1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Ee ilma namaa! Hujii isi'ii battittii Yerusaalemitti himi;3Goottaan Mootiin Waan Maraa, Yerusaalemiin, ‹Hundee teetiin, dhaloota keetiin ati nama lafa Kana'aanii ti; abbaan keeti nama Amoorotaa ti; haati teetille worra Heetotaa ti.4Ati gaafa dhalatte hin handhuranne; akka qulqulloottuufille bisaaniin hin dhiqanne; sooddalle'een hin sukkuumanne; woyaalle'een hin maranne.5Ati gaafa dhalatte san waan jibbatanteef, diidatti gatante malee, nami ila mararti'iitiin si ilaalee, waan kana keessaa tokkumalle ka si'iif godhe hin jiru.6« ‹Ani yennaa achiin dabaru ati dhiiga keeti keessa irkattee dhidhiitattuun si dhaggee, ati dhiiga keeti san keessa adoo jirtuu: Jiraadhu! Siin jedhe.7Ani akka lattuu diida keessaa si guddise. Ati guddattee dheerattee, durra geettuu dansittii teete; harmi keetille guntutee, rifeensi mataa keetiille guddateera; garuu ati qullaa akkuma gadhaa haadha teetii keessaa baateen jirta.8« ‹Ani ammalle yennaa achiin dabaru, kunoo ati intala kadhatamuu geette akka teete si dhaggee, si fuudhiisaaf woyaa tiyya sitti uffisee nafa keeti qullaa san gollee, ani si'iif kakadhee, si woliin gondooroo godhadheera: ati tiyya teeteerta jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa.9« ‹Achiin duuba ani bisaaniin si dhiqee, dhiiga keeti irraa si qulqulleessee, zayitii ejersaalle si dibe.10Akkasuma woyaa nama hujii harkaa beekuun kuulantee dhowante sitti uffisee, kophee gogaa dansaa irraa hujante sitti keyee, woyaa quncee talba'aa dansa'aa fi haarrii irraa hujantelle sitti uffise.11Faayaan si seesee, irmuura sitti keyee, morma keetitti dirata dire.12Funnaan keetille'etti qubee, gurra keetille'etti qubee gurraa, mataa keetille'etti kallacha dansaa keye.13Ati worqi'ii fi meeti'iin akkas seefante; woyaan teeti ta quncee talba'aa dansaa irraa hujantee fi ta haarri'iin nama hujii harkaa beekuun kuulantee dhowante. Ati bullaa dansa'aa fi damma, zayitii ejersaalle nyaatte; akka malee shaggittii teetee giittii te'iisaaf kaate.14Arnyi ani sii kenne shaggummaa teeti guutuu waan godheef, shaggummaa teetiin gurri keeti gosa biyya adda addaa oddu'utti beekkame jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa.15« ‹Ati ammoo shaggummaa teetitti addattee, sababa gurra keetiitiin nama karaa san dabaru mara woliin sagaagalte. Shaggummaan teeti ta nama karaa deemu maraa teete.16Ati woyaa teeti keessaa garii fuutee, galma addee waaqonfanna'aa ka ittiin sagaagaltu seefatte. Wonni akkasii kun tanaan dura ijjumaa te'ee hin beeku; gara duraalle ijjumaa te'iisaaf hin malle.17Ati dooqa dansaa keeti ka worqi'ii fi meetii tiyya irraa hujame ka ani sii kenne sanille fuutee, waaqota dharaa ka fakkii dhiiraa hujattee isaan woliin sagaagalte.18Ati woyaa teeti ta nama hujii harkaa beekuun kuulantee dhowantelle isaanitti uffisiisaaf fuutee, zayitii ejersaa tiyyaa fi hixaana kiyya isaan dura keette.19Ammalle akka ati nyaattuuf sagalee ani sii kenne, bullaa qamadi'ii dansaa, zayitii ejersaatii fi damma, kennansa foolee dansaa qabu gootee isaan dura keette; wonni akkasii kun te'eera jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa.20« ‹Sagaagalummaan teeti akka malee sitti diqqaannaan, ijoollee dhiiraatii fi ta durraa ta anaaf deettelle fuutee, akka nyaatamanuuf, waaqota dharaa keetiif ciincessitee,21ijoollee tiyya qaltee waaqota dharaa keetiif ciincaa dhikeessitee ree?22Hujii teeti ta battumma'aatii fi ta sagaagalumma'aa tana maraan, bara dargaggummaa teetii ta qullaa teeti akka gadhaa haadha teetii keessaa baatetti dhiiga keessa irkattee dhidhiitattu san hin qaabanne.23« ‹Aanne'e, si'iif Aanne'e!› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa; waan hantuu tana mara gooteen duuba,24ati addee waaqonfanna'aa ifiif ijaarrattee, badhinna qachaa keessaa mara keessatti addee waaqonfanna'aa ifiif qopheeffatte.25Qaccee kara'aa maratti addee waaqonfanna'aa teeti ijaartee, shaggummaa teeti batteessitee, worra karaa san dabaru maraaf ifi kennitee, sagaagalummaa teeti baceessite.26Ati aari'itti na kakkaasiisaaf, worra ollaa keetii ka halchaa sagaagalaatiin guutamane, worra Gibxi'ii wolille'een sagaagalte.27Kunoo, tanaaf, ani si adabiisaaf harka kiyya diriirsee, diinota keeti worra joljolaa, ijoollee durraa ta Filisxeemotaa ta sababa hujii teeti ta sagaagalaatiin qaaneffatanetti dabarsee si kenneera.28Ati waan hin quufiniif, worra Asoorii wolille'een sagaagalte; isaan wolille'een adoo sagaagaltuu haga ammaa sagaagala quufuu hin dandeenne.29Ati lafa daldaltootaa worra Kaldootaa wolille'een sagaagala keeti baceessite; ati worra kana wolille'een sagaagala quufuu hin dandeenne.30«Ati akka dubartii sagaagaltittii hin qaaneffannee, tana mara yennaa gootu yaadi keeti attam attam dadhaba'a ree? Jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.31Ati qaccee kara'aa maratti addee waaqonfanna'aa teeti ijaarrattee, badhinna qachaa keessaa maratti addee waaqonfanna'aa teeti qopheeffatteerta. Garuu ati akkuma dubartii sagaagaltittii takkaa, kaffaltii fuudhuu hin barbaanne.32Ati akka niitii gaarayyeeffattuu abbaa manaa ifii caalaa alagaa halchituu ti.33Dhiirti dubartoota sagaagaltoota maraaf beesee kenniti; ati ammoo akka isaan karaa maraa dhufanee si woliin sagaagalanu, gaarayyoota teetiif beesee safu'uu isaaniif kennita.34Maarre ati sagaagala keetiin dubartoota dhibii irraa adda teeteerta; nami sagaagaluu barbaadu ka si gula deemee si sossobatu hin jiru; ati ka si woliin sagaagaluuf beesee kennitaaf malee, ka beesee si'iif kennu hin jiru; tanaaf ati dubartoota dhibii irraa adda.
Muraan Waaqaa Yerusaalem Irratti
35«Tanaaf, ee, sagaagaltitti'i, jecha Mootii Waan Maraa dhage'i!36Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Halchaa sagaagalaatiin gubattee, worra si jaalatu woliin adoo sagaagaltuu nafa keeti qullaa waan mudhitteef, waaqota dharaa keeti diqachiisaa san maraaf dhiiga ijoollee teetii ciincaa waan dhikeessiteef,37tanaaf ani kunoo gaarayyoota teeti worra ati woliin gammaddu mara, ka ati jaalattee fi ka ati jibbitelle adaala maraa wolitti qabee nafa qullaa keeti akka isaan dhagganuuf, woyaa sirraa mulqee isaan duratti qullaa si hambura.38Ani muraa dubartoota gaarayyeeffatootaa fi dubartoota nama ijjeettetti mure, si'itti hin mura; ani hinaaffaa tiyyaa fi mufii tiyyaan du'aan si hin adaba.39Ani harka worra si jaalatuu sanitti dabarsee si kennee, isaanille addee waaqonfanna'aa teetii addee ati waaqota dharaa itti waaqonfattu diigee hin balleessa; woyaa teetii fi dooqa keeti mara si irraa mulqanee, qullaa si hin hamburan.40« ‹Isaan gumii dhaka'aan si tumanu sitti hin kakkaasan; isaan shallaagaa ifiitiin si hin kukkutan.41Isaan mana keeti mara ibiddaan hin guban; gumii dubartootaa duratti sitti hin muran; ani akka ati sagaagalummaa lakkittu si hin godha; haganaa achi worra si jaalatuuf gatii hin kaffaltu.42Achiin duuba aariin tiyya baatee, ani si hinaafiisa hin lakkisa. Ani hin cadhisa; deebi'eelle hin aaru.43Ati hujii diqachiittuu hujje tana maraan na aarsitee, waan ani yennaa dargaggummaa teetii sii godhe waan hin qaabatiniif, ani gatii cubbuu teetii mara sii kaffaleera. Ati battummaa teeti mara irratti sagaagalummaalle hin dabalannee ree?› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.44«Ee, Yerusaalem! Kunoo nami mammaaku marti: Intaltille akkuma haadhaa ti jedhaa si'iin hin mammaaka.45Ati intala akka haadha teeti ta abbaa manaa ifiitii fi ijoollee ifii diqattee ti; ati akka obboleeyyan teeti durraa, ta abbaa manaa ifiitii fi ijoollee ifii diqatanee ti; haati teessan intala worra Heetotaa ti; Abbaan keessanille nama worra Amoorotaa ti.46«Obboleettiin teeti angafittiin, ijoollee ifii ta durraa woliin si irraa gara kaabaa jirtu, Samaariya'a; obboleettiin teeti maandhittiin, ta ijoollee ifii ta durraa woliin si irraa gara kibbaa jirtu, Sodoom.47Atille karaa isaanii hordofattee hujii isaanii diqachiittuu san hujiisa qofa adoo hin te'in, yennaa gabaadduu keessatti karaa keeti maraan isaan caalaa waan badduu hujje.48«Ani dhugumaan jiraata'a! Obboleettiin teeti Sodoomii fi ijoolleen isi'ii ta durraa, akka atii fi ijoolleen teeti ta durraa hujjane hin hunye, jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.49Yakki obboleettii teeti Sodoomii kana: isi'ii fi ijoolleen isi'ii ta durraa hin kooran; sagalee bacaa, qananummaalle adoo qabanuu, worra rakkata'aa fi worra hiyyeeyyii hin qarqaarre.50Isaan ifi jajanee, waan na diqachiisu mara fuula kiyya duratti hujane. Maarre ani yennaa waan kana dhagge, isaan achii balleesse.51«Samaariyaan gamisa cubbuu ati hujjeeyyuu hin hunye. Ati isaan caalaa waan diqachiittuu waan hujjeef, waan diqachiittuu hujje kana maraan isaan balchoolee fakkeessite.52Tanaaf ati isaan caalaa waan diqachiisu hujjee, cubbuu teetiin akka isaan balchoolee fakkaatanu waan gooteef, salphinna uffadhu! Cubbuun ati hujje guddoo ka diqachiittu waan teeteef, isaan si caalaa balchoolee fakkaataneeran. Maarre obboleeyyan teeti ta durraa akka isaan balchoolee fakkaatanu waan gooteef, qaaneffadhuutii, salphinna keeti uffadhu.53«Te'uu malee, ani boojuu qananummaa sodoomiitii fi ta ijoollee isi'ii ta durraa, qananummaa Samaariya'aatii fi ta ijoollee isi'ii ta durraa yennaa deebisu qananummaa teetille ta isaanii woliin hin deebisa.54Ati waan goote kana maraan cubbu'utti waan isaan jajjabeessiteef, salphinna keeti hin uffatta; hin qaanottalle'e.55Obboleettiin teeti Sodoom ijoollee ifii ta durraa woliin akka duriititti hin deebi'an; Samaariyaalle ijoollee ifii ta durraa woliin akka duriititti hin deebi'an; atii fi ijoolleen teeti ta durraalle akka duriititti hin deebitan.56Ati bara ifi jajju san obboleettii teeti Sodoom maqumaayyuu hin dhoonne.57Ati adoo hammeenni keeti hin mudhatiniin dura tana gootee motii ree? Amma ammoo atille ijoollee durraa ta Edoomiitiifi worra adaala isi'ii maraaf, ijoollee durraa ta Filisxeemotaatii fi worra adaala isi'ii maraaf waan murgo'oo teeteerta.58Ati gatii sagaagalummaa teetiitii fi hujii diqachiittuu teetii ta akka dubartii sagaagaltitti'ii san fudhadhu, jedha Mootiin Waan Maraa.
Gondooroo Mootii Waan Maraa Ta Bara Baraa
59«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati Gondooroo diigiisaan, kakuu tiyya waan tuffatteef, akkuma hujii teetiititti gatii si'ii hin kenna;60te'uu malee, Gondooroo tiyya ta bara dargaggummaa teetii woliin gondooradhe hin dedhu; Gondooroo haga bara baraa si'iif hin godha.61Gondooroo si woliin godhadheef, adoo hin te'in, obboleeyyan teeti ta durraa angafitti'ii fi maandhittii akka isaan ijoollee teeti ta durraa isi'iif te'anu yennaa ani si'iif kennu, ati hujii teeti ta durii yaadattee hin qaaneffatta.62Ani Gondooroo si woliin hin gondooradha; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta;63Ani waan ati hujje maraaf yennaa si'iif araarame, ati hujii teeti qaabattee waan qaaneffattuuf, sababa salphinna keetiitiif, deebitee afaan keeti hin seeqattu› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhe.