Hizqi'elii Raagichaa25gax_twf

Raaga Biyya Amoonii Irratti Dubbatame

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Ee ilma namaa! Fuula keeti gara biyya Amoonii deebifadhuutii, raaga isaan irratti dubbadhu.3Worra Amoonotaatiin, ‹Jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin; Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Galmi kiyya yennaa battowe, latti Israa'elii yennaa onte, kolbaan Yihuda'aalle yennaa booji'ante, waan gammaddaneef,4kunoo, ani akka isin qabatanu harka kolbaa karaa aduun baatuutitti dabarsee isin hin kenna; isaan odduu teessanitti hin qubatan; dunkaanii ifii odduu teessanitti hin dhaabbatan; midhaan keessan hin nyaatan; aanan keessanille hin unan.5Qachaa Raaba'aa dheeda gaalotaa, biyya Amooniille boqaata hoole'eehin godha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedha.6«Mootiin Waan Maraa, ‹Isin hammeenna keessan maraan firinxiixanee, badii lafa Israa'eliititti, harka keessan dhowaa, sarbicha waan dhiittanneef,7kunoo, anille harka kiyya isin irratti hin diriirsa; gosi biyya adda addaa akka isin saamanuuf, harka isaaniititti dabarsee isin hin kenna; ani gosa biyya adda addaa keessaa ijjumaa isin hin balleessa; achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan› jedha.

Raaga Biyya Mo'aabii Irratti Dubbatame

8«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Mo'aabii fi Se'iir, «Kolbaan Yihuda'aa akkuma gosa biyya adda addaa taanii ti» waan jedhaneef,9kunoo, ani qachoota Mo'aabiif akka dalleyaa te'anee ulfinna isi'ii te'aneeranu, Bet-Yeshimooti, Ba'aal-Me'onii fi Kiriiyatayim irraa jalqabee akka banamanu hin godha.10Haganaa achi Mo'aabgosa biyya adda addaa oddu'utti akka hin qaabatanne, worri Mo'aabii worra Amoonii woliin kolbaa worra gara aduun baatuutiin akka qabatamanu hin godha.11Ani worra Mo'aabii irratti muraa hin kenna. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha.

Raaga Edoom Irratti Dubbatame

12«Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaan Edoomii kolbaa Yihuda'aa irratti quuqeffattee haluu waan baateef, yakkaameyyii teeteerti;13tanaaf ani Mootiin Waan Maraa kolbaa Edoomii irratti harka kiyya diriirsee, namoota isaaniitii fi horii isaanii ijjumaa hin balleessa; qachaa Temaaniitii haga qachaa Dedaaniititti akka onu hin godha; kolbaalle shallaaga'aan hin dhumatti.14Ani harka kolbaa tiyya Israa'eliitiin, kolbaa Edoomii irratti haluu tiyya hin baafadha; isaan akkuma aari'ii fi mufii tiyyaatitti kolbaa Edoomii irratti hin tolchan; kolbaan Edoomiille akka ani haluu tiyya baafadhe hin beetti› jedha, Mootiin Waan Maraa.

Raaga Biyya Filisxeemotaa Irratti Dubbatame

15«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Filisxeemotaa quuqaa duriitii fi hammeennaan worra Yihuda'aa irratti ka'anee haluu bayanee isaan balleessiisaaf waan yaadaneef,16ani Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, harka kiyya worra Filisxeemotaa irratti hin diriirsa; worra Qareexii fixee, ka qarqara abbaaya'aatitti jiru'uun hafanelle hin balleessa.17Ani xixansa halu'uutiin guddisee haluu isaan hin baya; mufii tiyyalle'een isaan hin adaba; yennaa ani haluu isaan baye, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.