Hizqi'elii Raagichaa24gax_twf

Marfamiisa Yerusaalemii

1Booji'annee woggaa sagaleesso'oo keessa, ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa kudhaneesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Ee ilma namaa! Mootiin Baabilonii guyyaa adhaa kana Yerusaalem waan marseeruuf, maqaa guyyaa adhaa kana barreeffadhu.3Kolbaa finqiltuu tanatti fakkeennaan dubbadhuutii, Goottaan Mootiin Waan Maraa,«‹Disitii dhaabi! Disitii dhaabi!Bisaanille itti naqi;4gumaa foonii, gumaa foonii dadansaa mara,lukaa fi harka keessa buusi;lafee dadansa'aan guuti.5Hoolee keessaa dadansaa qofa qali;Disitii san jala qoraan naqiitiiakka dansaa danfisi;foonii fi lafee isii keessaa midhassii bilcheessi› jedha.6«Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Disitii ciillotte ta ciillaan irraa hin kaane, qachaa dhiiga dhangalaasuuf aanne'e! Foon isii keessaa adoo hin filin gumaa guma'aan keessaa guuri.7Qachaan kun lafa biyyeen itti deebi'uu hin dandeenne rassaa duwwaa irratti dhiiga dhangalaaseera. Dhiigi qachaan sun dhangalaase haga ammaa isa keessa jira.8Ani mufadhee haluu bayiisaaf dhiigi qachaan sun dhangalaase akka hin gollanne rassaa irratti akka dhangala'u godhe› jedha.9«Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Qachaa dhiiga dhangalaasuuf aanne'e! Ani qoraan guddisee hin tuula.10Qoraan guddisii tuuliitii, ibidda itti gabbisi; foon akka dansaa effeeli; shorbaa isaalle uddowaa adda addaa itti naqiitii haga lafeelle gubattutti danfisii.11Achiin duuba, disitiin o'itee ciillaan isi'ii gubatee akka irraa bu'u, battummaan isii keessaa akka baxxu, disitiin sageettuu irraa hujante sun akka finiintu, duwwaa kashila irra dhaabi.12Toluma itti elowane malee ciillaan isi'ii ibiddalle'een irraa hin kaane.13Ee qachaa Yerusaalemii! Cubbuun teeti si batteessiteerti; ani akka ati qulqulloottu si godhulle, ati battummaa teeti irraa hin qulqulloonne. Haga ani aarii tiyya si irratti baafadhutti ati hin qulqulloottu.14Ani Mootiin Waan Maraa dubbadheera; yennaan ani waan kana huju dhufaarti; ani gara duubaa hin deebi'u; hin hilu; yaada kiyya hin jijjiiru; akka ideensa keetiitii fi akka hujii teetiititti sitti hin mura› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.

Du'a Niitii Hizqi'elii

15Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,16«Ee ilma namaa! Kunoo, ani niitii teeti ta ati guddoo jaalattu, dedhuma si duraa fudhataara; ati hin gaddin yookiin hin bowin, imimmaan teetille hin buusin.17Qoonqoo teeti gad qabadhuu gungumi malee ka du'eef iyyitee hin bowin; marata mata'aa keeti mata'atti maradhu; kophee teeti miilatti keyadhu; afaan keeti hin qabatin; haqaqoolle hin nyaatin» jedhe.18Maarre ani ganama kolba'atti dubbadhee, galgaluma san niitiin tiyya duute; guyyaa itti aanu ani akkuma ajajame godhe.19Achiin duuba kolbaan anaan, «Wonni ati godhiisatti jirtu kun hiikkaan isi'ii maan akka teete nutti hin hintuu ree?» jedhanee na gaafatane.20Anille isaaniin, «Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,21‹Ati kolbaa Israa'eliitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani Galma kiyya ka koora hunna teessanii, ka isin guddoo jaalattanuu fi halchaa lubbuu teessanii hin batteessa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta isin Yerusaalemille'etti lakkittanee deentane shallaaga'aan hin ijjeefaman.22Yennaa san isin waan ani godhe mara hin gootan; afaan keessan hin buqattanu; haqaqoolle hin nyaattanu.23Marata mataa keessan irraa hin buufattanu; kophee miila keessan irraa hin baafattanu; sababa cubbuu teessaniitiif hin yaayyitan malee, hin gadditanu yookiin hin wiiccifatanu; wol wolitti hin aaddan.24Akka kanaan Hizqi'el fakkeenna isiniif hin te'a; akkuma inni godhe isinille hin gootan. Wonni kun yennaa teetu ani Goottaa Mootii Waan Maraa akka te'e isin hin beettan jedha› naan jedhe» jedheen.25Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Atille ilma namaa! Guyyaa ani Galma kiyya koora hunna isaanii, gammadaa fi ulfinna isaanii, ka isaan guddoo jaalatanu, halchaa lubbuu isaanii ka te'e, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta durraalle isaan duraa fudhadhu,26guyyaa san nami miliqee dhufu waan kana mara sitti hin hima.27Guyyuma san afaan keeti hin banama; nama miliqee dhufu san woliin hin haasotta; afaan keeti deebi'ee hin qabamu; atille isaaniif beessisa ittiin ifi eegatanu hin teeta. Isaanille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan» jedhe.