Hizqi'elii Raagichaa34gax_twf

Raaga Tissitoota Israa'elii Irratti Dubbatame

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Ee ilma namaa! Tissitoota Israa'elii irratti raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Tissitoota Israa'elii worra ifi qofa tiffatuuf aanne'e! Tissitooti silaa hoolota tissitii motii?3Isin cooma nyaattan; woyaa rifeensa hoole'ee irraa hujante uffattan; hoolota gabbatte qalattan; hoolota ammoo hin tissitanu.4Isin worra dadhabeeru hin jajjabeessine; worra dhibameeru hin fayyine; worra cabeeru hin hiine; worra karaa irraa goreeru hin deebinne; worra badeeru hin barbaanne; isin hunnaa fi gadhi-jabeennaan hoolota tissitane.5Hooloti tissee waan hin qanneef bittinnowanee, bineensota badda'aa maraaf sagalee te'ane.6Hooloti tiyya gaarota maraa fi koobota dhedheertuu mara irra joonjane; isaan lafa mara irra bittinnowane; nami isaan barbaade yookiin ka isaan ilaale tokkolle hin jiru.7« ‹Tanaaf, isin tissitooti, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!8Goottaan Mootiin Waan Maraa: Dhugumaan ani jiraata'a! Hooloti tiyya tissee waan hin qanneef, tissitooti tiyya ifi qofa waan tiffatanuuf, hooloti tiyya ka isaan barbaadu dhabanee bineensaaf sagalee te'ane.9Tanaaf, isin tissitoota, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!10Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani tissitoota irratti hin ka'a; hoolota tiyya harka isaanii keessaa hin barbaada; haganaa achi akka isaan hoolota tiyya hin tissine hin godha; tissitootille haganaa achi ifi qofa hin tissanu; ani hoolota tiyya afaan isaanii keessaa hin baasa; haganaa achi isaan sagalee isaanii hin te'anu.

Waaqi Tissee Dansa'a

11« ‹Ammalle Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, aninuu hoolota tiyya hin barbaadadha; hin tiffadhalle'e.12Akkuma tissitooti yennaa hoolota ifii tiffatanu hoolota bittinnootte barbaadanu, anille hoolota tiyya hin barbaadadha; guyyaa duumensaatii fi guyyaa dukkanaa addee isaan itti bittinnowaneeranuu isaan hin baasa.13Ani gosa biyya adda addaa keessaa isaan baasee, biyya hedduu keessaa isaan wolitti qabee lafa isaaniititti isaan hin deebisa. Gaarota Israa'elii irra, lagoota bisaanii bira, lafa nami keessa le'u mara irra isaan hin tiffadha.14Ani addee marri dansaan jirutti isaan hin bobbaasa; gaaroti Israa'elii dhedheeraan addee dheeda isaanii hin te'an. Isaan achi lafa marri dansaan jiru irra hin ciisan; achi gaarota Israa'elii irra addee marri dansaan jiru hin dheedan.15Aninuu tissee hoolota tiyyaa hin te'a; aninuu akka isaan foorfatanu hin godha jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.16Ani ta baddeertu hin barbaada; ta karaa irraa gorteertu hin deebifadha; ta caddeertu hin hidhadha; ta dadhaddeertu hin jajjabeeffadha; ta coonteertuu fi ta jabaatteertu hin balleessa; ani haqaan isaan hin tissa.17« ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani marroo isin hoolota tiyyaa, hoolotaa fi hoolota wodhakka'atti, korbeeyyii hoole'eetii fi korbeeyyii re'e'ee wodhakka'atti muraa hin kenna.18Marra dansaa dheediis isin hin gewuu? Ka hafe miila keessaniin irra sirbuu qaddanii ree? Bisaan qulluu uniis isin hin gewuu? Ka hafe miila keessaniin booressuu qaddanii ree?19Hooloti tiyya waan isin miila keessaniin irra sirbitane dheedanee, bisaan isin miila keessaniin booressitane unanii ree?20« ‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, isaaniin: Kunoo, aninuu hoolota tiyya ta coonteertuu fi ta huqqatteertu wodhakka'atti muraa hin kenna.21Isin hoolota dadhaddeertu haga isaan bittinneessitanutti cinaachaa fi gurmuu teessaniin waan isaan darbitanuuf, gaafa keessanille'een waan isaan woraantanuuf,22ani hoolota tiyya hin baasa; haganaa achi isaan hin nyaatamanu; ani hoolotaa fi hoolota wodhakka'atti muraa hin kenna.23Ani tissee tokko garbicha kiyya Daawiti isaaniif hin kenna; innille isaan hin tissa; inni isaan bobbaasee tissee isaaniif hin te'a.24Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa isaanii hin te'a; garbichi kiyya Daawitille isaan oddu'utti qondaala hin te'a; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.25Ani Gondooroo nageyaa isaan woliin hin godhadha; akka isaan nageyaan goomolee keessa le'anee, gongomaa keessa ciisanu, bineensota badda'aa lafa isaanii keessaa hin balleessa.26« ‹Ani isaan, addee adaala gaara kiyyaalle hin eebbisa; yennaa eegatee bokkeenni akka roobu hin godha; bokkeenni sun bokkeya eebbaa hin te'a.27Mukooti badda'aa midhaan ifii hin buusan; lattille midhaan hin kenniti; kolbaalle lafa ifii keessa nageyaan hin leeti. Ani waanjoo isaanii caccassee, harka worra isaan garboonfatee keessaa yennaa isaan baase, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.28Isaan haganaa achi gosa biyya adda addaatiin hin nyaatamanu; bineensaafille sagalee hin te'anu; wonni isaan sodaachisu tokkolle adoo hin jiraatin nageyaan hin le'an.29Haganaa achi akka isaan beelaan hin dhumanne, cooraa gosa biyya adda addaatiin akka isaan hin rakkanne, ani lafa midhaaniin beekkante isaaniif hin kenna.30Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii isaan woliin akka jiruu fi kolbaan Israa'elii kolbaa tiyya akka teete isaan hin beekan jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.31« ‹Isin hoolota tiyya, kolbaa Israa'elii ta ani tiffadhu; anille Waaqa keessan› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.