Worra Efesoonii5gax_twf

Ifa Keessa Jiraachuu

1Isin jaalatantoota ijoollee Waaqaa eega teetanee, fakkeenna isaa gula deema'a.2Akkuma Kiristoos nu jaalatee, akka kennansa uddowa'aa fi woreega Waaqa gammachiisuu, jiruu ifii akkuma nu'uuf kenne, isinille jaalalaan jiraadha'a.3Isin kolbaa Waaqaa eega teetanee, sagaagaluun yookiin battummaan martinuu yookiin joljolummaan wodhakkaa teessanitti te'uu lakkisiitii, oduunuu dhage'amuu hin qaddu.4Waaqa galateeffadha'a malee, dubbii gurratti hin tolle, dubbii shufuroo, dubbii fokkisiittu hin dubbatina'a.5Sagaagaltichi, yookiin battichi, yookiin joljoltichi jechuun ka waaqa dharaa waaqonfatu mootummaa Kiristoosiitii fi Waaqaa keessatti qooda akka hin fudhanne beeka'a.6Eennulle dubbii dharaatiin isin hin sobin; sababa waan kanaatiif mufiin Waaqaa worra isaaf hin ajajanne irratti hin dhutti.7Tanaaf kolbaa akkasii woliin tokkummaa hin qabaatina'a.8Isin dur dukkana keessa turtane, kolbaa Gootta'aa eega teetane ammoo, ifa keessa jirtan. Maarre isin akka kolbaa ifaa jiraadha'a.9Sababille wonni dansaan marti, balchumma'aa fi dhugaan ifa keessaa madditi.10Waan Goottaa gammachiisu qorqora'aatii bira geya'a.11Hujii dukkanaa, ta bu'aa hin qanne san, ifatti baasa'a malee, itti hin hirmaatina'a.12Waan isaan dhossa'atti hujanee dubbatiisinuu hin fokkifachiisa.13Wonni marti yennaa gara ifaa baate, bifi isi'ii dhugichi ifa te'ee hin mudhata;14Sababille ifi waan mara mudhisa. Tanaaf,«Ati ka rafiisatti jirtu, dammaqi!Du'a keessaa ka'i!Kiristoos si'iif hin issa» jedhame.15Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha'aa ilaalladha'a. Akka qaroole'ee malee, akka gowwoole'ee hin le'ina'a.16Barri kun hamaa waan te'eef, yennaa dagu'uu maratti fayyadama'a.17Fedhiin Gootta'aa maan akka teete hubadha'a malee, gowwoolee hin te'ina'a.18Ayyaana Woyyichaan guutama'a malee, daadhii woyni'ii ta isin balleessituun, hin machowina'a.19Faaru'uu fi faaruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille'een woliin dudubbadha'a; faaru'uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha'a.20Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba'aaf galata galcha'a.

Abbaa Manaatii Fi Haadha Manaa

21Ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii woliif ajajama'a.22Haadhotiin manaa, akkuma Goottaa Yesuusiif ajajamanu abbootii manaatiif ajajamanuu ti.23Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif mataa te'e, abbaan manaa haadha manaatiif mata'a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde'a kiristaanaatiifille fayyisa'a.24Wolde'i kiristaanaa Kiristoosiif akkuma ajajamu haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif waan maraan ajajamanuu ti.25Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaa jaalatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaaladha'a.26Inni wolde'a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe.27Maarre akkasiin xurii yookiin shuntuurata fuulaa yookiin wonni hantuun akkasii irratti adoo hin dhaggamin, Woyyicha, ka komii hin qanne, shaggaa godhee, wolde'a kiristaanaa gara ifii dhikeessa.28Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata.29Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa.30Sababille nuuti mitikaa nafa Kiristoosii ti.31Barreeffam Woyyichi, «Sababa kanaaf nami haadhaa fi abbaa lakkisee, haadha manaa ifiititti maxxana; lamaanuu tokko hin te'an» jedha.32Kun dhossaa guddo'o; ani marroo Kiristoosiitii fi marroo wolde'a kiristaanaa dubbatiisatti jira.33Te'uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaalattanu haadha manaa teessan jaaladha'a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.