Addee Ciinca'aa Ta Gaara Ebaalii Irraa
1Muuse'ee fi jaarsoleen Israa'elii, kolbaa ajajanee, inni isaan, «Ajaja adha ani isin ajaju kana mara eegadha'a.2Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti galiisaaf, laga Yordaanosii gamatti yennaa buutane, dhakoota gugurdaa dhaaba'aatii nooraa itti diba'a.3Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teetii waadaa sii galetti, lafa aananii fi dammaa, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennutti galiisaaf, laga Yordaanosii gamatti yennaa buute, jechoota seera kanaa mara dhakoota san irratti barreessi.4Laga Yordaanosii gamatti yennaa buute, akkuma ani adha si ajajetti dhakoota kana gaara Ebaalii irratti dhaabiitii nooraa itti dibi.5Achitti Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, sibiilaan adoo hin tuqin addee ciinca'aa dhaka'aan ijaari.6Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, dhakaa hin bocaminiin addee ciinca'aa ijaariitii isii irratti ciincaa dhikeessi.7Achitti ciincaa tokkumma'aa dhikeessiitii, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti nyaataa gammadi.8Dhakoota san irratti jechoota seera kanaa mara akka mudhatu godhiitii barreessi» jedhe.9Achiin duuba Muuse'een, Lewwoota hayyoota woliin, kolbaa Israa'elii maraan, «Ee Israa'el, cadhisii dhage'i; ati adha kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetii teeteerta.10Tanaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ajajamiisaan, ajajaa fi seerata ani adha si ajaju kana eegadhu» jedhe.Abaarsa Ajajama Didiis Fidu
11Guyyuma san Muuseen, kolbaa Israa'elii ajajee,12«Laga Yordaanosii gamatti yennaa buutane, gosi Shimi'oonii, gosi Lewwi'ii, gosi Yihuda'aa, gosi Yisaakorii, gosi Yoseefiitii fi gosi Beniyaaminii kolbaa eebbisiisaaf, gaara Geriiziimii irra dhaabbatanuu ti.13Gosi Ruubenii, gosi Gaadii, gosi Asheerii, gosi Zebuloonii, gosi Daaniitii fi gosi Niftaalemii abaariisaaf gaara Ebaalii irra dhaabbatanuu ti» jedhe.14Worri Lewwootaalle qoonqoo ol qabatanee, kolbaa Israa'elii maratti lallabanee:15«Nami fakkii nama hujii harkaa beekuun hujante, ta Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa teete qiriixee yookiin sibiila baqisiisee waaqa dharaa hujee, dhossa'aan dhaabu, ka abaarame te'uu ti» jedhane. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.16Nami haadha ifii yookiin abbaa ifii salphisu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.17Nami dhakaa meessa'aa ka ollaa ifii adde'ee munyuussu marti, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.18Nami ballaa karaa dokonkoraatitti qajeelchu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.19Nami alagaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa haqa dhooggu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.20Nami niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii woliin rafu, rifanoo abbaa ifii waan salphisuuf, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.21Nami horii kamiiyyuu woliin rafu ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.22Nami intala abbaa ifiiyookiin intala haadha ifiita obboleettii isaa teetu woliin rafu ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.23Nami haadha sodda'aa ta ifii woliin rafu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.24Nami dhossa'aan nama ijjeesu marti, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.25Nami nama yakkaa hin qanne ijjeesiisaaf, beesee fudhatu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.26Nami jechoota seera kanaa hin eeganne, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.