Hizqi'elii Raagichaa30gax_twf

Biyyi Gibxi'ii Hin Adabanti

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Ee ilma namaa! Raaga raagiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Wiiccifadhuu bowiitii: Guyyaa saniif aanne'e jedhi.3«‹Guyyaan sun dhikaateera;guyyaan Mootii Waan Maraa dhikaateera.Guyyaan sun guyyaa duumensaa ti;gosa biyya adda addaatiif yennaa mura'aa ti.4Biyya Gibxi'iititti shallaagaan hin dhufa;biyya Itoophiya'aalle'etti muddam hin dhufa.Worri qalame biyya Gibxi'ii keessatti yennaa jiganu,karri isi'ii hin fudhatanti;hundeen isi'iille hin diiganti.5« ‹Itoophiyaan, Fuxi, Ludi, worri Arabaa marti, gumiin kolbaa garagaraalle, biyyi Kubiitii fi kolbaan biyya sanii worri ani dur isaan woliin gondooroo godhadhe biyya Gibxi'ii woliin shallaaga'aan hin dhumatan› jedha.6«Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Gibxi qarqaaru marti hin dhumatan; hunni isiin ittiin koortulle hin salphatti; Miigdolii haga Aswaaniititti isii keessatti shallaaga'aan hin dhumatan.7Biyyi Gibxi'ii biyyoota onane wodhakka'atti ona hin teeti; qachooti isi'iille qachoota diigamane wodhakka'atti hin diigaman.8Yennaa ani biyya Gibxi'iititti ibidda qassiisu, worri isii qarqaaru marti yennaa caccabu, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.9« ‹Guyyaa san ergantooti na biraa hobolo'oon, kolbaa Itoophiya'aata bidhaa hin qanne akka bararaqanu godhiisaaf hin bayan; guyyaa Gibxi'itti muratu san muddam isaanitti hin dhufa. Kunoo, muddam sun hin dhufa› jedha.10«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti kolbaa Gibxi'ii bindillaa hin fixa.11Innii fi loltooti isaa gadhi-jabeeyyiin lafa balleessiisaaf hin dhufan; shallaagaa ifii worra Gibxi'iititti buqqifatanee lafa san worra qalameen hin guutan.12Ani laga Nayilii hin gossa; lafalle worra hamaaleyyi'itti hin gurgura; lafaa fi waan isii keessaa mara harka worra ormaatiin hin onsa. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha.13«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani waaqota dharaa hin balleessa; fakkii waaqotaalle qachaa Memfiisii keessaa ijjumaa hin balleessa; biyya Gibxi'ii keessa haganaa achi qondaalli hin jiraatu; lafa Gibxi'iititti sodaa hin buusa.14Ani kibba Gibxi'iihin onsa; Zo'aanitti ibidda hin naqa; qachaa No'iille'etti hin mura.15Ani kushee jadduu biyya Gibxi'ii qachaa Siinii irratti mufii tiyya hin dhangalaasa; kolbaa bindillaa No'iille hin balleessa.16Ani biyya Gibxi'iititti ibidda hin naqa; qachaan Siinii akka dubartii deettuu hin ciniinsifata; dalleenni dhaka'aa ka No'ii hin caba; qachaan Memfiisiille yennaa mara diinaan hin rakkata.17Dargaggooti qachaa Aweeniitii fi Phii-Besetii keessa jiranu martinuu shallaaga'aan hin dhumatan. Dubartooti qachaa san keessaa hin booji'aman.18Yennaa ani waanjoo biyya Gibxi'ii caccassu, qachaa Taahafenee keessatti guyyaan hin dukkana; hunni isiin ittiin koortulle hin baddi; duumensalle'een hin gollama; worri aadaa isaa le'u hin booji'aman.19Akka kanaan ani biyya Gibxi'ii hin adaba; isaanille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.

Biyyi Gibxi'ii Hin Dadhaddi

20Booji'anee woggaa kudhanii tokkeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa torbeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,21«Ee ilma namaa! Ani irree Fara'oonii mootii Gibxi'ii casseera; kunoo, hiituu itti mariisaan fayyitee, jabaattee shallaagaa qabatuu akka dandeettu, irreen sun hidhantee hin jirtu.22Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani Fara'oonii mootii Gibxi'ii irratti hin ka'a; irree isaa lamaanuu ta caddee fi fayyaalettiille hin caccassa; shallaagaan harka isaatii akka bu'u hin godha.23Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa odduu hin bittinneessa. Biyya hedduu keessa hin faffacaasa.24Irree mootii Baabilonii hin jabeessa; shallaagaa kiyya harka isaa keessa hin keya; irree mootii Gibxi'ii ammoo hin caccassa; inni akka nama akka malee madowee isa duratti hin aada.25Ani irree mootii Baabilonii hin jabeessa; irreen motii Gibxi'ii ammoo irraa hin buuti; yennaa ani shallaagaa kiyya harka mootii Baabilonii keessa keyee, yennaa inni worra Gibxi'iititti mirmirsu, yoos isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.26Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa odduu hin bittinneessa. Yoos isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.