Hisqiʼeel7gaz_bib

Dhumni Dhufeera

1Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:2“Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan biyya Israaʼeliin akkana jedha:“ ‘Dhuma! Golee biyyattii afranittidhumni dhufeera.3Ammas dhumni kee gaʼeera;dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa;ani akkuma amala keetiitti sitti nan mura;gochawwan kee jibbisiisoo hundaafis ani sin adaba.4Ani gara laafinaan si hin ilaaluyookaan si hin baasu;ani hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti,amala keetiif sin adaba.“ ‘Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’
5“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:“ ‘Badii! Badiin takkaa hin dhagaʼamintokko dhufaa jira.6Dhumni dhufeera!Dhumni dhufeera!Inni mataan isaa isinitti kaʼeera.Inni dhufeera!7Yaa warra biyyattii keessa jiraattan,badiin isinitti dhufeera.Yeroon gaʼeera; guyyaan dhiʼaateera;tulluuwwan irratti gammachuu utuu hin taʼin jeequmsatu taʼa.8Ani dheekkamsa koo sitti dhangalaasuudhaafan jira;aarii koo illee sitti nan baʼa;akkuma amala keetiittis sitti nan mura;gochaawwan kee jibbisiisoo sana hundaafis sin adaba.9Ani gara laafinaan si hin ilaaluyookaan si hin baraaru.Hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranittiani akkuma amala keetiitti sin adaba.“ ‘Ergasiis akka kan rukutu sun ana Waaqayyo taʼe isin ni beektu.10“ ‘Guyyaan sun kunoo ti!Inni dhufeera!Badiin cabsee dhufeera;uleen lateera;of tuulummaan daraareera!11Gooliin guddatee ulee hammina adabu taʼeera;isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafu;waldaa isaanii keessaa,qabeenya isaaniitii fiwaan faayidaa qabu keessaatokko iyyuu hin hafu.12Yeroon sun dhufeera;guyyaan sun gaʼeera.Inni bitu hin gammadin;kan gurgurus hin gaddin;dheekkamsi guutummaa isaaniitti dhufaatii.13Hamma lamaan isaanii iyyuu lubbuun jiranittiinni lafa gurgure hin deebifatu;mulʼanni waaʼee sabaatiif mulʼateduubatti hin deebiʼuutii.Sababii cubbuu isaaniitiif isaan keessaa namni tokko iyyuulubbuu ofii isaa hin oolfatu.
14“ ‘Sababii dheekkamsi koo waldaa hunda irra jiruufisaan malakata afuufaniiwaan hunda qopheeffatan iyyuu,namni tokko iyyuu gara adda waraanaa hin dhaqu.15Alaan goraadeetu jira;keessaan immoo dhaʼichaa fi beelatu jira;warri baadiyyaa goraadeedhaan duʼu;warri magaalaa keessaa immoo beelaa fi dhaʼichaan dhumu.16Baqattoonni warri miliqantulluuwwanitti baqatu.Tokkoon tokkoon isaaniiakkuma gugeewwan sululaasababii cubbuu isaaniitiif ni aadu.17Harki hundi ni naafata;jilbi hundinuus bishaan taʼa.18Isaan wayyaa gaddaa uffataniisodaadhaan haguugamu.Fuulli isaanii qaanii uffata;mataan isaaniis ni haadama.
19“ ‘Isaan meetii isaanii daandiiwwan irratti gatu;warqeen isaanii akka waan xuraaʼaa taʼa.Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti meetii fiwarqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.Isaan nyaatanii beela hin baʼanyookaan garaa isaanii hin guuttatan;meetii fi warqeen isaanii isaan gufachiiseecubbuutti isaan galcheeraatii.20Isaan faaya bareedaa isaaniitiin of tuulaniiwaaqota isaanii jibbisiisoo fi fakkiiwwan faayidaa hin qabne sanatolchuuf itti fayyadaman.Kanaafuu ani wantoota kanneengara waan xuraaʼaatti isaan duraa nan geeddara.21Ani harka namoota biyya ormaatti boojuudhaaf,hamoota lafaattis saamichaaf dabarsee ishee nan kenna;isaanis isa ni xureessu.22Ani fuula koo isaan irraa nan deebifadha;isaanis iddoo koo jaallatamaa sana ni xureessu;saamtonnis itti seenanii ni xureessu.
23“ ‘Sababii biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan,magaalattiin immoo gooliidhaan guutamteeffoncaa qopheessi.24Ani akka isaan manneen isaanii dhaalaniifwarra saboota keessaa akka malee hamoo taʼan nan fida;of tuulummaa namoota jajjaboo nan cabsa;manneen qulqullummaa isaaniis nan xureessa.25Yeroo raafamni dhufutti isaan nagaa barbaadu;garuu tokko illee hin argatan.26Badiin badii irratti,oduunis, oduu irratti ni dhufa.Isaan raajii irraa mulʼata argachuu ni yaalu;seerri luboota biraa,gorsi immoo maanguddoota biraa ni dhabama.27Mootiin ni booʼa;ilmi mootii abdii kutata;harki uummata biyyattii ni hollata.Ani akkuma hojii isaaniitti gatii isaanii nan kennaaf;akkuma seera ofii isaaniittis murtii nan kennaaf.“ ‘Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”