Muraa Waaqota Dharaa Waaqonfatiisa Irratti Dhuttu
1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Ilma namaa! Gara gaarota Israa'elii ilaali; raaga isaan irratti dubbadhuutii,3‹Ee, gaarota Israa'elii, jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, gaarotaa fi koobotaan, dareeraa fi dhooqaan: Kunoo, ani shallaagaa isinitti ergee, addee waaqonfanna'aa teessan hin balleessa.4Addeen ciinca'aa teessan marti diigantee hin baddi; addeen ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu marti hin caccaddi; ani namoota keessan ka ijjeefamane waaqota dharaa keessan duratti hin gata.5Reeffa worra Israa'elootaa waaqota dharaa ka isaanii duratti hin gonbisa; lafee isaaniille adaala addee ciinca'aa teessanitti hin bittinneessa.6Addeen ciinca'aa teessan diigamanee akka onanu, waaqoti dharaa keessan caccabanee akka badanu, addeen ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu akka diigamanu, wonni isin hujjane marti ijjumaa akka baddu, qachooti isin keessa leetanu marti ona hin te'an; addeen waaqonfanna'aa teessan marti hin diigaman.7Namooti ijjeefamane odduu teessanitti hin gombifaman; isinille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.8«‹Te'uu malee yennaa isin gosa biyya adda addaa odduu bittinnoottanu, isin keessaa worra garii ka shallaagaa jalaa miliqee hafu, lubbu'uun hin hambura.9Achiin duuba worri shallaagaa jalaa miliqee hafe kun, naaf addatamummaa dhabiisaan na irraa goranee, waaqota dharaa waaqonfatanee, attam akka na gaddisiisane, gosa biyya adda addaa addee itti booji'amane oddu'utti, na hin qaabatan. Isaan hujii hantuu hujaneef, hujii battii hujane maraafille, ifi hin jibban.10Isaan ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan. Waan hantuu tana isaan irratti akka fidu ani akkasumaan hin dubbanne jedha› jedhi» jedhe.11Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan Israa'elii sababa hujii hantuu battittii hujje maraatiif, shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan waan dhumattuuf, harka dhowaa, miilaan lafa dhidhiitaa, ‹Aanne'e!› jedhii bowi.12Worri fagoo jiru dhukkubaan hin dhumata; worri dhikoo jiru shallaaga'aan hin dhumata; worri tana jalaa bayee hafe beelaan hin dhumata; akkanaan ani mufii tiyya jadduu isaan irratti hin baafadha.13Isaan keessaa worri qalame odduu waaqota dharaa ka isaanii adaala addee ciinca'aa ta isaaniititti, koobota dhedheertuu mara irratti, gaarota mara irratti, muka bisilee mara jalatti, qilxaa banqaaqaa mara jalatti, addee waaqota dharaa ka ifiitiif kennansa foolee dansaa qabu itti dhikeessane maratti, reeffi isaanii yennaa gombifame, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.14Ani harka kiyya isaan irratti diriirsee, addee isaan le'anu mara, lafa isaanii duwwaa godhee, goomolee kibbaa irraa jalqabee haga qachaa Diiblaa ka gara kaabaatitti hin onsa. Achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e isaan hin beekan» jedhe.