Kitaaba Asteerii8gax_twf

Mootichi Kolbaa Yihudootaa Qarqaare

1Guyyuma san mootichi Ahashiweros karra Haamaanii diina Yihudootaa san Asteerii giittitti'iif kenne; isiin Mordekaayi woliin firooma akka qabanu mootichatti waan hinteef, Mordekaayi mooticha dura dhikaate.2Mootichi qubee quba ifii ta chaappaa qaddu, ta Haamaan irraa fudhateeru san, ifi irraa baafatee Mordekaayiif kenne. Asteerille karra Haamaanii san irratti Mordekaayiif baallii kennite.3Ammalle Asteer miila mootichaatitti jiddee, karoorri hamaan, sanyiin Agaagii ka te'e Haamaan Yihudoota irratti baase sun, isaan irraa akka ka'uuf iyyitee boottee isa kadhatte.4Mootichi ankaashee worqi'ii gara Asteerii waan qabeef, isiin ol kaatee isa dura dhaabbatee,5«Mooticha kiyya, yoo si gammachiitte, anille si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, tana godhiis sirrii yoo sitti fakkaatte, analle'etti yoo gammadde, barreeffam sanyiin Agaagii ilmi Hamedaataa Haamaan, Yihudoota mootummaa teeti keessa jiranu mara balleessiisaaf karoorfatee barreesse san, ajaji kaasu barreeffamuu ti!6Ani balaa kolbaa tiyya irra gewu, badii maatii tiyyaalle dhaggaa attam ossuu dande'a ree?» jette.7Achiin duuba mootichi Ahashiweros, Asteerii fi Mordekaayii Yihudichaan, «Kunoo, Haamaan Yihudoota balleessiisaaf mala waan dhoweef, karra isaa Asteeriif kenneera; isalle muka irratti fannisaneeran.8Barreeffam maqaa mooti'iitiin barreeffamee chaappaa qubee isaatiin mallatteeffame waan hin jijjiiranneef, isin marroo Yihudootaatiif waan dansaa isinitti fakkaate, maqaa kiyyaan barreessa'aatii, chaappaa qubee tiyyaatiin dhowa'a!» jedhe.9Ji'a sadeesso'oo ka «Siiwaa» jedhamu, guyyaa diddamii sadeesso'ootitti barreessitooti mootumma'aa waamamane; isaan ajaja Mordekaayii mara akka isaan itti barreeffatanutti, afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota biyyaatiif, Yihudootaaf, qondaaltota worra biyya Hindiitii haga biyya Itoophiya'aa, kutaa biyyaa dhibbaa fi diddamii torba keessatti dhaggamanuuf, maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee, qubee mootichaa ta chaappaa qadduun dhowane.10Mordekaayi barreeffama kana maqaa mooticha Ahashiwerosiitiin barreessee, chaappaa qubee mootichaatiin dhowee, ergantoota fardoo qoqolchaa mootichaaf leenjifanteen gulufanuun erge.11Yihudooti qachaa gara garaa keessa le'anu wolitti qabamanee, akka ifi irraa dhooggatanu, hunna gosa adda addaa ta kutaa biyyaa mara keessaa isaanii fi dubartoota isaanii, ijoollee isaaniille loliisaaf gara isaanii dhufanu, akka balleessanu, akka ijjeesanu, akka fixanuu fi karra isaaniille akka saamanuuf, barreeffama kana keessatti mootichi eeyyameef.12Yihudooti kutaa biyya mooticha Ahashiwerosii mara keessatti, ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu keessa, guyyaa kudhanii sadeesso'ootitti guyyaa tokkocha kana akka godhanuuf murteeffame.13Guyyaa san Yihudooti diinota ifii haluu bayiisaaf akka qophowanu barreeffam ajaja san irraa garagalfamee, gara kutaa biyyaa ta gara garaatii fi kolbaa gosa biyya gara garaatitti seera te'ee akka beekkamu beessifame.14Ergantooti fardoo mana mootumma'aa irra tee'aneeranu, ajaja mootichaatiin ariiti'iin bayane; lassiin sun qachaa Suusaa keessatti laffante.15Mordekaayi woyaa mootumma'aa bifa cuquliisaa fakkaattuu fi adii uffatee, kallacha worqi'ii guddaa keyatee, woyaa dhiillee quncee talba'aa dansaa irraa hujante uffatee mooticha biraa gad baye; yennaa san worri qachaa Suusaa gammadanee ilillisane.16Kun Yihudootaaf yennaa ifaa, yennaa gammadaa, yennaa burraassatii fi yennaa ulfinnaa te'e.17Kutaa biyyaa mara keessaa fi qachoota mara keessatti, addee lassiin mootichaa dhaqqadde maratti, Yihudooti gammadanee burraaqanee jila jilifatane; kolbaa biyya dhibi'ii keessaa hedduun Yihudoota waan sodaataneef, Yihudootatti galane.