Kitaaba Lallabaa12gax_twf
1Barri rakko'oo adoo hin dhufin, woggooti, ati, «Ana hin gammachiisanu» jettulle adoo hin dhikaatin, bara dargaggummaa teetii ka si dade qaabadhu.2Ati yennaa dulloontu aduun, ifi, jiinii fi urjiin hin dukkanowan; duumensi bokkeyaa hin dabaru.3Yennaa san harki keeti hin hollata; miilli keeti hin dadhaba; ilkaan keeti waan si irraa harca'uuf corqitee hin dandeettu; ilti teetille hubattee hin dhaggitu.4Yennaa san gurri keeti dhage'uu hin dadhaba; yennaa wo nyaattulle corqiis hin dhage'amu; namooti yennaa sinbirreen woccu hin ka'an; qoonqoon woca isaanii ammoo sitti diqqoo dhage'ama.5Yennaa san tarba bayiisa hin sodaatta; miilaan deemiisa guddoo hin sodaatta; rifeensi keeti akka daraaraa muka «Almond» jedhamuu adii hin te'a; yennaa ideentu akka korophiisaa hin tatabbitta; fedhiin teeti hin baddi. Achiin duuba ati gara mana keeti ka bara baraa hin deenta; kolbaan awwaala keetiif hin yaati.6Jiruun teeti akka haachaba meeti'ii adoo hin citin yookiin akka qorii worqi'ii adoo hin cabin yookiin akka waan bisaaniin woraabbatanuu, madda biratti adoo hin bututin yookiin akka korboo bisaan boollaa ittiin woraabbatanuu, adoo hin cabin,7biyyeen gara biyye'ee adoo hin deebi'in, hafuurrille gara Waaqa isa kennee adoo hin deebi'in ka si dade qaabadhu.8Lallabaan, «Wonni martinuu bu'aa hin qaddu! Dhugumaan bu'aa hin qaddu!» jedha.