Worra Galaatiya'aa3gax_twf

Balchummaan Seeraan Moo Dhugeeffanna'aan

1Worra Galaatiya'aa gowwoole'e! Eentu muusessee isin dooche? Yesuus Kiristoos fannifamee, akka waan barreeffamee rarraafamee, ila teessan dura jiraayyuu.2Ani waan tokko callaa beekuu barbaada: isin Seera eeggatiisaan moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee itti dhugeeffatiisaan Ayyaana Woyyicha fudhattane?3Attam akkas gowwitan? Ayyaana Waaqaatiin jalqaddanee, amma ammoo yaada fooniitiin muummessuu barbaaddanii ree?4Dhugumaan waan woy hin baaneef yoo te'e, toluma waan isin irra dhaqqabe kana mara fudhattanee ree?5Waaqi Ayyaana ifii isinii kennee, bilbaasa isin oddu'utti wonni hujuuf, waan Seera eeggattaneef moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee waan itti dhugeeffattaneef?6Abrahaam ilaala'a me; Barreeffami Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate; dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef» jedha.7Maarre worri dhugeeffatu maraa ilmaan Abrahaamii akka te'e hubadha'a!8Barreeffam Woyyichi akka Waaqi worra gosa isaa hin te'in dhugeeffanna'aan balchoonsu, duraan dursee dhaggee Abrahaamiin, «Gosi maraa si'iin hin eebbifama» jedhee, Oduu Gammadaa itti himeera.9Tanaaf worri dhugeeffatu maraa, Abrahaamii dhugeeffate woliin ka eebbifame.10Barreeffam Woyyichi, «Waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame mara, nami hin eeganne maraa ka abaarame!» waan jedhuuf, worri Seera eeggatiisatti ciqilfatu abaarsa jala jira.11Barreeffam Woyyichi, «Nami balchaan dhugeeffanna'aan le'a» waan jedhuuf, eennulle Waaqa duratti Seeraan balchoomiisaaf akka hin dandeenne ifa.12Seerri dhugeeffannaa irratti hin hundeeffamu; te'uu malee Barreeffam Woyyichi, «Nami waan Seerri jedhu guutu, ittiin hin le'a» jedha.13Barreeffam Woyyichi, «Nami muka irratti rarraafamu maraa ka abaarame» waan jedhuuf, Kiristoos nu'uuf jedhee abaaramaa te'ee, abaarsa Seerri nutti fidu jalaa nu wode.14Eebbi Abrahaam dhaggate, karaa Kiristoos Yesuusiitiin, worra Yihudoota hin te'in maraaf akka kennamuuf, Ayyaana Waaqi addii kennelle, dhugeeffanna'aan akka fudhannuuf Kiristoos nu wodeera.

Seerri Waadaa Galame Hin Diigu

15Obboleeyyan tiyya, le'ii guyyuma guyya'aa keessaa fakkeenna tokko fuudhee dubbadha: yoo nami lamaan waan tokko irratti wolii galee, wolii galtee san mallatteesse, eennulle wolii galtee san diigiisaaf, yookiin woy itti dabaliisaaf hin dande'u.16Maarre Waaqi Abrahaamii fi sanyii isaatiif addii kenneera; Barreeffam Woyyichi, akka nama heddu'uuf dubbatamuutitti, «Sanyoota» hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamuutitti, «Sanyii» jedha, innille Kiristoos.17Kana jechuun kiyyalle, Seerri woggaa dhibba afurii fi soddomaan duuba kenname, gondooroo qara Waaqaan gondoorante diigee, waadaa galame san balleessiisaaf hin dande'u jechuu kiyya.18Kennansi WaaqaaSeeratti ciqilfatiisaan adoo te'ee, waadaa galametti ciqilfatiisaan hin te'uuyyu. Te'uu malee, karaa waadaa galameetiin, Waaqi kennansa ifii Abrahaamiif kenneera.19Yoona Seerri maaf kenname ree? Sanyiin Abrahaamiif waadaa galameen kenname haga dhufu, seera tariis maan akka te'e mudhisiisaaf, Seerri dabalamee kenname. Seerri ergantoota Waaqaatiin, karaa araarsaatokkochaatiin kenname.20Te'uu malee, araarsaan tokko golii lama wolakka'atti malee takkaa calla'aaf hin barbaachisu; Waaqi ammoo tokkocha.

Seerri Maaf Akka Kenname

21Seerri waadaa Waaqi galeen hin mormaa ree? Ijjumaa hin mormu! Seerri akka jiruu kennuuf adoo kennamee jiraate, sila dhugumaan, Seera eeggatiisaan balchummaan hin dhaggantiiyyu.22Waadaan galame, ta Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan dhaggantu, worra dhugeeffatuuf akka kennantuuf, Barreeffam Woyyichi biyyi lafaa duudiin cubbu'uuf bitamiisaan hidhantee akka jirtu dubbata.23Adoo dhugeeffannaan hin dhufin dura, haga dhugeeffannaan mudhatutti, Seeraan hidhannee, Seera jalatti eegamaa ture.24Maarre nuuti dhugeeffanna'aan akka balchoonnuuf, haga Kiristoos dhufu, Seerri guddisoo keenna te'eeraayyu.25Amma ammoo, dhugeeffannaan waan dhutteef, haganaa achi guddisoo Seeraa jala hin jiraannu.

Ijoollee Waaqaa

26Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatiisaan, isin martinuu ijoollee Waaqaa ti.27Isin worri Kiristoos woliin tokko te'iisaaf cuuphantane maraa, Kiristoos akka woya'aa uffattaneertan.28Karaa Kiristoos Yesuusiitiin, isin martinuu tokko waan teetaneef, worra Yihudi'iitii fi Giriikii, garbichaa fi ka garbicha hin te'in, dhiiraa fi dubartii oddu'utti garaagarummaan hin jirtu.29Ka Kiristoosii eega teetane, isin sanyii Abrahaamii ti; waan Waaqi isiniif addii kennelle hin dhaaltan.