Sooressitoota Izraa Woliin Boojuu Irraa Deebi'ane
1Bara bulchiinsa mooticha Artashaasta'aa sooressitooti maati'ii ka ana Izraa woliin Baabilon keessaa bayanee fi ka isaan woliin galmowane ka asii gadi jiranu:2sanyii Fiinehaasii keessaa, Gerishoom; sanyii Itaamaarii keessaa, Daani'el; sanyii Daawitii keessaa, Haxushi3sanyii Shekaaniya'aa ti; sanyii Faaroshii keessaa, Zakaariyaas; isa woliin dhiira dhibba tokkoo fi shantamatti galmeeffame.4Sanyii Phaahat-Mo'aabii keessaa, Elyo'enaayii ilma Saraaya'aa ti; isa woliin dhiira dhibba lamatti galmeeffame.5Sanyii Zaatu'uu keessaa, Shekaaniyaa ilma Yehaazii'elii ti; isa woliin dhiira dhibba saditti galmeeffame.6Sanyii Aadiinii keessaa, Ebeedii ilma Yonaataanii ti; isa woliin dhiira shantamatti galmeeffame.7Sanyii Elaamii keessaa, Yeshaa'iyaa ilma Ataaliya'aa ti; isa woliin dhiira torbaatamatti galmeeffame.8Sanyii Shefaaxiya'aa keessaa, Zebaadiyaa ilma Mikaa'elii ti; isa woliin dhiira saddeettamatti galmeeffame.9Sanyii Yo'aabii keessaa, Obaadiyaa ilma Yehii'elii ti; isa woliin dhiira dhibba lamaa fi kudhanii saddeetitti galmeeffame.10Sanyii Baanii keessaa, Shelomiitii ilma Yosiifiya'aa ti; isa woliin dhiira dhibbaa fi jaatamatti galmeeffame.11Sanyii Bebaayii keessaa, Zakaariyaasii ilma Bebaayii ti; isa woliin dhiira diddamii saddeetitti galmeeffame.12Sanyii Azigaadii keessaa, Yohaannaanii ilma Haqaaxanii ti; isa woliin dhiira dhibbaa fi kudhanitti galmeeffame.13Sanyii Adoniiqaamii keessaa, worri duuba irra dhufane Eliifelex, Ye'ii'elii fi Shemaa'iya'a; isaan woliin dhiira jaatamatti galmeeffame.14Sanyii Biigbaayii keessaa, Utaayii fi Zaakur; isaan woliin dhiira torbaatamatti galmeeffame.Tajaajiltoota Galma Waaqaa
15Ani Izraan laga gara qachaa Ahawaatitti yaa'u biratti isaan wolitti qabee, addee quttumaa san guyyaa sad turre. Ani kolba'aa fi hayyoota yennaa toowadhe, Lewwoota achitti hin dhaggine.16Tanaaf sooreyyii Elii'ezer, Arii'el, Shemaa'iyaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakaariyaasii fi Meshulaam akkasuma worra qaroolee Yoyaariibii fi Elnaataan waansisee,17isaanille dhaqanee worra Galma Waaqa keennaa keessa tajaajilu akka nuu fidanuuf, gara Iddoo sooressaa kolbaa lafa Kasiifa'aatii fi gara obboleeyyan isaa worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanuu isaan erge.18Hunni Waaqaa guddoon nu woliin waan jirtuuf, isaan sanyii Mahaalii sanyii Lewwii ilma Israa'elii ka te'e nama hubataa «Sherebiiyaa» jedhamu tokko ilmaan isaatii fi obboleeyyan isaa woliin dhiira kudhanii saddeeti gara keenna fidane;19ammalle isaan Hashabiiya'aa fi sanyii Meraarii keessaa Yeshaa'iyaa, isa woliin obboleeyyan isaatii fi ilmaan isaanii diddama,20kana maleelle, worra Daawitii fi qondaaltoti biyyaa, Lewwoota akka gargaaranuuf kennane keessaa, tajaajiltoota Galma Waaqaa dhibba lamaa fi diddama fidane. Isaan marti maquma maqa'aan galmeeffamane.21Waaqi deemmaa teenna akka nageessu, nu'uu fi ijoollee teenna, akkasuma karra teenna mara akka nuu eegu, isa duratti gad ifi qannee isa gaafatiisaaf, laga qachaa Ahawa'aa biratti laama lasse.22Nuuti mootichaan, «Hunni Waaqa keennaa worra isa barbaadatu woliin jirti; worra isa lakkisu mara irratti ammoo mufiin itti hin buuti» jennee waan itti hinneerruuf, karaa irratti diinota keenna akka nu irraa eeganuuf, loltootaa fi abbootii fardo'oo mooticha kadhatuu fokkifadhe.23Maarre nuuti laamiisaan marroo waan kanaa Waaqa keenna daadimanne; innille daadimata keenna dhage'e.Kennansa Galma Waaqaatiif Kenname
24Achiin duuba ani sooreyyii hayyootaa keessaa Sherebiiya'aa fi Hashabiiyaa hayyoota akka isaanii kudhan woliin wolumatti sooressitoota hayyootaa kudhanii lama file.25Meetii, worqi'ii fi meya adda addaa ka mootichi, gorsitooti isaa, qondaaltoti isaatii fi Israa'elooti achi jiranu martinuu Galma Waaqaatiif kennanelle madaalee hayyoota sanitti kenne.26Wonni ani madaalee isaanitti kenne: meetii gara kiiloogiraama kuma diddamaa fi kuma lama, meya meetii irraa hujame dhibba tokko ka gara kiiloogiraama torbaatamaa madaalu, worqii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afur,27qorii worqii irraa hujante diddama, ta gara kiiloo saddeetii fi giraama dhibba afur madaaltu; akkasuma meya dansaa ka akka worqii gatii guddo'oo, ka sageettuu calalaxxuu irraa hujame lama.28Ani hayyootaan, «Isinii fi mey kun Waaqaaf woyyoontaneertan; meeti'ii fi worqiin kennaa namooti fedha ifiitiin Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessaniitiif kennane.29Meya kana kolloo Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessatti, sooreyyii hayyootaa, ka Lewwootaa fi ka abbootii maatii kolbaa Israa'elii duratti haga madaaltanutti miidhassa'aa eega'a!» jedheen.30Achiin duuba hayyooti fi Lewwooti meetii, worqi'ii fi meya woyyicha Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jirutti geessiisaaf madaalame fuudhane.Gara Yerusaalemii Deebi'iisa
31Nuuti Yerusaalem dhaqiisaaf ji'a jalqabaa, guyyaa kudhanii lammeesso'ootitti laga qachaa Ahawa'aa biraa kaane. Hunni Waaqa keennaa nu woliin waan jirtuuf, inni diinota keennaa fi worra karaa irratti riphee nu eegu irraa nu eege.32Maarre nuuti Yerusaalem geennee, guyyaa sad achitti foorfanne.33Guyyaa arfeesso'ootitti gara Galma Waaqa keennaa dhandhee meetiin, worqi'ii fi mey woyyichi madaalamee, ilma Uriiya'aa hayyicha Meremootitti kennamane; ilmi Fiineshaasii Ele'azaarii fi Lewwooti ilmi Iyaasu'uu Yozaabaadiinii fi ilmi Biinuyii No'aadiyaan isa woliin jiraniiyyu.34Wonni martinuu laakkowantee madaalante; madaalliin waan maraatuu yennuma san galmeeffante.35Yennaa san worri boojuu irraa deebi'e, Israa'el maraaf dardaroota kudhanii lama, korbeeyyii hoole'ee sagaltamii jaa, buruusoo korbeeyyii hoole'ee torbaatamii torba Waaqa Israa'eliitiif ciincaa gubamu dhikeessane; kun martinuu ciincaa gubamu ka Mootii Waan Maraatiif dhikaate. Sababa cubbu'uutiifille, korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama ciincaa dhikeessane.36Isaan ajaja mootichaa bulchitoota kutaa biyya mootichaa bulchanuu fi qondaaltota kutaa biyyaa ta laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtutti kennane; isaanille kolba'aa fi Galma Waaqaa qarqaarane.