Kitaaba Izra'aa2gax_twf

Maqaa Worra Boojuu Irraa Deebi'ee

1Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar gara Baabilonii worra booji'e keessaa, worri gara qachoota ifii Yerusaalemii fi Yihuda'aa deebi'e isaan kana:2isaan sooressitoota ifii Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiyaa, Seraayaa, Re'elaayaa, Mordekaayi, Biilshaan, Miisphaar, Biigwaayi, Rehuumii fi Ba'anaa woliin deebi'ane. Kolbaa Israa'elii keessaa worri boojuu irraa deebi'e, laakkossi isaanii asii gad jira:3Sanyiin Faareshii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama;4sanyiin Shephaaxiya'a dhibba sadii fi torbaatamii lama;5sanyiin Araa dhibba torbaa fi torbaatamii shan;6sanyii Fahat Mo'aabii keessaa sanyiin Iyaasu'uutii fi Yo'aabii kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudhanii lama;7sanyiin Elaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;8sanyiin Zaatu'uu dhibba sagalii fi afurtamii shan;9sanyiin Zakaayii dhibba torbaa fi jaatama;10sanyiin Baanii dhibba jaa fi afurtamii lama;11sanyiin Bebaayii dhibba jaa fi diddamii sad;12sanyiin Azigaadii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi diddamii lama;13sanyiin Adoniiqaamii dhibba jaa fi jaatamii jaa;14sanyiin Biigwaayii kuma lamaa fi shantamii jaa;15sanyiin Aadiinii dhibba afurii fi shantamii afur;16sanyii Ateerii keessaa sanyiin Hisqiyaasii sagaltamii saddeeti;17sanyiin Bezaayii dhibba sadii fi diddamii sad;18sanyiin Yoraa dhibba tokkoo fi kudhanii lama;19sanyiin Hashumii dhibba lamaa fi diddamii sad;20Sanyiin Gibaarii sagaltamii shan;21namooti qachaa Betlihemii dhibba tokkoo fi diddamii sad;22namooti qachaa Netofa'aa shantamii jaa;23namooti Anaatotii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti;24namooti Azmaawetii afurtamii lama;25namooti qachoota Kiriiyat-Ya'ariimii, Kefiiraa fi Be'erotii dhibba torbaa fi afurtamii sad;26namooti qachaa Raama'aatii fi Gebaa dhibba jaa fi diddamii tokko;27namooti qachaa Miikmaashii dhibba tokkoo fi diddamii lama;28namooti qachaa Bet'eliitii fi Aayii dhibba lamaa fi diddamii sad;29namooti qachaa Neboo shantamii lama;30namooti qachaa Magbiishii dhibba tokkoo fi shantamii jaa;31namooti qachaa Elaamii dhibi'ii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;32namooti qachaa Haariimii dhibba sadii fi diddama;33namooti qachaa Lodii, Haadiidiitii fi Onoo dhibba torbaa fi diddamii shan;34namooti qachaa Yeriko'oo dhibba sadii fi afurtamii shan;35namooti qachaa Sena'aa kuma sadii fi dhibba jaa fi soddoma.36Hayyooti boojuu irraa deebite: sanyii Yedaa'iya'aa keessaa maatiin Iyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sad;37sanyiin Iimerii kuma tokkoo fi shantamii lama;38sanyiin Phashihurii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba;39sanyiin Haariimii kuma tokkoo fi kudhanii torba.40Lewwooti boojuu irraa deebi'ane: sanyii Hodaawiyaa keessaa sanyiin Iyaasu'uutii fi Qadmii'elii torbaatamii afur;41faarsitooti: sanyiin Asaafii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti;42Eeddoti karra Galma Waaqaa: sanyiin Shaalumii, sanyiin Ateerii, sanyiin Xalmoonii, sanyiin Aquubii, sanyiin Haxiixa'aatii fi sanyiin Shabaayii wolumatti dhibba tokkoo fi soddomii sagal.43Tajaajiltooti Galma Waaqaa ta boojuu irraa deebite: sanyii Ziihaa, sanyii Hasufaa, sanyii Xabaa'otii,44sanyii Qerosii, sanyii Sii'eha'aa, sanyii Faadonii,45sanyii Lebaana'aa, sanyii Hagaaba'aa, sanyii Aquubii,46sanyii Hagaabii, sanyii Shalmaayii, sanyii Haanaanii,47sanyii Giidelii, sanyii Gahaarii, sanyii Re'aaya'aa,48sanyii Resiinii, sanyii Neqoda'aa, sanyii Gaazaamii,49sanyii Uza'aa, sanyii Faaseha'aa, sanyii Besaayii,50sanyii Asina'aa, sanyii Me'unoota'aa, sanyii Nefusiimii,51sanyii Baqbuqii, sanyii Haqufa'aa, sanyii Harhurii,52sanyii Baslutii, sanyii Mehiida'aa, sanyii Harisha'aa,53sanyii Baarqosii, sanyii Siisera'aa, sanyii Taamaa,54sanyii Nesiiya'aatii fi sanyii Haxiifa'aa ti.55Sanyiin tajaajiltoota Solomoonii ta boojuu irraa deebite: sanyii Soxaayii, sanyii Hasoferetii, sanyii Faruda'aa,56sanyii Ya'ala'aa, sanyii Daarqonii, sanyii Giidelii,57sanyii Shefaaxiya'aa, sanyii Haxiilii, sanyii Fokeretii, sanyii Hasbaayimiitii fi Amii ti.58Sanyiin tajaajiltoota Galma Waaqaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii wolumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama.59Worri qachaa Tel-Melaatii, worri qachaa Tel-haareshaatii, worri qachaa Keruubii, worri qachaa Adaaniitii fi Iimeriitii bayanee dhufane, sanyiin isaanii Israa'eloota akka teete mirkaneessiisa hin dandeenne.60Isaanille sanyiin Delaaya'aa, sanyiin Xobiiya'aatii fi sanyiin Neqoda'aa dhibba jaa fi shantamii lama.61Hayyoota keessaa, sanyii Habaaya'aa, sanyii Haqoziitii fi sanyii Baarzilaayii ti; Berziilaayi intala Baarzilaayii Giil'aadichaa fuudhee maqaa kanaan waamame.62Isaan kun worra akka hidda dhaloota isaaniititti barreeffamane keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef, akka battootaatitti laakkowamanee, tajaajila hayyumma'aa irraa dhooggamane.63Bulchaan biyyaa, haga hayyichi Uriimii fi Tumiimiin fedha Waaqaa gaafatiisa dande'u dhaggamutti, sagalee irraa caalaa woyyittii akka hin nyaanne isaan ajaje.64Laakkossi namoota boojuu irraa deebi'anee wolumatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama;65kana maleelle tajaajiltooti isaanii dhiiraa fi dubartiin kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; faarsitooti isaanii dhiiraa fi dubartiin dhibba lama;66Fardoon isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaa; Gaangoleen isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan;67Gaaloti isaanii dhibba afurii fi soddomii shan; Harreeleen isaanii kuma jaa fi dhibba torbaa fi diddama.68Worri boojuu irraa deebi'e Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa yennaa geyane, sooreyyiin maati'ii gariin Galmi Waaqaa addee duriititti deebi'ee akka ijaaramu qarqaariisaaf, fedhii ifiitiin kennansa kennane.69Isaan hujii Galma Waaqaatiif, akka dandeettii isaaniititti wolumatti worqii gara kiiloogiraama dhibba shanii, meetii gara kiiloogiraama kuma sadiitii fi woyaa hayyooti uffattu dhibba tokko kennane.70Hayyooti, Lewwooti, namooti dhibiille, faarsitooti, eeddoti karraatii fi tajaajiltooti Galma Waaqaa qachoota ifii keessa qubatane. Israa'elooti hafanelle qachootuma ifii keessa qubatane.