Faaruu Gaddaa
1«Faaruu gaddaa qondaaltota Israa'eliitiif faarsa'aatii:2«‹Haati teeti neenqota keessaa neenqa dhalaa attamii ti!Isiin neenqota dardara odduu ciittee,ilmoolee ifii guddifatte.3Isiin ilmoolee ifii keessaa tokkocha guddifatte;innille neenqa dardara te'e;adansee qabatiisa baratee, nama nyaate.4Gosi biyya adda addaa marroo isaa dhageette;inni boolla isaan qotane keessa seenee qabame;Isaanille hookkoo itti keyaneeharkisanee gara biyya Gibxi'ii geessane.5Addiin isi'ii bu'aa akka hin qanne,wonni isiin eegatte akka isi'ii hin teene yennaa dhaggite,ilmoolee ifii keessaa ka dhibii fuutee guddittee,neenqa dardara goote.6Innille odduu neenqotaa asii fi achi ideeme;neenqa dardara te'eeadansee qabatiisa baratee, nama nyaate.7Inni kushee isaanii jadduu caccasseeqachaa isaanii balleesse; lattii fi wonni isii keessaa martidhangaa inni dhowuun sheephitte.8Achiin duuba gosi biyya adda addaakaraa maraan isatti kaate;isaan caccoo ifii isa irratti afanee,inni boolla isaan qotane keessa seenee qabame.9Hookko'oon harkisanee gooree sibiilaa keessa keyaneegara mootii Baabilonii geessane.Dhangaan inni dhowugaarota Israa'elii irrattideebi'ee akka hin dhage'aneaddee inni itti hidhamee eegamu keessa buusane.10Haati teeti muka woyni'iika bisaan qarqaratti dhaabane,ka sababa bisaan guddaa saniitiifmidhaan bacaa buusee banqaaqe fakkaatti.11Dameeleen isaa jajjabaattee,ulee bokku'uu ta bulchitootaa teete.Hojjaan isaatii fi dameeleen isaa bacaan,ciggaa keessaa ol dheeratanee mudhatane.12Te'uu malee aari'iin buqqifamee lafatti gatame;qilleensi goomole'ee ka karaa aduun baatuumidhaan isaa qoorsee, irraa lafatti harcaasee goggosse;dameelee isaa jajjadduu sanille ibiddi nyaate.13Amma muki woyni'ii goomolee keessaaddee bisaan hin jirre lafa goddu'utti dhaabame.14Qaccee damee muka woyni'ii guddittii keessaaibiddi bayee midhaan isaa mara nyaate;dameen jadduun ulee bokku'uu ta bulchitootaa teetu,ijjumaa irratti hin hanne› jedhi.Tun faaruu gaddaa,ta yennaa gaddaa faarfatanu» jedhe.