Kitaaba Seera Keessa Deebii26gax_twf

Kennansa Midhaan Mata'aatii Fi Kudhan Keessaa Tokkoo

1Ati lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltu sii kennutti galtee, qabattee isii keessa yennaa leetu,2midhaan lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu irraa galfattu mara keessaa ka mata'aa fuudhiitii saaxaraa keessa keyiitii, gara addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka itti waamamuuf filatuu dhaqi.3Hayyicha yennaa san hujii irra jiruun, «Lafa Mootiin Waan Maraa, nuu kenniisaaf abbootii teennaaf kakate sanitti akka galle, ani adha Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti lallaba» jedhi.4Achiin duuba hayyichi saaxaraa san si irraa fuudhee, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii dura hin keya.5Atille Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Abbaan kiyya nama biyya Sooriya'aa ka addee takkattii hin leene; inni maatii diqqoo ifii woliin gara biyya Gibxi'ii gad bu'ee achi le'e; inni achitti kolbaa guddoo, hunnaametti'ii fi bindillaa te'e.6Worri Gibxi'ii ammoo nu miidhanee, nu farrisiisanee, hujii hunnaa jajjadduu nu hujisiisane.7Achiin duuba nuuti gara Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teennaa iyyinee, Mootiin Waan Maraa iyya teenna dhage'ee, farra teenna, dadhabbi'ii fi cunqurfama keenna dhagge.8Maarre Mootiin Waan Maraa hunna ifii guddo'oo fi jabeenna ifiitiin, hujii guddoo sodaachittu'uun, baasaa fi maade'een biyya Gibxi'ii keessaa nu baase.9Inni gara addee tanaa nu fidee, biyya aananii fi dammaa tana nuu kenne.10Kunoo, Mootii Waan Maraa midhaan mata'aa ka lafa ati naaf kennite irraa fideera» jedhi. Achiin duuba Saaxaraa san Mootii Waan Maraa Waaqa keeti dura keyiitii, fuula Mootii Waan Maraa duratti sagadi.11Ati, Lewwootii fi alagaan si woliin le'u waan dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'ii fi maatii teetiif kenne maratti gammada'a.12Ati woggaa sadeesso'oo, ta kudhan keessaa tokko kennanutti, midhaan galfatte keessaa kudhan keessaa tokko mara adda baatteen duuba, Lewwooti, alagaan, ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa nyaatanee akka quufanu isaaniif kenni.13Achiin duuba Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Akkuma ajaja keetiititti, qooda waan woyyuu te'ee mara mana kiyyaa baasee, Lewwootaaf, alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif kenneera. Ajaja keeti keessaa hin baane; tokkolle hin deene.14Ani gadda du'aa keessa qooda woyyichaa san irraa hin nyaanne yookiin akka aadaa dhugeeffanna'aatitti yennaa qulqulluu hin te'initti isa irraa hin fuune yookiin isa irraa worra du'eef hin kennine; ani Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf ajajameera. Waan inni na ajaje mara muummesseera.15Addee woyyittii teeti ta ol-gubba'aa irraa gad ilaaliitii, kolbaa teeti Israa'el, akkuma abbootii teennaaf kakatetti lafa aananii fi dammaa ta nuu kennitelle eebbisi» jedhi.

Ajaja Mootii Waan Maraa

16Adha Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti seerataa fi seera isaa akka eegattu si ajaja; tanaaf gadhaa keeti tokkochaa fi lubbuu teeti takkatti'iin ajaja isaa mara akka dansaa eegadhu.17Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka te'e, karaa isaa akka ideentu, seerata isaa, ajajjaa fi seera isaa eegatiisaaf, isaafille ajamiisaaf adha dubbatteerta.18Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa sii galetti, ati kolbaa isaa, qabeenna isaa ka addaa akka teete, ajaja isa maralle akka eegattu adha dubbateera.19Gosa biyya adda addaa ta dade mara keessaa leellisaan, maqa'aa fi ulfinnaan ol akka si aansu, akkuma waadaa galetti, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, kolbaa woyyittii akka teetu dubbateera.