Kitaaba Seera Keessa Deebii33gax_twf

Muuseen Gosoota Israa'elii Eebbise

1Nami Waaqaa Muuseen adoo hin du'iniin dura eebbi inni Israa'eloota eebbise ta asii gad jiru.
2Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irraa dhufee,akka aduu ganamaa Se'iir irraa isaaniif baye;gaara Phaaraanii irralle'ee isaaniif isse;inni ergantoota ifii kumaatama woliin dhufe;midda isaatitti ibiddi gabbatu jiraayyu.3Dhuguma inni kolbaa ifii hin jaalata;woyyooti marti harka isaakeessa jiran.Isaan martinuu miila isaa jalatti hin sagadan;isa irralle'ee gorsa hin fudhatan.4Seerri Muuseen kenne kun,qooda wolde'a Yaaqoobii ti.5Yennaa sooressitooti kolba'aagosa Israa'elii mara woliin wolitti qabamanu,Mootiin Waan Maraa Yeshuuruun irratti mootii te'e.6Muuseen marroo gosa Ruubenii dubbatee,«Gosi Ruubenii le'uu ti malee, hin du'in.Laakkossi gosa isaa hin diqqaatin» jedhe.7Marroo Yihuda'aa,«Ee Mootii Waan Maraa,iyya gosa Yihuda'aa dhage'i.Gara kolbaa isaanii isaan fidi!Harkuma keetiin isaan irraa dhooggi;yennaa isaan diinota ifii woliin wol lolanuati isaan qarqaar» jedhe.8Marroo gosa Lewwi'ii,«Uriimii fi Tumiim ta fedhii teeti ittiin beekanu,woyyoota teeti gosa Lewwi'iitiif kenniteerta.Ati Maasa'atti haga isaan ilaaltee,bisaan Mariibaa biratti isaan woliin mormite.9Isaan si'iif jedhaneehaajaa abba'aa fi haadha ifii lakkisanee,fira ifiitii fi ijoollee ifii dedhane.Isaan jecha keetiif ajajamanee,gondooroo teeti eegataneeran.10Isaan sirna keeti Yaaqoobseera keetille Israa'el hin barsiisan.Isaan hixaana si durattikennansa gubamu duudiilleaddee ciinca'aa keeti irratti hin dhikeessan.11Ee Mootii Waan Maraa, hunna isaanii eebbis;hujii harka isaaniititti gammad.Worra isaan irratti ka'u dhowi;diinoti isaanii deebi'anee akka hin kaanehidha isaanii kuti» jedhe.12Marroo gosa Beniyaamii,«Ka Mootiin Waan Maraa jaalatu,sodaa malee jiraata.Inni guyyaa mara itti waan gombobuuf,bobaa isaa jala jiraata» jedhe.13Marroo gosa Yoseefii,«Mootiin Waan Maraalafa isaanii fixeensa ol gubba'aatiinbisaan lafa gad fagoo keessa jirulle'een,14midhaan filatamaa adu'uun geyeen,ka dansaa yennaa yenna'aan galfatanuun,15waan hedduu dansaagaara durii irraa dhaggamanuun,waan hedduu dansaakoobota bara baraa irraa dhaggamanulle'een,16waan guddoo dansaa latti baattuun,Mootii Waan Maraaka haxanxarii bobeettu keessatti dubbateeneebbifantuu ti.Tun marti Yoseefii obboleeyyan ifii keessaabulchaa te'eef teetuu ti.17Arnyi Yoseefii akka korma qara dhalatee ti;gaafoti isaa akka gaafota gafarsaa ti;gaafota ifii saniin gosa biyya adda addaahaga qaccee lafaatitti hin woraana.Efreem ka akkasii kuma kudhan qaba;Minaaseelle kuma hedduu qaba» jedhe.18Marroo gosa Zebuloonii,«Ee Zebuloon, ati bayiisa teetitti,ee Yisaakor, atilledunkaanii teeti keessatti gammadi.19Isaan gosa hedduu gara gaaraa hin waaman;achitti kennansa balchumma'aa hin dhikeessan.Qabeenna abbaaya'aa hin xuuxan;karra maansa keessatti dhokatelle hin baafatan» jedhe.20Marroo gosa Gaadii,«Waaqi lafa Gaadii badhise ka eebbifame;Isaan akka neenqaa achi le'anee,harkaa fi mataa hin kukkutan.21Qoodi sooressumma'aa isaaniif waan kennameef,lafa laayyoo hin filatan.Sooreyyiin kolba'aa yennaa wolitti qabamane,isaan fedha Mootii Waan Maraa qajeela'aa fimuraa isaa Israa'eliif muummessane» jedhe.22Marroo gosa Daanii,«Daan akka ilmoolee neenqaa,ta Baashaan keessaa utaaltuu ti» jedhe.23Marroo gosa Niftaalemii,«Ee Niftaalem isin Mootii Waan Maraatiinfudhatama guddaa qaddan;eebba isaatille'een guutantaneertan;isin lafa haga kibba abbaayaa Galiila'aahin qabatan» jedhe.24Marroo gosa Asheerii,«Gosi Asheerii gosa dhibii caalaa ta eebbifante.Obboleeyyan isaanii isaan jaalatanuu ti;latti isaanii muka ejersaatiin ta tolte teetuu ti.25Danqaraan karra isaaniisibiilaa fi sageettuu teetuu ti;nageenni isaanii bara isaanii woliin qixxawuu ti.
26«Ee Yeshuuruun,Waaqi akka Waaqa keessaniika isin qarqaariisaaf ol-gubbaa irraduumensa irrallearnya ifiitiin deemu tokkolle hin jiru.27Waaqi bara baraa addee isin itti baqattanu;irreen isaa ta bara baraalle isin utuddi.Inni diinota keessan isin duraa ari'aa,‹Isaan balleessa'a› hin jedha.28Kolbaan Israa'elii qofii ifiibidhaa malee jiraatti;sanyiin Yaaqoobiille,lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii keessa,addee ol-gubbaan fixeensa gad coccossitu keessanageyaan jiraatti.29Ee kolbaa Israa'elii, isin gammada'a!Kolbaan akka keessaniita Mootiin Waan Maraa baase tam?Wonte'ee fi qarqaarsi keessan,shallaagaan keessan ka ulfinnaalle isa;diinoti keeti si duratti hin hohollatan,isin isaan irra hin sirbitan» jedhe.