Worra Galaatiya'aa4gax_twf

1Ammalle wonni ani jedhuu barbaadu kana: ilmi karra abbaa ifii dhaalu tokko, karra abbaa ifii mara irratti goottaa yoo te'elle, haga ijoollumma'aan jiru garbicha tokko hin caalu.2Yennaan abbaan isaaf murteesse haga geettu, harka worra isa guddisuutii fi worra isa bulchuu jala tura.3Nuutille akkasuma, ayyaanaan adoo hin guddatin duratti, seerabiyya lafaatiif garba teenee turre.4Barri murtaye sun yennaa geye, Waaqi Ilma ifii nuuf erge. Inni dubartii irraa dhalatee, Seera jalatti bule.5Inni worra Seera jala jiru wodee, ilmaan Waaqaa nu godhiisaaf tana godhe.6Isin ilmaan isaa waan teetaneef, Waaqi Ayyaana Ilma ifii ka, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keessakeennaa ergeera.7Maarre yoona, ati ilma malee garbichaa moti; ilma eega teete, Waaqi akka dhaaltu si godheera.

Phawuloos Worra Galaatiyya'aatiif Haajame

8Isin dur adoo Waaqa hin beekin, waan dadamaan waaqota dhuga'aa hin te'iniif garba teetaneertaniiyyu.9Amma ammoo Waaqa beettaneertan; dhugumaan Waaqi isin beekeera. Attam deebitanee gara hunnoota biyya lafaa dadhaboole'ee fi ka woy hin baane kanatti garagaltan ree? Ammalle deebitanee garba isaanii te'iisaaf barbaaddan?10Guyyaa, ji'a, bonaa-gannaa fi woggaa adda te'e ulfeessitan.11Hujiin ani isinii huje mara tola baddeerti jedhee isinii sodaadha.12Obboleeyyan tiyya, waan ani akka keessan te'eef, isinille akka kiyya akka teetanuuf isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine.13Yennaa jalqabaa, akka ani sababa dhibee tiyyaatiin, Oduu Gammadaa isinii lallabe, isinuu hin beettan.14Dhibeen tiyya ilaallachaa isinitti teetulle, akka ergamaa Waaqaatii fi akka Kiristoos Yesuusiititti na fudhattane malee, isin na hin tuffanne, yookiin na hin jibbine.15Gammad keessan sun eessa dhaqe ree? Adoo dandeettane ila teessanille ifi keessaa baattanee, worra naaf kennitanu akka teetane anuu dhugaa hin baya.16Ani waan dhugaa isinitti himeef diina keessan te'ee ree?17Namooti kuun isiniif akka malee yaadatan, te'uu malee dansa'aafii moti; akka isin isaaniif jabaattanee yaadattanuuf, nu irraa isin kutiisa barbaadan.18Yaada dansa'aaf yoo te'e, namaaf yaadatuun waan dansa'a; tun ammoo yennaa maraaf malee, yennaa ani isin bira jiru calla'aaf hin te'in.19Ijoollee tiyya, haga bifi Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ani ammalle akka dubartii deettuu isiniif hin ciniinsifadha.20Ani marroo teessaniif waan godhu waan wollaaleeruuf, adoo isin biratti dhaggamee akka dhibi'iin isinitti dubbadhee hin fedhaayyu.

Fakkeenna Aggaariitii Fi Saara'aa

21Isin worri Seera jalatti buliisaaf barbaadanu, waan Seerri jedhu hin dhageennee? Natti hima'a!22Abrahaam ilmaan lama qabaayyu; tokkocha dubartii garbittii irraa, kaan dubartii garbittii hin te'in irraa, akka uumate barreeffanteerti.23Ilmi tokkochi dubartii garbittii irraa, akka fedha foonii calla'aan dhalate; kuun ammoo dubartii garbittii hin te'in irraa, addii kennanteen dhalata.24Amma kun fakkeenna; dubartooti lamaan sun fakkeenna gondooroo lamaanii ti. Takkattiin ta ijoolleen isi'ii garbummaa keessatti dhalatte Aggaari; isiin fakkeenna gondooroo Gaara Siina'aa irratti gondoorantee ti.25Aggaariin Gaara Siina'aa ka biyya Arabaa keessa jiruun fakkeeffante sun, fakkeenna Yerusaalemii amma kolbaa ifii woliin garbummaa keessa jirtuu ti.26Yerusaalemiin ol-gubba'aa ammoo bilisoontu'u; isiin haadha teenna.27Barreeffama Woyyicha keessatti,«Ijoollee dubartii abbaa manaa qadduu caalaa,ijoolleen dubartii qofi lakkifantee waan heddatteef,ati maseentittiin deettee hin beenne gammadi;ati ta ciniinsifattee hin beenneiyyii ilillisi!» jedhantee barreeffanteerti.28Amma obboleeyyan tiyya, akkuma Yisihaqii, isinille ijoollee addii kennantee ti.29Te'uu malee, yennaa san ka akka fedha foonii calla'aan dhalate, ka fedha Ayyaana Waaqaatiin dhalate akkuma ari'e, ammalle akkasuma hin te'a.30Barreeffami Woyyichi ammoo maan jedha? Wonni jedhu, «Ilmi garbitti'ii, ilma ta garbittii hin te'inii woliin dhaala waan hin qoodanneef, garbittii ilma isi'ii woliin ari'i!» hin jedha.31Maarre obboleeyyan tiyya, nuuti ijoollee ta garbittii hin te'inii ti malee, ijoollee garbitti'iitii moti.