Hisqiʼeel19gaz_bib

Faaruu Booʼichaa

1“Waaʼee ilmaan mootota Israaʼeliif faarsii booʼi;2akkanas jedhi:“ ‘Haati kee leencota gidduutti,leenca akkamii turte!Isheen leencota gidduu ciifteeilmoolee ishee guddifatte.3Ilmoolee ishee keessaas tokko guddifatte;innis leenca jabaa taʼe.Inni waa adamsee ciccirachuu barate;namootas nyaate.4Saboonni waaʼee isaa dhagaʼan;inni boolla isaanii keessatti qabame.Isaan hokkoodhaan harkisaniigara biyya Gibxitti isa geessan.
5“ ‘Isheen yommuu akka abdiin ishee hin guutamin,akka wanni isheen yaaddes hin milkaaʼin argitetti,ilmoolee ishee keessaa kan biraa fudhatteeleenca jabaa gootee guddifte.6Inni leencota gidduu biddiiqe;leenca jabaa taʼeeraatii.Inni waa adamsee ciccirachuu barate;namootas nyaate.7Inni daʼannoo isaanii diige;magaalaawwan isaaniis onse.Biyyattii fi kanneen ishee keessa jiraatan hundiaaduu isaatiin raafaman.8Ergasii saboonni warri kutaalee biyya naannoosanaa jiran isatti kaʼan.Isaanis kiyyoo isaanii isa duratti diriirsan;innis boolla isaanii keessatti qabame.9Isaan hokkoodhaan qabanii mana shiboo keessa isa kaaʼan;gara mootii Baabilonitti isa fidan.Mana hidhaatti isa galchan;kanaafuu aaduun isaatulluuwwan Israaʼel irratti ergasii hin dhagaʼamne.
10“ ‘Haati kee akkuma wayiniilafa qotiisaa kee keessa bishaan bira dhaabatee ti;biqiltuun sunis sababii bishaan baayʼee argatteefmistee damee hedduu baaffatte.11Dameewwan isaas jajjaboobokkuu bulchaatiif taʼan turan.Isheen baalawwan gobbatan gidduuttiol dheerina isheetii fibaayʼina dameewwan isheetiinol dheerattee mulʼatti turte.12Isheen garuu aariidhaan buqqifamteelafatti gatamte.Bubbeen baʼa biiftuu ishee gogseeija ishee irraa harcaase;dameewwan ishee ciccimoonis ni coollagan;ibiddis isaan fixe.13Amma isheen gammoojjii keessa,lafa gogaa dheebote irra dhaabamte.14Damee ishee tokko keessaa ibiddi baʼeeija ishee fixe.Dameen jabaan bokkuu bulchaatiif taʼutokko iyyuu ishee irratti hin hafne.’Kun faaruu booʼichaa kan booʼichaaf itti fayyadamanii dha.”