1Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, ajajoota isaa ka ani adha si ajaju mara akka dansaa yoo eegatte, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta biyya lafaa irra jirtu mara caalaa ol isin hin qaba.2Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, eebbi kun martinuu dhufee si'iif hin te'a.3Qachaa keeti keessatti, fichaa keeti keessalle'etti hin eebbifanta.4Ijoolleen teeti, midhaan fichaa keetiitii fi jabbileen loon keetii, ilmooleen hoole'ee fi re'ee teeti hin eebbifaman.5Saaxaraan keetii fi gabataan keeti hin eebbifaman.6Ati yennaa baatu, yennaa galtulle ka eebbifante hin teeta.7Mootiin Waan Maraa diinota si irratti ka'anu fuula keeti duratti akka injifatamanu hin godha. Karaa tokkochaan si loliisaaf hin dhufan; karaa torbaan si duraa hin baqatan.8Mootiin Waan Maraa gootaraa keetii fi hujii harka keetii mara si'iif hin eebbisa. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa sii kennu keessatti si'ille hin eebbisa.9Ati ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii eegattee, karaa isaa yoo ideente, Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa sii galetti kolbaa woyyittii ifii godhatee si hin dhaaba.10Achiin duuba kolbaan biyya lafaa duudiin, akka ati maqaa Mootii Waan Maraatiin waammante dhaggitee, si hin sodaatti.11Mootiin Waan Maraa lafa sii kenniisaaf abbootii teetiif waadaa gale keessatti, ijoolle'een, hortee hori'iitii fi midhaan lafa teetiitiin guddisee si qananoonsa.12Mootiin Waan Maraa lafa teetiif bokkeya yenna'aan kenniisaan, hujii harka keetii eebbisiisaaf, galmee ifii dansaa, ol-gubbaa si'iif hin bana. Ati gosa biyya adda addaa heddu'uuf hin liqeessita malee, eennu irralle'ee hin liqeeffattu.13Mootiin Waan Maraa mataa si tolcha malee, eegee si hin tolchu; ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii ka ani adha si ajaju, akka dansaa yoo eegatte, ol guddatta malee, gad hin guddattu.14Waaqota dhibii hordofiisaa fi isaan tajaajiliisaaf, ajaja ani adha si ajaju kana irraa gara middaa yookiin gara bita'aa hin gorin.
Abaarsa Ajajamuu Dhabiisaan Dhufu
15Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ajajamuu diddee, ajajaa fi seerata ani adha si ajaju kana yoo eegatiisa dhadde, abaarsi asii gadii kun marti sitti dhufee si hin dhaqqaba:16Ati qacha'aa fi fichaa keessatti hin abaaranta.17Saaxaraan keetii fi gabataan keeti ka abaaramane hin te'an.18Ijoolleen teeti, midhaan fichaa keetii, jabbiin loon keetiitii fi ilmooleen hoole'ee fi re'ee teetii ka abaaramane hin te'an.19Ati yennaa baatu, yennaa galtulle ka abaarante hin teeta.20Isa lakkittee, waan hujje maraaf, haga ati ijjumaa ariifattee baddutti, sababa hujii harka keetiitiif, Mootiin Waan Maraa abaarsa, raafamaa fi xixansa si irratti hin fida.21Mootiin Waan Maraa lafa ati itti galtu keessaa, haga ijjumaa si balleessutti dhukkuba hamaa sitti hin fida.22Mootiin Waan Maraa dhukkuba golgoleessuun, ka nafa o'isuun, iitaan, o'a woxaluun, oola'aan, gugguufa'aa fi shanto'oon haga ati baddutti si hin dhowa.23Ol-gubbaan si'iin gubba'aa akka sageettu'uu, latti si'iin jalaa akka sibiilaa sitti hin teeti.24Mootiin Waan Maraa haga ati baddutti bokkeya lafa teetii qabuxxe'ee fi bukuu hin godha.25Mootiin Waan Maraa akka ati diina keeti duratti injifatantu hin godha. Karaa tokkoon isaan loliisaaf hin baata; karaa torbaan isaan duraa baqatta. Mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu hin teeta.26Reeffi keeti allaatti'ii fi bineensaaf sagalee hin te'a; nami reeffa keeti irraa isaan ari'u tokkolle hin jiraatu.27Mootiin Waan Maraa dhukkuba ati irraa fayyuu hin dandeenne iita dhootu ta worra Gibxi'iitiin, iita hin dhoone, qanxo'oo fi hooxxo'oolle'een si hin dhowa.28Mootiin Waan Maraa maraattumma'aan, ballumma'aa fi raatu'uun si hin dhowa.29Akkuma ballaan dukkana keessa titimisu, atille guyyaa saafowaan hin titimitta; karaan keeti si'iif hin qajeelu; wonni ati hujju marti si'iif hin milkoottu; ati yennaa mara cunqurfama'aa fi saamamaa hin teeta; nami si qarqaarulle hin jiraatu.30Ati durra fuudhiisaaf hin kadhatta; ammoo nami dhibiin hunnaan isii woliin rafa. Ati mana hin ijaarratta; ammoo keessa hin leetu. Muka woyni'ii hin dhaabbatta; ammoo midhaan isaa hin nyaattu.31Loon keeti iluma teeti duratti hin qalaman; ati ammoo foon san ijjumaa hin dhandhamattu. Harree teeti iluma teeti duratti butatanee fudhatan; ammoo si'iif hin deebitu. Hooleen teeti diinota keetiif kennanti; nami isaan hamburiisaaf si qarqaaru hin jiraatu.32Ijoolleen teeti ta dhiiraatii fi ta durraa adoo ati iluma teetiin ilaaltuu gosa biyya dhibi'iitiif hin kennaman. Guyyuma guyya'aan akka isaan deebi'anee dhufanu eegiisaan ilti teeti hin dadhaddi; garuu womaa godhiisa hin dandeettu.33Gosi biyya ati hin beennee, midhaan lafa teetii ka ati itti elootte mara hin nyaatti; ati ammoo yennaa mara ka cunqurfantee bututtu qofa hin teeta.34Wonni ati ila teetiin dhaggitu kun si maraachiti.35Mootiin Waan Maraa iita fayyuu hin dandeenneen jilba keeti, miila keeti, barruu miila keetiitii jalqabee haga gubbaa mataa keetiititti madaa sitti buusa.36Mootiin Waan Maraa si'ii fi mootii keeti ka ati ifi irratti mootonfatte, gosa biyya adda addaa ta atii fi abbootiin teetille hin beennetti dabarsee si hin kenna. Achitti ati waaqota mukaa fi dhakaa irraa hujamane tajaajilta.37Gosi biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa itti si galchu mara keessatti, waan dhagganee bararaqanu, ta mammaassaatii fi murgo'oo hin teeta.38Ati sanyii midhaanii bacaa ficha'atti facaafatta, awwaannisi waan fixuuf, waan diqqoo qofa galfatta.39Ati muka woyni'ii dhaabbattee hin kunuunfatta; corroxxi waan nyaattuuf ammoo, unkuruura isaa hin guurattu, daadhii woyni'ii ta isaalle hin untu.40Lafa teeti keessa muka ejersaa addee maratti hin qabaatta; midhaan isaa waan irraa harca'uuf, zayitii ejersaa ta dibattu hin qabaattu.41Ati abbaa ilmaa fi intalaa ti; booji'amanee waan deemanuuf ammoo, isaan keetii moti.42Muka keetii fi midhaan keeti mara awwaannisi itti tima.43Alagaan odduu teeti jiru si irratti oluma oluma jedha; ati ammoo gaduma gaduma jetta.44Inni sii hin liqeessa; ati ammoo isaaf hin liqeessitu. Inni mataa hin te'a; ati eegee hin teeta.45Ati jecha Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii dhage'uu waan diddeef, ajajaa fi seerata isaa ka inni si ajaju eegatiisa waan dhaddeef, abaarsi kun marti haga ati baddutti gara keeti dhufee, ari'ee si hin dhaqqaba.46Abaarsi kun marti Mootiin Waan Maraa akka si'ii fi sanyii teeti adabe beessisaa fi maadee haga bara baraa mudhisu hin te'a.47Yennaa qananummaa teetii Mootii Waan Maraa Waaqa keeti gammadaa firinxiixaa waan hin tajaajiliniif,48yennaa beelaa fi dheebu'uu, yennaa daaraatii fi yennaa deegaa, diina keeti ka Mootiin Waan Maraa sitti kaasu hin tajaajilta. Inni haga si balleessutti waanjoo sibiilaa morma keetitti hin keya.49Mootiin Waan Maraa gosa akka risaa gubba'aa gad xinniquu, ta afaan isaanii ati hin beenne, lafa fagoo qaccee biyya lafaa irraa sitti hin fida.50Isaan worra fuulli isaanii nama sodaachisu, ka nama gudda'aaf ulfinna hin kennine, ka ijoolle'eefille hin mararre.51Isaan haga si balleessanutti jabbilee loon keetiitii fi midhaan lafa teetii hin nyaatan; isaan midhaan, daadhii woyni'ii, zayitii ejersaa, hortee loonii yookiin hoole'ee fi re'ee teetii takkattiille si'iif hin hamburanu.52Dalleenni dhaka'aa dhedheeraan jabaan ati itti addattu haga jigutti, isaan qachoota lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu mara keessatti si hin marsan.53Yennaa diinni keeti si marsee si farrisiisu san, dhala teeti, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kenne, foon ijoollee teeti ta dhiiraatii fi ta durraa hin nyaatta.54Isin keessaa nami laafaan qeenxalloonuu obboleessa ifii, haadha manaa ta ifii ta jaalatuu fi ijoollee ifii worra hafane ila hantu'uun hin ilaala.55Qachaan keeti marti waan marfameef, rakkinna diinni keeti si irratti fidu irraa ta kaate, akka inni nyaatuuf ka hafeeru kana malee waan hin jirreef, foon ijoollee ifii ka nyaatu san irraa diqquma isaalle, isaan keessaa tokkolle'eef hin kennu.56Isin keessaa dubartiin laattuun qeenxalloon, ta miilli isi'iituu lafatti hin ijjanne, abbaa manaa ifiitii fi ijoollee ifiituu ila hantu'uun hin ilaalti.57Isiin yennaa diinni keeti qachoota keeti marsee si farrisiisanu san, wonni nyaatanu waan hin jirreef, hobbaatii gadaamessa isi'ii keessaa baatuu fi ijoollee ifii deettu dhossa'aan hin nyaatti.58Jecha seera kanaa ka kitaaba kana keessatti barreeffame mara akka dansaa yoo eegatuu dhaddane, maqaa Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii ka ulfinna qabu ka maade'ee kana yoo sodaatuu dhadde,59Mootiin Waan Maraa balaa hamaa farrisiisaa yennaa hedduu si irra turu, dhukkuba hin fayyine si'ii fi sanyii teeti irratti hin fida.60Inni dhukkuba biyya Gibxi'ii ka ati sodaatte san mara, ammalle si'itti hin fida; dhukkuba san irraa hin fayyitu.61Mootiin Waan Maraa dhukkubaa fi balaa kitaaba seeraa kana keessatti hin barreeffaminille mara sitti fidee si hin balleessa.62Laakkossi keessan akka urjii ol-gubba'aa te'ulle, jecha Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniitiif waan hin ajajaminiif, isin keessaa nama diqqaa qofatti hafa.63Mootiin Waan Maraa akkuma waan dansaa isinii godhiisaaf, isin baceessiisaafille gammade, akkasuma isin diigiisaa fi balleessiisaaf hin gammada. Isin lafa dhaaliisaaf itti galtanu keessaa hin buqqaatan.64Mootiin Waan Maraa qaccee lafaatii haga qaccee lafaa taanitti, gosa biyya adda addaa odduu si hin bittinneessa; achitti waaqota mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka abbootiin teeti ta durii hin beenne hin tajaajilta.65Gosa biyya adda addaa san oddu'utti foora hin qabaattu; addee miilli keeti itti ijjatulle hin qabaattu. Mootiin Waan Maraa achitti gadhaa sheephisu, ila caararroottu, gadhaa addii kutatulle sii hin kenna.66Jiruu mamaa hin jiraatta; du'aa fi jiruu wodhakkaa waan jirtuuf, halkanii fi guyyaa sodaataa leeta.67Waan gadhaan keeti sodaatuu fi waan ilti teeti dhaggitu saniif jettee, ganama, «Adoo dhiitee!» galgala ammoo, «Adoo bariitee!» jetta.68Karaa ani, «Lammeessoo deebitanee hin dhaggitanu» isiniin jedhe, Mootiin Waan Maraa hoboloo gudditti'iin gara biyya Gibxi'ii si hin deebisa; achitti diinota keessaniif garbichaa fi garbittii akka isaanii teetanu gurguramiisaaf ifi kennitan; ammoo nami isin bitatu achi hin jiraatu.