tiyya hollatte.Lafeen tiyya shante;miilli kiyyalle lelleqe.Te'uu malee yennaan worri nu miidhuadabamu haga dhuttu ossaan hin eegadha'a.
17Muki harru'uu midhaan buusuu dhabulle,muki woyni'ii midhaan buusuu dhabulle,muki ejersaalle midhaan kennuu dhabulle,fichaan midhaan baasuu dhabulle,hooleen gooree keessaa dhabantulle duwwaa hattulleloon moonaa keessaa dhabamanulle,18tun marti teetulleani Mootii Waan Maraatitti hin gammada;Waaqa fayyisaa kiyyatti gammadee firinxiixa.
19Mootiin Waan Maraa Waaqi hunna tiyya.Inni miila kiyya akka miila gadansaa hin jabeessa;gaara irralle akka deemu na hin godha.Sooressitoota faarsitootaatiif: Meya ribu'uutiin ta faarfatantu.