Kitaaba Seera Keessa Deebii22gax_twf

1Loon yookiin hooleen obboleessa keetii baddee deentuun yoo dhaggite, isaaf deebis malee, cadhittee hin lakkisin.2Addeen inni le'u fagoo yoo teete yookiin yoo isa hin beenne teete gara mana keetii geessiitii, haga abbichi barbaassa dhufutti si bira turtuu ti. Achiin duuba isaaf deebisi.3Harree, woyaa yookiin waan obboleessa keetii ta dhibiille ta isa duraa badde yoo dhaggite, akkasuma godhi.4Harreen yookiin loon Israa'elicha obboleessa keetii, karaa irratti jiganeeranuun yoo dhaggite, isa qarqaarii kaasi malee cadhittee hin lakkisin.5Dubartiin woyaa dhiiraa hin uffatin; dhiirtille woyaa dubarti'ii hin uffatin. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan worra akkas godhu hin jibba.6Adoo karaa deentuu muka irratti yookiin lafa irratti mana simbirre'ee ka cuucuun yookiin quuphaan keessa jiruun, haati itti kabbiteertu yoo dhaggite, haadha cuucuu isi'ii woliin hin fuudhin.7Wonni dansaan akka sii teetu, bara dheeraalle akka leetu, cuucuu fudhadhu; haadha ammoo akka deentu gad lakkisi.8Mana haareya tokko yennaa ijaartu, nami tokko heellichoo irraa bu'ee dhiiga isaatiif akka itti hin gaafatanne waan kiphu itti ijaari.9Oorruu muka woyni'ii keeti keessatti sanyii dhibii hin facaasin; yoo tana goote sanyii facaatte qofa adoo hin te'in, midhaan muka woyni'iille itti fayadamuu hin dandeettu.10Qotiyyo'oo fi harree wolitti hiitee ittiin hin qotin.11Woyaa rifeensa hoole'eetii fi quncee talba'aatiin wolitti makantee dhowante hin uffatin.12Woyaa teeti ta facaafattu roga arfanuu irratti handaara itti godhi.

Seera Marroo Fuudhaa Fi Heerumaa

13Nami tokko niitii fuudhee, isii bira geyeen duuba, yoo isii jibbe,14dharaan maqaa isi'ii balleessee, «Ani intala tana fuudhe; yennaa isii bira geye bantii hin qaddu» jedhee yoo himate,15haatii fi abbaan intala sanii waan durrummaa isi'ii mirkaneessu, jaarsolee kora mura'aa ta karra qachaa sanii duraatitti geessanuu ti.16Abbaan intalaa jaarsolee saniin, «Ani intala tiyya nama kanaaf kenneeraayyu; inni ammoo isii jibbe.17Kunoo maqaa isi'ii balleessee, ‹Intalti teeti bantii hin qaddu› jedhee himate. Beessisi durrumma'aa ka intala tiyyaa kunoo ti!» jedhee hoccuu dhiiga banti'ii qaddu san jaarsolee qachaa sanii duratti diriirsuu ti.18Achiin duuba jaarsoleen qachaa sanii isa fuudhanee adabanuu ti.19Inni durra Israa'elii takka maqaa waan balleesseef, meetii sheeqelii dhibba tokko, abbaa intalattiif muraa kennisiisanuu ti! Isiin niitii isaa teetuu ti. Inni bara jiruu ifii mara ijjumaa isii hin lakkisin.20Te'uu malee himannaan isaa dhugaa teetee, beessisi durrumma'aa ka isi'ii yoo dhabame,21isiin adoo mana abbaa ifii jirtuu, sagaagaltee hujii fokkisiittuu Israa'el keessatti waan hujjeef, gara balbala mana abbaa isi'ii geessanee, namooti qachaa isi'ii dhaka'aan isii tumanee ijjeesanuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi.22Nami tokko niitii abbaa qaddu woliin rafee yoo dhaggame, lamaanuu ijjeefamanuu ti. Akka kanaan waan hantuu Israa'el oddu'uu balleessi.23Nami tokko intala kadhatante takka qachaa tokko keessatti dhaggee, isii woliin yoo rafe,24isiin akka irraa buusanuuf qachaa keessatti waan hin iyyiiniif, namichille niitii nama dhibi'ii woliin waan rafeef, isaan lamaanuu seensuma karra qachaa saniititti gad baafamanee, dhaka'aan tumamanee ijjeefamanuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi.25Nami tokko qacha'aan alatti, intala kadhatante takka dhaggee, hunnaan yoo isii woliin rafe, inni callaan ijjeefamuu ti.26Wonni akkasii akka nami tokko nama dhibii lolee ijjeesee waan fakkaattuuf, isiin cubbuu du'aan isii geessittu waan hin hujiniif, waan tokkolle isii hin godhina'a.27Sababille namichi qacha'aan alatti intala kadhatanteertu san dhaggee, isiin iyyitulle nami irraa buusu tokkolle hin dhagganne.28Nami tokko intala hin kadhatamin takka qabee isii woliin rafee yoo dhaggamane,29namichi sun abbaa intalaatiif meetii sheeqelii shantama kaffaluu ti. Isiin namicha saniif niitii teetuu ti. Inni hunnaan isii woliin waan rafeef, bara jiruu ifii mara ijjumaa isii lakkisuu hin dande'u.30Nami tokko niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii woliin rafee, abbaa ifii hin salphisin.