Baʼuu25gaz_bib
Kennaa Dunkaana Qulqulluuf Walitti Qabamu
1Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;2“Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa.3“Kennaan isaan harkaa fuutanis:“Warqee, meetii fi naasii;4kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame; rifeensa reʼee;5gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, gogaa duugame, muka laaftoo,6ibsaadhaaf, zayitii ejersaa, urgooftuuwwan immoo zayitii dibatamuu fi ixaana urgaaʼuuf;7dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamuu dha.8“Ergasii akka isaan iddoo qulqulluu naa qopheessan godhi; anis gidduu isaanii nan jiraadha.9Dunkaana qulqulluu kanaa fi miʼa isaa hunda akkuma bifa ani sitti argisiisuutti hojjedhaa.