Hizqi'elii Raagichaa38gax_twf

Raaga Googi Irratti Dubbatame

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Ee ilma namaa! Fuula keeti gara Googii lafa Maagoogii jiru, qondaala guddicha Meshekiitii fi Tubaalii deebifadhuutii raaga irratti dubbadhuutii,3‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee Googii qondaala Meshekiitii fi Tubaalii, kunoo, ani si irratti ka'eera.4Ani gara duubaa si hin deebisa; ani a'oo teeti keessa hookkoo galchee, loltoota teeti mara, fardoo teetii fi abbootii fardo'oo teeti mara, worra meya woraanaa ka ifii guutuu hidhate mara, loltoota bacaa worra wontee gugurdo'oo fi wontee didiqqoo qabanu, worra shallaagaa ifii mirmiffatanu mara harkisee si woliin hin baasa.5Worri Faaresii, worri Itoophiya'aaisaan woliin jiran; isaan martinuu wonte'ee fi gullee sibiilaa keyataneeran.6Gomerii fi loltooti isaa mara, Bet-Togaarmaa kaaba fago'oo irraa loltoota isaa mara woliin, kolbaa hedduulle si woliin hin baasa.7Atii fi worri adaala keetitti wolitti qabame martinuu qophowa'a; ati sooressa isaanii te'i.8Bara heddu'uun duuba ati lolaaf hin waamanta. Lafa bara baca'aan duuba lolli irraa cite, ta kolbaan isi'ii gosa biyya adda addaa hedduu keessaa gaarota Israa'elii irratti wolitti qabante, ta yennaa hedduu ontee turte, ta isaan martinuu amma nageyaan keessa le'anu san irratti hin kaata.9Atii fi loltooti keeti marti, gosi biyya adda addaa bacaan ta si woliin jirtu akka bubbee bokkeyaa hin baatan; akka duumensaa lafa hin gollitan jedha› jedhi.10«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Bara sanitti yaadi gara qalbii teetii hin dhufa. Ati mala hamaa hin dhootta;11ati: Ani lafa ollaa dalleya hin qannetti hin duula. Kolbaa dalleya, danqara'aa fi karra malee cadhittee nageyaan leetu mara hin lola;12lafa ontee amma nami deebi'ee irra le'u tana irratti harka kiyya diriirsee, worra gosa biyya adda addaa keessaa wolitti qabame, worra horii baca'aa fi meya hedduu qabu, ka handhura biyya lafaa irra le'u hin booji'a; hin saamalle'e jetta.13Sheeba'aa fi Dedaan, daldaltooti Tarshiishiitii fi ollooti isi'ii marti, si'iin: Ati saamiisaaf dhuttee? Meeti'ii fi worqii, hori'ii fi meya bacaa booji'iisaaf loltoota teeti wolitti qabattee dhuttee? Hin jedhan jedha› jedhi.14«Tanaaf, ee ilma namaa! Ati Googi irratti raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Bara kolbaan tiyya Israa'el nageyaan leetu ati hin beettaa motii ree?15Ati lafa kaabaa fagoo irraa gosa biyya adda addaa hedduu, kolbaa bacaa, loltoota jajjadduu woliin isaan martinuu fardoo irra tee'anee, isaan woliin hin dhutta.16Ati kolbaa tiyya Israa'el loliisaaf, akka duumensa lafa golluu itti hin dhutta. Ee Googi, karaa keetiin fuula isaanii duratti woyyummaa tiyya yennaa ani isaanitti mudhisu, gosi biyya adda addaa akka na beekanu, bara muumme'ee irratti lafa tiyya loliisaaf akka ati dhuttu hin godha jedha› jedhiin.17Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati ka ani bara durii karaa garboota tiyya raagota Israa'eliitiin marroo isaa dubbadhe sanii motii? Ani bara san akka isaan irratti si fidu isaan bara dheeraa raaganeeran› jedha.

Muraa Waaqi Googi irratti fidu

18«Ammalle Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Yennaa Googi lafa Israa'elii lolu, guyyaa san aariin tiyya jadduun hin kaati.19Guyyaa san lafa Israa'elii irratti tacho'iis lafaa guddaan akka te'u, ani hinaaffa'aan, aarii tiyya ta bobeettulle'een lallabeera.20Qurxummi'ii fi sinbirrooti, bineensoti badda'aa marti, dadi lafa irra lowanu marti, namooti lafa irraa martinuu fuula kiyya duratti hin hollatan; gaaroti gad hin qolaanfaman; bowwaan marti hin sigigan; dalleenni dhaka'aa marti hin jigan.21Gaarota kiyya mara irratti Googi loliisaaf shallaagaa hin waama; nami marti wol irratti shallaagaa hin buqqifata.22Ani dhukkuba hama'aa fi dhiiga dhangalaasiisaan isatti hin mura; isa irratti, loltoota isaatii fi worra isa woliin jiranu irratti bokkeya baradaa, dhakaa bokkeyaa, ibiddaa fi dhakaa bobe'u hin roobisiisa.23Maarre ani guddinna kiyyaa fi woyyummaa tiyya hin mudhisa; gosa biyya adda addaa duratti ifi hin beessisa; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha.