Hizqi'elii Raagichaa20gax_twf

Kolbaan Israa'elii Ajajamuu Didde

1Booji'annee woggaa torbeesso'oo keessa, ji'a shaneesso'oo, guyyaa kudhaneesso'oo, jaarsolee Israa'elii keessaa gariin, fedhii Mootii Waan Maraa gaafatiisaaf dhufanee, fuula kiyya dura tee'ane.2Jechi Mootii Waan Maraalle gara kiyya dhufee,3«Ee ilma namaa! Waan Goottaan Mootiin Waan Maraa jedhu, jaarsolee israa'eliititti dubbadhu; ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Isin gaaffii na gaafatiisaaf dhuttanee? Dhugumaan ani jiraata'a! Ani akka isin gaaffii na gaafattanu hin eeyyamu jedha› jedhiin.4«Ee ilma namaa! Ati isaanitti hin murtaa ree? Dhugumaan ati isaanitti hin murtaa ree? Waan diqachiisaa abbootiin isaanii hujje akka qaabatanu,5ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani yennaa Israa'el filadhe, gaafa sanyii Yaaqoobiitiif kakadhe, biyya Gibxi'ii keessatti ifi isaanitti mudhisee: Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jedhee isaaniif kakadhe.6Gaafa san biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, gara lafa isaaniif abuuree, lafa aananii fi dammaa, ta lafa biyya lafaa mara caalaa toltuu san isaan galchiisaaf, isaaniif kakadhe.7Ani isaaniin: Tokko tokkoon keessan waaqota dharaa diqachiisaa ilti teessan ilaaltu san gata'a; waaqota dharaa ka Gibxi'iitiin ifi hin batteessina'a; ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jedheen.8Isaan ammoo na finqilanee na caqasiisa didane. Isaan waan diqachiisaa ilti isaanii ilaaltu san hin ganne; waaqota dharaa ka Gibxi'ii sanille waaqonfatiisa hin lakkinne. Achiin duuba ani biyya Gibxi'ii keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee aarii tiyyalle baafatiisaaf hedeeyyu.9Te'uu malee worra isaan keessa le'ane, ka adoo isaan dhagganuu ani Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf kakadhe, gosa biyya adda addaa san duratti maqaan kiyya akka hin salphanneef jedhee tana godhe.10«‹Maarre ani biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, gara goomole'ee isaan fide.11Nami yoo eegate akka ittiin jiru'uun jiraatuuf, ani seerataa fi seera kiyya isaaniif kenne.12Ka isaan woyyoonsu ana Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanuuf, anaa fi isaan wodhakka'atti beessisa akka te'uuf Sanbata kiyyalle isaaniif kenne.13Kolbaan Israa'elii ammoo goomolee keessatti na finqilte; seerataa fi seera kiyya ka nami yoo eegate jiru'uun jiraatu hordofuu didde; isaan Sanbata kiyyalle guddoo salphisane. Achiin duuba ani goomolee keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee isaan balleessiisaaf hedeeyyu.14Te'uu malee gosa biyya addaa ta isaan adoo dhagganuu biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase duratti maqaan kiyya akka hin salphanneef jedhee ani tana godhe.15Garuu lafa biyya lafaa mara caalaa toltu, ta aananii fi dammaa ta isaaniif kenne sanitti akka isaan hin galchine goomolee keessatti isaaniif kakadhe.16Isaan waaqota dharaa hordofanee, seera fi seerata kiyya didanee Sanbata kiyyalle waan salphisaneef tun teete.17«‹Teetulle, ani isaan mararee isaan hin balleessine yookiin goomolee keessatti isaan akka fixamanu hin tolchine.18Ani goomolee keessatti ijoollee isaaniitiin, «Seerata abbootii teessanii hin hordofina'a; seera isaanille hin eegatina'a; waaqotaa dharaa ka isaaniitille'een ifi hin batteessina'a.19Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; seerata kiyya hordofa'a; seera kiyyalle eegadha'aatii muummessa'a.20Anaa fi isin wodhakka'atti beessisa akka te'u, ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'elle akka beettanu Sanbata kiyya woyyicha ulfeessa'a» jedhe.21«‹Ijoolleen isaanii ammoo na finqilane; isaan seera kiyya ka nami yoo eegate jiru'uun jiraatu san hin hordofanne; seera kiyyalle jabaatanee hin eeganne; Sanbatalle salphisane; achiin duuba ani goomolee keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee, aarii tiyya baafatiisaaf hedeeyyu.22Te'uu malee, gosa biyya adda addaa ta adoo isaan dhagganuu Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase duratti maqaan kiyya akka hin salphanneef jedhee harka kiyya deebifadhe.23Gosa biyya adda addaa keessa akka isaan bittinneessuu fi biyya hedduu keessa akka isaan facaasulle goomolee keessatti isaaniif kakadhe.24Sababa isaan waaqota dharaa ka abbootii ifii ilaalanee, seera kiyyaaf ajajamuu dhabanee, seerata kiyya didanee Sanbata kiyyalle salphisaneef ani tana godhe.25«‹Kana irralle'etti, seerata dansaa hin te'inii fi seera isaan jiruu ittiin hin dhagganne isaaniif kenne.26Ani Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanuuf, ijoollee ifii angafoota mara ciincaa dhikeessanuun akka battowanu isaan lakkisee, naasuulle isaanitti buuse jedha› jedhiin.27«Tanaaf, ee ilma namaa! Ati kolbaa Israa'eliititti dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Abbootiin teessan naaf addatamummaa dhabanee, tanalle'een na faanshessane.28Ani gara lafa isaaniif kenniisaa kakadhee san yennaa isaan galche, achiin duuba isaan koobota dhedheertuu yookiin mukoota baala bisile'ee yennaa dhaggane mara, achitti ciincaa ciincessanee, kennansa aari'itti na kakkaasu dhikeessanee, kennansa foolee dansaa qabu, kennansa daadhii woyni'ii dhangalaasane jedha› jedhi» jedhe.29Anille isaaniin: «Addeen isin dhaqaartanu ka, ‹Baamaa› jedhamanu kun ‹Maan inni?› jedhee gaafadhe. ‹Baamaa› jechuun, ‹Addee waaqonfanna'aa› jechu'u. Maarre addeen sun haga adhaa, ‹Baamaa› jedhaman.30Tanaaf, ati kolbaa Israa'eliititti dubbadhuutii: Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isinille akkuma abbootii teessanii waaqota dharaa diqachiisaa san waaqonfattanee ifi batteessitanii?31Isin kennansa keessan yennaa dhikeessitanu, ijoollee teessan kennansa ibiddaan gubamu yennaa kennitanu, waaqota dharaa keessaniin haga adhaa ifi batteessitan. Ee, kolbaa Israa'elii akka isin woy na gaafattanu hin godhaa ree? Ani jiraata'a! Ani akka isin woy na gaafattanu hin godhu› jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa.32Isin qalbii teessan keessatti, ‹Nuutille akkuma gosa biyya adda addaa, akkuma kolbaa biyya heddu'uu mukaa fi dhaka'atti sagadanuu teenuu ti› ka jettanu ijjumaa hin teetu.

Mootiin Waan Maraa Israa'el Ade'etti Hin deebisa

33«Mootiin Waan Maraa, ‹Ani jiraata'a! Dhugumaan ani irree tiyya jaddu'uun, harka kiyya diriirsee, mufii tiyyalle isin irratti dhangalaasee isin irratti mootii hin te'a.34Ani irree tiyya jaddu'uun, harka kiyya diriirsee, mufii tiyya dhangalaasee, biyya hedduu addee isin itti bittinnoottane gosa biyya adda addaa keessaa wolitti isin hin qaba.35Ani gara goomolee gosa biyya adda addaa isin fidee, achitti fuula kiyya duratti isinitti hin mura.36Goomolee biyya Gibxi'ii keessatti akkuma abbootii teessanitti mure, akkasuma isinitti hin mura.37Ani laakkowiisaaf ulee tiyya jala isin hin dabarsa; hidhaansa gondooroo tiyyaa keessa isin hin galcha.38Ani worra finqila'aa fi worra na yakke isin keessaa adda hin baasa; lafa isaan amma alagaa te'anee keessa le'anu keessaa isaan hin baasa; garuu isaan gara lafa Israa'elii hin galanu; achiin duuba isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedha.39«Ee, kolbaa Israa'elii! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isin amma yoo naaf hin dhageenne teete, tokko tokkoon keessan dhaqa'aatii, waaqota dharaa keessan tajaajila'a! Ammoo haganaa achi maqaa kiyya woyyicha waaqota keessanii fi kennansa keessaniin hin batteessina'a.40Gaara kiyya woyyicha, gaara Israa'elii ka irra caalaa ol dheeratu irratti, achitti kolbaan Israa'elii marti, lafa sanitti isaan marti na hin tajaajilan. Anille achitti isaan hin fudhadhaa, kennansa isaaniitii fi kennansa isaanii ka mata'aa kennansa isaanii woyyicha mara woliin isaan irraa barbaada› jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa,41‹Gosa biyya adda addaa keessaa isin baasee, biyya isin itti bittinnootane keessaa yennaa isin wolitti qabu, akka foolee dansa'aa isin hin fudhadha; gosa biyya adda addaa duratti woyyummaa tiyya odduu teessanitti hin mudhisa.42Biyya ani abbootii teessanii kenniisaaf kakadhe, gara lafa Israa'elii ani yennaa isin galchu, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan43Achitti akka itti leetane maraa fi hujii teessan ta ittiin ifi batteessitane mara hin qaabattan; hujii hantuu hujjane maraaf ifi hin jibbitan.44Ee, kolbaa Israa'elii! Akka le'ii teessan hantuu saniitii moti; akka hujii teessan badduu saniille'ee moti; maqaa kiyyaaf jedhee yennaa ani tana isiniif godhu, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan› jedha, Mootiin Waan Maraa» jedhe.

Ibidda Gara Kibbaatiin Ka'u

45Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,46«Ee ilma namaa! Fuula keeti gara kibbaa deebifadhuutii, biyya kibbaatitti lallabi; gongomaa biyya kibbaa irratti raaga dubbadhu.47Gongomaa biyya kibbaatiin, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'i› jedhi; Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani ibidda si keessatti hin bobeessa; ibiddi sun muka jiidha'aa fi gogaa si keessa jiru mara gubee hin fixa; bobeenni bobe'u sun hin dhaamu; lafa san mara kibbaa haga kaabaatitti hin guba.48«‹Ani Mootiin Waan Maraa akka ibidda san bobeesse, nami marti hin dhagga; ibiddi sun hin dhaamu› jedha» jedhe.49Achiin duuba ani, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa! Isaan, ‹Inni fakkeennaan dubbataa motii ree?› naan jedhan» jedhe.