Kitaaba Asteerii3gax_twf

Haamaan Yihudoota Balleessiisaaf Mala Dhowe

1Waan kanaan duuba mootichi Ahashiweros, ilma Hamedaata'aa, Haamaanii sanyii Agaagii te'eefulfinna kennee, qondaaltota dhibii mara caalaa baallii guddoo kenneef.2Isaan Haamaaniif jilbiiffatanee ulfinna akka kennanu mootichi waan ajajeef, tajaajiltooti mootichaa worri seensuma karra mootichaa jiranu marti, jilbiiffatanee Haamaaniif ulfinna kennane; Mordekaayi ammoo hin jilbiiffanne yookiin ulfinna isaaf hin kennine.3Achiin duuba tajaajiltooti mootichaa worri seensuma karraa jiranu, «Ati ajaja mootichaa maaniif diddaa?» jedhanee Mordekaayi gaafatane.4Guyyuma guyya'aan itti deddeebi'anee gaafatane; inni ammoo hin dhageenne. Inni Yihudii akka te'e isaanitti waan himeef, didduma tanaan akka inni hafu beekuu barbaadanee, dhaqanee marroo isaa Haamaanitti himane.5Haamaan akka Mordekaayi isaaf hin jilbiiffatin yookiin ulfinna isaaf hin kennin yennaa dhagge, akka malee aare.6Gosi isaa Yihudii akka te'e waan itti himaneef, Haamaan Mordekaayi callaa ijjeesuu tuffate; addee san Yihudoota kolbaa Mordekaayii mara mootummaa Ahashiwerosii duudii keessaa balleessiisaaf mala dhowe.7Ahashiweros mootii te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo ka «Niisaan» jedhamu keessa [guyya'aa fi ji'a gargar baasanee beekiisaaf] Haamaan duratti hixaa «Puuriim» jedhamu buusane; hixaalle ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu irra bu'e.8Achiin duuba Haamaan mooticha Ahashiwerosiin, «Kolbaa Kutaa biyya mootummaa teetii mara odduu kolbaan bittinnoottee leetu takka jirti; seerri isaanii seeraa kolbaa dhibi'ii mara irraa adda; seera mootichaatiifille hin ajajamanu; tanaaf kolbaa tana cadhisanee ilaaluun mootichaaf hin toltu.9Dubbiin tun si mooticha yoo gammachiitte, isaan balleessiisaaf lassiin baatuu ti; akka isaan mana meyaa keeti keessa keyanu, anille namoota itti gaafatantoota mana meyaatitti meetii kiiloogiraama kuma dhibba sadii fi afurtamaa hin kenna» jedhe.10Maarre mootichi qubee chaappa'aa quba ifii irraa baasee, ilma Hamedaata'aa, Haamaanii sanyii Agaagii ka diina Yihudootaa te'e sanitti kenne.11Mootichi Hamaaniin, «Meetiin si'iifuu hattuu ti; kolbaalle teetuma, waan feete godhadhu» jedhe.12Achiin duuba ji'a tokkeesso'oo, gaafa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, barreessitooti mootichaa waamamane; isaan ajaja Haamaanii mara kutaa biyyaa tokko tokkootiifuu akka isaan itti barreeffatanutti, afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota kolbaa adda addaatiif maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee chaappaa qubee quba mootichaatiin dhowane.13Ajaji barreeffamaa namoota rukke'een geessanutti kennamee, ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu keessa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, dargaggoota, jaarsolee, dubartootaa fi ijoollee Yihudootaa mara guyyaa tokkocha akka balleessanu, akka ijjeesanuu fi ijjumaa akka haxowanu, qabeenna isaaniille akka saamanuuf gara kutaa biyya mootichaa maratti ergame.14Kolbaan marti guyyaa saniif akka qophoottuuf, barreeffam ajaja san irraa garagalfamee gosa kutaa biyyaa keessa jiranu maratti beessifame.15Ergantooti ajaja mootichaatiin ariifatanee bayane; ajaji sun qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti maxxanfame. Mootichii fi Haamaan uniisaaf tee'ane; worri qachaa Suusaa ammoo raafame.