Anbaaqoom2gaz_bib

1Ani iddoo koo dhaabadheedallaa eegumsaa irra nan tura;mee waan inni naan jedhu arguufdeebii ani guungummii kanaaf kennuu malu beekuuf nan ilaala.

Deebii Waaqayyoo

2Ergasii Waaqayyo akkana jedhee deebii kenne:“Akka namni dubbisu tokko qabatee fiiguuf,mulʼata sana ifa godhiigabatee irratti barreessi.3Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii;inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu.Yoo tures isa eegi;inni dhugumaan ni dhufa; hin turus.
4“Kunoo inni of bokokseera;hawwiin isaas sirrii miti;namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata;5dhugumaan inni daadhii wayiniitiin ni gowwoomfama;of tuula; boqonnaas hin qabu.Inni akkuma siiʼool sassata;akka duʼaas kan hin quufnee dha.Inni saboota hunda walitti qabata;uummata hundas boojiʼee fudhata.6“Isaan hundi isa tuffatanii itti kolfaa,“ ‘Nama miʼa hatame tuullateesaamichaan of sooromsuuf wayyoo!Wanni kun hamma yoomiitti itti fufa’jedhanii itti hin qoosanii?7Warri liqii sirraa qaban akkuma tasaa sitti hin kaʼanii?Isaan kaʼanii si hin hollachiisanii?Ergasii ati harka isaanii jala galta.8Sababii ati saba hedduu saamteefnamoonni hafan si saamu.Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii;ati biyyoota, magaalaawwanii finamoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
9“Nama buʼaa hin malleen mana ijaarratukan badiisa jalaa baʼuuf jedheelafa ol kaʼaa irratti iddoo jireenyaa tolfatuuf wayyoo!10Ati lubbuu nama baayʼee galaafachuudhaaf,waan nama qaanessu mana keetti malatteelubbuu keetti badiisa fidde.11Dhagaawwan keenyan keessaa iyyu;demdemoon mukaas jalaa qaba.
12“Nama dhiiga dhangalaasuudhaan magaalaa ijaaruuf,kan yakkaan magaalaa hundeessuuf wayyoo!13Akka dadhabbiin namaa akkuma qoraan ibiddaa taʼe,akka saboonnis akkasumaan of dadhabsiisanWaaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu murteesseera mitii?14Akkuma bishaan galaana guutu sanalafti ulfina Waaqayyoon beekuutiin guutamtiitii.
15“Nama qullaa dhagna ollaa isaa ilaaluuf jedheehamma inni machaaʼuttiqalqalloo keessaa daadhii wayinii isaaf buusuuf wayyoo.16Ati qooda ulfinaa qaaniidhaan guutamta.Amma dabareen kan kee ti! Akka qullaan kee mulʼatuuf dhugi.Xoofoon mirga Waaqayyoo sitti garagala;salphinnis ulfina kee haguuga.17Fincilli ati Libaanoonitti hojjete si liqimsa;horii fixuun kee si rifachiisa.Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii;ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatanhunda balleessiteerta.
18“Waaqni tolfamaan ogeessa harkaatiin soofamuyookaan fakkiin soba barsiisu faayidaa maalii qaba?Namni isa tolchu tokko hojiidhuma harka isaa amanataatii;inni waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenye tolcha.19Nama mukaan, ‘Dammaqi!’yookaan dhagaa lubbuu hin qabneen, ‘Kaʼi!’ jedhuuf wayyoo.Inni barsiisuu ni dandaʼaa?Kunoo inni warqee fi meetii dibameera;hafuurri tokko iyyuu isa keessa hin jiru.”
20Waaqayyo garuu mana qulqullummaa isaaqulqulluu sana keessa jira;lafti hundi fuula isaa duratti haa calʼistu.