Kitaaba Asteerii6gax_twf

Mordekaayi Ulfinna Dhaggate

1Halkan san mootichi hirriiba waan dhabeef, kitaaba dabarsiin mootumma'aa itti galmeeffante fidanee akka dubbisanu ajaje; isaanille fidanee dubbisaneef.2Kitaaba san keessatti guneessoti balbala mootichaa eeganu lamaan Biigtaanaanii fi Teresh, mooticha ijjeesiisaaf mala dhowane, Mordekaayi attam akka hime barreeffamee dhaggame.3Mootichi, «Tana waan godheef ulfinnii fi guddinni Mordekaayi dhaggate maan?» jedhee gaafate. Tajaajiltooti isaa deebittee, «Wonni tokkolle isaaf hin godhanne» jette.4Mootichi, «Badhinna mana mootumma'aa keessa eentu jira?» jedhee gaafate; yennaa san Haamaan muka nama itti fannisanu qopheesse san irratti Mordekaayi akka fannifamu eeyyama mooticha irraa gaafatiisaaf, badhinna mana mootumma'aa ka gara alaa reefuu seeniisatti jiraayyu.5Maarre tajaajiltooti mootichaa, «Kunoo, Haamaan badhinna dhaabbateera» jetteen. Mootichille, «Seen jedha'aan» jedhee ajaje.6Yennaa Haamaan seene mootichi, «Nama mootichi ulfinna guddaa kennuu fedhuuf maanti godhama?» jedhee isa gaafate. Haamaalle, «Na caalaa nami mootiin ulfinna kennuuf eentu jira ree?» jedhee yaadate.7Maarre Haamaan deebisee mootichaan, «Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf,8woyaa mootumma'aa ta mootiin ifiif uffattuu fi farda mootiin ifiif irra tee'u ka kallachi mootichaa mataa isaatitti keyame akka fidanu godhi.9Achiin duuba woyaan sunii fi fardi sun qondaaltota gugurdoo mootumma'aa keessaa nama tokkotti kennamuu ti; inni nama mootiin ulfinna kennuu fedhu sanitti uffisee, farda isaaf qophowe irra teessisee, badhinna qacha'aa keessa dura isaa ideemaa, ‹Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf, akkana godhama› jedhee lassuu ti» jedhe.10Mootichi Haamaan ajajee, «Ariifadhuutii, akkuma amma jette, woya'aa fi farda qopheessiitii, Mordekaayii Yihudicha karra mootichaa dura tee'eeruuf, akkuma amma jette godhiif; waan dubbatte mara keessaa takkaalle hin hafin» jedhe.11Maarre Haamaan woya'aa fi farda qopheessee, woyaa Mordekaayitti uffise; Mordekaayi farda irra tee'een duuba, Haamaan badhinna qacha'aa keessa isa dura deemaa, «Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf, akkana godhama!» jedhee lasse.12Achiin duuba Mordekaayi gara karra mootichaa deebi'e; Haamaan ammoo gaddee mataa ifii hagooggatee gara mana ifii fiige.13Inni waan isa irratti te'e mara haadha manaa ifii Zereshii fi gorsitoota ifii san maratti hime. Achiin duuba haati manaa isaatii fi gorsitooti isaa sun, «Mordekaayiin ati amma isa duratti jilbiiffatiisa jalqadde kun, sanyii Yihudi'ii yoo te'e, isa injifatiisaaf hin dandeettu. Ati dhugumaan hin badda» jedhaneen.14Isaan adoo isa woliin dubbatiisatti jiranuu, guneeyyiin mootichaa dhufanee, ariiti'iin Haamaan gara areertii Asteer qopheessitee geessane.