Izraa6gaz_bib
Labsii Daariyoos
1Kana irratti Daariyoos Mootichi ajaja kenne; isaanis galmeewwan mana galmee Baabilon keessatti kuufaman sana ni sakattaʼan.2Kitaabni maramaan tokkos Ahimetaa magaalaa guddaa kutaa biyyaa Meedee keessatti argame; kitaaba sana irrattis akkana jedhamee barreeffamee ture: Yaadachiisa:3Waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros Mootichaa keessa mootichi waaʼee mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaa akkana jedhee labsii baase:Manni qulqullummaa kun iddoo aarsaan itti dhiʼeeffamu taʼee deebifamee haa ijaaramu; hundeen isaas haa buufamu. Manni kunis ol dheerina dhundhuma jaatamaa fi balʼina dhundhuma jaatama qabaatee4dhagaa gurguddaa toora sadii sadii fi muka toora tokko tokkoon haa ijaaramu. Baasiin hundinuus qabeenya mootummaa keessaa baafamuu qaba.5Akkasumas miʼi warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaatii Baabilonitti fide sun iddoo isaanitti jechuunis mana qulqullummaa kan Yerusaalemitti deebifamanii mana Waaqaa keessa kuufamu qabu.6Egaa ati Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi isin michoota isaanii qondaaltonni kutaa biyya sanaa achii fagaadhaa.7Isin hojii mana qulqullummaa Waaqaa kana keessa hin seeninaa. Bulchaan Yihuudootaa fi maanguddoonni Yihuudootaa mana Waaqaa kana iddoo isaatti deebisanii haa ijaaran.8Kana irratti ani waan isin ijaarsa mana Waaqaa kana keessatti maanguddoota Yihuudootaa kanneeniif gochuu qabdan kunoo nan labsa: Akka hojiin hin dhaabanneef baasiin namoota kanaa guutumaan guutuutti qabeenya mootummaa irraa jechuunis gibira Gama Laga Efraaxiisii walitti qabamu keessaa haa baafamu.9Wanni barbaachisu kam iyyuu jechuunis jiboonni, korbeeyyiinii fi xobbaallaawwan hoolaa Waaqa samiitiif aarsaa gubamu taʼanii dhiʼeeffaman, akkasumas qamadiin, soogiddi, daadhiin wayinii fi zayitiin akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan barbaadanitti utuu gargar hin citin guyyaa guyyaadhaan isaaniif kennamuu qabu;10kunis akka isaan aarsaa Waaqa samiitti tolu dhiʼeessanii fi akka isaan jireenya mootichaa fi ilmaan isaatiif Waaqa kadhataniifii dha.11Kana caalaa iyyuu yoo namni kam iyyuu ajaja kana dide, ani akka utubaan mana isaa keessaa buqqifamee inni irratti fannifamu labsii kana labseera. Sababii yakka kanaatiif manni isaa tuulaa kosii ni taʼa.12Waaqni inni akka Maqaan isaa achi jiraatu godhe sun mootii yookaan saba labsii kana geeddaruuf yookaan mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaa barbadeessuuf harka ol fudhatu kam iyyuu haa balleessu. Ani Daariyoos labsii kana labseera. Wanni kunis ariitiidhaan hojii irra haa oolu.