Lallaba12gaz_bib
1Utuu guyyaan rakkinaa hin dhufin,utuu barri ati itti, “Ani itti hin gammadu” jettu hin gaʼin,bara dargaggummaa keetii keessa Uumaa kee yaadadhu;2utuu aduu fi ifni,jiʼii fi urjiin hin dukkanaaʼin,utuu duumessi bokkaatti aanee hin deebiʼin,3yeroo itti eegdonni manaa hollataniinamoonni jajjaboon immoo gugguufanitti,yeroo itti warri midhaan daakan sababii muraasa taʼaniifhojii dhiisanii,kanneen foddaa keessaan ilaalan arguu dadhabanitti,4yeroo itti balballi daandii guddaatti geessu cufameesagaleen dhagaa daakuu immoo gad buʼaa deemutti,yeroo itti namni waca simbirrootiin dammaqeesirbi ishee hundi garuu gad buʼaa deemutti,5yeroo itti namni lafa ol dheeraa fibalaa daandii irraa sodaatu,yeroo itti mukni lawuzii daraaru,yeroo itti korophisni tiratuu fihawwiin nama keessaa badutti Uumaa kee yaadadhu.Ergasii namni mana isaa bara baraatti gala;warri booʼanis daandii irra deddeebiʼu.6Utuu funyoon meetii hin citin,yookaan utuu waciitiin warqee hin cabin isa yaadadhu;utuu okkoteen burqaa biratti hin caccabin,yookaan utuu geengoon ittiin bishaan warraabanboolla bishaanii biratti hin cabin,7utuu biyyoon lafa turetti hin deebiʼin,utuu hafuurris Waaqa isa kennetti hin deebiʼin isa yaadadhu.8Lallabaanis, “Wanni hundi faayidaa hin qabu!Faayidaa hin qabu! Wanni hundi faayidaa hin qabu!” jedha.