Hizqi'elii Raagichaa22gax_twf

Yakkaa Yerusaalemii

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Ee ilma namaa! Ati itti hin murtuu ree? Qachaa dhiiga namaa dhangalaasu kanatti hin murtuu ree? Maarre waan diqachiisaa inni huje mara itti mudhisi.3Ati qacha'aan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ati qachaa wodhakkaa keetitti dhiiga dhangalaattu, ka waaqota dharaatiin ifi batteessitu, guyyaan keeti geyeera.4Ati dhiiga dhangalaatteen yakkaamessa teeteerta; waaqota dharaa ka hujjelle'een battootteerta; ati guyyaa keeti gabaaffateerta; muummeen bara keetii geyeera. Tanaaf ani gosa biyya adda addaatiif murgoo, biyya hedduu maraaf waan taphaasi hin godha.5Worri dhikoo teeti jiruu fi worri si'i irraa fagoo jiru sitti hin murgan; maqaan keeti battowee, qachaa hoga'aan guutame hin teeta.6Kunoo, qondaaltoti Israa'elii worri si keessa jiru tokko tokkoon isaanii akkuma hunna ifiititti dhiiga dhangalaasan.7Si keessatti abba'aa fi haati hin tuffataman; worri alagaan hin cunqurfaman; ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa hin miicaman.8Ati meya kiyya woyyicha tuffattee, Sanbata kiyyalle salphitteerta.9Namooti dhiiga dhangalaasiisaaf hamatanu si keessa jiran; kolbaan gaarota addee waaqonfannaa waaqota dharaa irratti waan ciinceffame nyaattulle si keessa jirti; isaan si keessatti sagaagalan.10Namooti si keessatti niitii abbaa ifii woliin rafan; isaan dubartii aadaan dubarti'ii itti dhutteertu hunnaan woliin rafan.11Tokko tokko niitii namaa woliin waan nama diqachiisu hujan; ka dhibiin niitii ilma ifii batteessa; ka dhibiin intala abbaa ifii, obboleettii ifii hunnaan woliin rafa.12Si keessatti isaan dhiiga dhangalaasiisaaf safuu fudhatan; ati liqaa dhalaatii fi bu'aa haqa hin te'in nama irraa fudhattee saamaan durommatteerta; ijjumaa na deeteerta.13« ‹Kunoo, ani bu'aa ati haqa malee dhaggattee fi dhiiga si keessatti dhangala'eef ani aari'iin harka kiyya hin dhowa.14Guyyaa ani si adabu lapheen teeti hin jajjabaattii ree? Yookiin irreen teeti hin jabaattii ree? Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera; ani waan kana hin godha.15Ani biyya hedduu gosa biyya adda addaa keessa si bittinneessee, battummaa teeti mara si keessaa hin balleessa.16Gosa biyya adda addaa duratti hujuma teetiin battii teetee, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta jedha› jedhi» jedhe.17Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,18«Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii solloqqee natti te'aneeran; isaan martinuu akka sageettuu, qorqooroo, sibiilaa fi irsaasa addee sibiila itti baqisiisanu keessaa ti; isaan solloqqee meeti'ii te'aneeran.19Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isin martinuu solloqqee waan teetaneef, kunoo, ani Yerusaalem keessatti wolitti isin hin qaba.20Akkuma namooti meetii, sageettu'uu fi sibiila, irsaasaa fi qorqooroo addee sibiila itti baqisiisanutti baqisiisiisaaf ibidda itti buufanu, anille aarii tiyyaa fi mufii tiyya keessatti wolitti isin qabee akka baxxanu isin hin godha.21Ani wolitti isin qabee, ibidda mufii tiyyaa isinitti buufee, isinille mufii tiyya keessatti hin baxxan.22Akkuma meetiin addee sibiila itti baqisiisanu keessatti baxxu, isinille mufii tiyya keessatti hin baxxan; yennaa san ani Mootiin Waan Maraa mufii tiyya akka isin irratti dhangalaase hin beettan› jedha» jedhe.

Cubbuu Sooressitoota Israa'elii

23Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,24«Ee ilma namaa! Ati lafaan, ‹Ati woyyittii waan hin te'iniif, guyyaa mufii tiyyaa bokkeenni si irratti hin roobu.25Malli raagota isi'ii wolitti deebi'anee akka neenqa waan ijjeese kukkutataa dhangaa dhowuu ti; isaan kolbaa ijjeesanee, beese'ee fi qabeenna dhaggane mara fudhatan; ijjeechaa isaaniitiin haadhotii hiyyeessaa baceessane.26Hayyooti isi'ii seera kiyya cassaneeran; waan woyyuu te'e hin kabajanu. Isaan waan woyyuu te'ee fi waan battii te'e addaan hin baasanu; isaan garaagarummaa waan qulqullu'uutii fi waan qulqulluu hin te'inii hin barsiisanu; Sanbatalle lakkisaneeran; tanaaf ani odduu kolbaa Israa'eliititti ulfinna dhabeera.27Qondaaltoti isi'ii akka yayyii waan nyaatte kukkuttuu ti; isaan duroomiisaaf nama ijjeesan.28Raagoti isi'ii akka nama halluu adii dhaaba manaatitti dibuu cubbuu tana mara dhossan. Isaan mudhii dharaa dhaggaa, moruu dharaalle moran. Goottaan Mootiin Waan Maraa adoo isaanitti hin dubbatin, isaan: Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha jedhan.29Namooti lafa sanii maltumma'aan saaman. Isaan worra hiyyeeyyii, rakkata'aa fi alagaa miican.30Akka ani lafa san hin balleessineef, ka dalleya ijaaru, karaa dalleenni cabeeruun fuula kiyya dura nama isi'iif dhaabbatu, isaan keessa barbaaddeeyyu; garuu nama tokkolle hin dhaggine.31Tanaaf ani mufii tiyya isaan irratti hin dhangalaasaa, ibidda mufii tiyyaatiin isaan hin fixa; waan isaan godhane matuma isaaniititti hin deebisa› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.