Anbaaqoomii Raagichaa2gax_twf

Deebii Mootiin Waan Maraa Anbaaqoomiif Deebise

1Ani xelleephoo tiyya irra hin dhaabbadha; dalleya qacha'aa ka dhaka'aa irralle'etti addee hin qabadha'a; waan Mootiin Waan Maraa naan jedhu, iyyata kiyyaaf deebii inni naa kennu hin eegadha.2Mootiin Waan Maraa naaf deebisee, «Wonni ani sitti mudhisu kaso'otti akka dubbifantu faara baxxicha irratti barreessi.3Sababille mudhiin tun yennaa itti muummottu eegatti; isiin marroo guyyaa muumme'ee dubbatti; isiin dharaa moti. Ta turtu fakkaattulle eegadhu. Dhugumaan hin dhutti; hin turtulle'e» jedhe.4Worra kooru ilaala'a; yaadi isaanii qajeela'aa moti; balchooleen ammoo dhugeeffannaa ifiitiin le'an.

Jinnana Worra Balchaa Hin te'inii

5Dhugumaan karri nama soddi; nami kooru foora hin qabu; akka boolla awwaalaa joljola'a; akka du'aa ijjumaa hin quufu; inni gosa biyya adda addaa mara ifiif wolitti qabata; kolbaa maralle hin booji'a.6Nami duudiin nama akkasii kanatti kollaa itti murgaa, «Ka waan keeti hin te'in tuulattu, meya hunnaan fudhatteen haga yoomii ifi duroonsita?7«Worri gatii si irraa qabu dedha sitti hin ka'uu? Isaan si hin sheephisiisanuu? Achiin duuba waan ati qaddu mara hin fudhatanuu?8Ati kolbaa gosa biyya adda addaa saantee, dhiiga kolbaa heddu'uu dhangalaattee, qachootaa fi waan isaan keessa jiru duudiille waan balleessiteef, worri hafe si hin saama.9«Nama bu'aa haqa hin te'iniin mana keeti ijaarrattee, balaa jalaa bayiisaaf addee ol jettetti mana ka hujattu si'iif aanne'e!10Ati mala dhoottee kolbaa hedduu ijjeesiisaan, mana keeti irratti salphinna fiddeerta; ifi irralle'etti cubbuu fiddeerta.11Tanaaf dhakaan dalleyaa dalleya irraa si'itti hin iyya; utubooti manaalle jalaa hin qaban.12«Nama dhiiga namaa dhangalaasiisaan qachaa ijaarrattu, yakkaalle'een qachaa guddicha ijaarrattu si'iif aanne'e!13Mootiin Waan Maraa waan mara ajaju, wonni nami hujatu ibiddaaf, wonni gosi biyya adda addaa itti eloottu waan bu'aa hin qanneef akka te'u hin goonee ree?14Akkuma abbaayaan bisaaniin guutantu, lattille ulfinna Waaqaa beekiisaan hin guutanti.15«Nama nafa namaa qullaa ilaaliisaaf jettee, mufii teeti akka daadhii woyni'ii jaddu'uu isaaf kennitee, haga inni machowutti ka isa obaattu siif aanne'e!16Atinuu untee machoottee hin gatantarta; addee ulfinnaa salphinna hin uffatta. Mootiin Waan Maraa muduunuu adabbi'ii jadduu akka untu si hin godhee, ulfinna keeti gara salphinnaatitti hin jijjiira.17Ati dhiiga namaa dhangalaattee, biyyaa fi qachoota, waan isaan keessa jiranulle waan balleessiteef, hunnaan ka'iis ati Libaanosi irratti kaate sitti garagalati. Balleessaan ati bineensota balleessitelle si hin bararassiti.18«Bu'aan waaqa dharaa maan? Inni waan harka namaatiin bocomee hujame; dhara malee wo isa irraa hin dhaggamu; nami isa bocee huje waaqa dharaa ka woy hin dubbannetti addatiis isaa bu'aa maan qaba ree?19Waan muka irraa bocamee hujameen, ‹Dammaqi!› yookiin dhakaa lubbuu hin qanneen, ‹Ka'i!› ka jettu siif aanne'e! Inni si barsiisuu dande'aa? Kunoo, waaqi dharaa worqi'ii fi meeti'iin gonfameera; hafuuralle hin qabu.20«Mootiin Waan Maraa ammoo Galma woyyicha ifii keessa jira; latti duudiin fuula isaa duratti cadhittuu ti» hin jedhan.