Gadda Marroo Qachaa Xiiroosii
1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Ee ilma namaa! Marroo qachaa Xiiroosiitiif faaruu gaddaa faarsi;3ati qachaa Xiiroosii, ka seensuma abbaaya'aa irra jirtu, ka gosa biyya adda addaa ka qarqara abbaaya'aa hedduu woliin daldalatuun, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ee qachaa Xiiroosii! Ati: Ani dansumma'aan dhidhinna hin qabu ifiin jetteerta.4«‹Meessaan keeti gadhaa abbaaya'aa keessa;worri si ijaare dansummaan teeti akka hin dhidhanne godheera.5Falaxaa muka keetii muka gaara Siinaaarii irraa hujane;utubaa keeti hindheensa Libaanonii irraa hujane.6Shaffisaa keeti muka qilxaa Baashaanii irraa hujane.Falaxaa muka Qophiroos irraa dhufee si'iif afanee,ilka arbaa itti maxxansanee seesane.7Marduufi hoboloo teetii quncee talba'aaka biyya Gibxi'ii irraa hujameakka baandira'aa ka ati ittiin beekkante;gollaan keeti ka bifa cuquliisaatii fi dhiilleen,oddoola Eliishaahiitii dhufane.8Worri hoboloo teeti oofu Sidoonii fi Arwaad irraa dhufane;Ee qachaa Xiiroosii! Worri ogeeyyiin si keessa jiranuisaan worra hoboloo teeti oofe.9Maanguddooti Gebaaliitii fi ogeeyyiin isi'iihoboloo teeti hujiisaaf si keessa jiraniiyyu;hobolooti abbaaya'aatii fi worri hoboloo oofu martimeya sitti gurguratiisaaf,si irralle'ee bitatiisaaf si keessa jiraniiyyu.10« ‹Namooti Faaresii, Ludii fi Fuxii loltoota te'anee loltoota teeti keessa tajaajilane. Isaan wonte'ee fi gullee sibiilaa si keessatti fannisanee akka ati ulfinna dhaggattu si godhane.11Namooti Arwaadiitii fi Helekii dalleya dhaka'aa ka si'itti naannowe eegane; namooti Gamaadiille xelleephoo teeti keessa jiraniiyyu. Isaan wontee ifii dalleya dhaka'aa keetitti fannisanee, dansummaan teeti akka hin dhidhanne godhane.12« ‹Tarshiish sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; meetii, sibiila, qorqooro'oo fi irsaasa fiddee meya keetiin jijjiiratte.13Yaawaan, Tubaalii fi Meshek sitti daldalatane; isaan garbootaa fi meya sageettu'uu meya keetiin jijjiiratane.14Worri Bet-Togaarmaalle fardoo fe'iisaa, fardoo woraanaatii fi gaangolee meya keetiin jijjiiratane.15Worri Rodiisitti daldalatane; worri abbaayaa qarqaraa hedduun si irraa bitatanee, si'ille'etti gurguratane; isaan ilka arbaatii fi muka gurraacha gatii guddo'oo si'iif fidanee meya keetiin jijjiiratane.16Worri Sooriya'aa sababa meya keeti baca'aatiif sitti daldalatane; isaan dooqa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, woyaa liilanaan kuulantee dhowante, woyaa quncee talba'aa dadansaa, elellaanii fi dooqa diimaa meya keetiin jijjiiratane.17Worri Yihuda'aatii fi worri lafa Israa'elii sitti daldalatane; isaan qamadii biyya Miiniitii, sagalee mi'oottuu, damma, zayiti'ii fi uddowaa meya keetiin jijjiiratane.18Worri Damaasqo'oo sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; isaan daadhii woyni'ii ta Helbon irraa dhuttuu fi rifeensa hoole'ee ka Zaahaar irraa dhufu meya keetiin jijjiiratane.19Worri Daaniitii fi worri Yaawaanii ka Uzaal irraa dhufane sitti daldalatane; isaan sibiila tumame, qarafa'aa fi qurunfudi'iin meya keetiin jijjiiratane.20Worri Dedaanii gilaasii koora'aa sitti daldalatane.21Worri Arabaatii fi qondaaltoti Qedaarii marti buruusoo korbeeyyii hoole'ee, korbeeyyii hoole'eetii fi re'oota sitti daldalatane.22Daldaltooti Sheeba'aatii fi Ra'ima'aa sitti daldalatane; isaan uddowaa uddowaa mara caalu, dhakaa gatii guddo'ootii fi worqii meya keetiin jijjiiratane.23Worri qachoota Haraanii, Kanneetii fi Edenii, daldaltooti Shaba'aa, Asooriitii fi Kilmaadii sitti daldalatane.24Daldaltooti kun dikkoo teetitti woyaa dadansaa, woyaa bifa cuquliisaatii fi woyaa liilanaan kukuulantee dhowante, itillee dadansaa ta bifa adda addaatiin seefantee fi wodaroo akka dansaa dhowante gurguratane.25Hobolooti Tarshiishii meya ati gurgurte ba'atane. Maarre ati gadhaa abbaaya'aa keessatti akka hobolo'oo fe'iisa ulfaata'aan guutanteerta.26« ‹Worri si oofu gara ila abbaaya'aa si geessane.Qilleensi karaa aduun baatuuwodhakkaa abbaaya'aatitti si butuche.27Qabeenni keeti, mey keeti, daldalli keeti,worri yennaa hoboloon hammaattu miidhassanu,worri hoboloo oofanu,worri hoboloo keessa tajaajilanu,daldaltooti teetiloltooti teeti ta si keessaa martinamoota si keessa jiranu mara woliinguyyaa caccaba keetiiqilee abbaaya'aatitti gad liqinfamanee,28iyya worra si oofuutiinworri qarqara abbaaya'aa hin raafaman.29Worri shaffisa'aan bisaan laaquhoboloo ifii irraa bayanee hin deeman.Worri hoboloo oofanuu fi worri hoboloo keessaa martihoboloo keessaa bayaneeabbaayaa qarqara hin dhaabbatan.30Isaan marti bukuu mata'atti naqatanee,daadhaa irra gangalataa qoonqoo ol qabatanee,wiiccifatanee si'iif hin bowan.31Isaan si'iif mataa haadatanee,woyaa gaddaa hidha ifiitii hidhatanee,gadda gudda'aan wiiccifataneesi'iif hin bowan.32Isaan gaddaan wiiccifatanee si'iif bowaa,«Akka Xiiroosii ka abbaayaan liqinsitee bade hin jiraa?» jedhaa,faaruu gaddaa si'iif faarsan.33Mey keeti abbaayaa keessaa yennaa baye,ati gosa biyya adda addaa hedduu akka quufanu gooteerta;qabeenna keeti baca'aa fi meya keetiinmootota biyya lafaa dureeyyii gooteerta.34Ati amma qilee bisaan abbaaya'aa keessatti caccaddeerta.Mey daldala keetiitii fi hojjattooti teeti martisi woliin liqinfamaneeran.35Worri qarqara abbaaya'aa le'u martinuuwaan si irratti te'een hin sheephisan;moototi isaanille bararaqaneefuulli isaanii bifa miliqeera.36Daldaltooti gosa biyya adda addaarifatanee afaan banan;muummeen teeti guddoo nama sodaachitti;haga bara baraa deebitee hin jiraattu› jedha» jedhe.