Kitaaba Seera Keessa Deebii21gax_twf

Gumaa Nama Nami Isa Ijjeese Hin beekkaminii

1Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessatti, nami tokko diida keessatti ijjeefamee nami isa ijjeese yoo hin beekkamin,2jaarsoleen teessanii fi abbootiin mura'aa teessan bayanee, fageenna addee reeffaa irraa haga qachoota dhikoo sanii mikanuuti.3Achiin duuba jaarsoleen qachaa addee reeffi namichaa jirutti dhikaatu keessaa dhufane, goronsa hujii ittiin hin hujin, ka waanjoon irra hin keyamin filanee,4gara dhooqa bisaan yaa'u qaddu ta hin qotamin, ta midhaanille itti hin facaafaminitti gad geessanee, dhooqa san keessatti morma isaa cassanuu ti.5Akka isaaf tajaajilanu, maqaa isaatiin akka eebbisanu, haajaa moroma'aatii fi yakka'aa akka isaan murteessanu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sanyii Lewwi'ii hayyoota waan filateef, isaan gara duraa dhikaatanuu ti.6Achiin duuba jaarsoleen qachaa addee reeffi namichaa jiru sanitti dhikaattuu marti, goronsa dhooqa keessatti morma caccassane san irratti harka dhiqatanee,7«Nuuti harka keennaan dhiiga kana hin dhangalaanne; nama dhiiga kana dhangalaaselle hin dhaggine.8Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti Israa'el ta biyya Gibxiitii wodattee baatteef araaram; dhiiga nama yakkaa hin qannee kana kolbaa teeti Israa'el irratti hin laakkowin» hin jedhan. Akka kanaan dhiiga dhangala'e kanaaf araarri hin te'a.9Ila Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e kana yoo gootane, dhiiga nama yakkaa hin qannee ka dhangala'e kanaaf itti hin gaafatantanu.

Dubartoota Booji'amane Fuudhuu

10Diinota keeti loliisaaf baatee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti harka keetitti dabarsee isaan kennee ati yennaa isaan boojite,11isaan keessaa dubartii miidhadduu takka dhaggitee isii fuudhiisaaf yoo feete,12gara mana keetii fidi; isiin mataa haadattee, qeenca muratuu ti.13Isiin woyaa yennaa booji'ante uffatteertu san jijjiirattee, mana keeti teettee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif ji'a tokko guutuu gaddituu ti. Achiin duuba ati isii woliin rattee, dhirsa isi'ii hin teeta; isiille niitii teeti hin teeti.14Ati yoo isi'itti hin gammadin ammoo, akka isiin gara feete dhaxxu lakkisi. Ati waan isii salphitteef, isii hin gurgurattu yookiin garba hin godhattu.

Mirga Ilma Angafichaa

15Nami tokko niitii lama qabaatee, takka jaalatee taan ka jibbu yoo te'e, isaan lamaanuu ilmaan yoo isaaf deyane, ilmi angafichi ka niitii inni jibbuu yoo te'e,16namichi sun gaafa ilmaan ifiitiif karra ifii qoodu, qooda ilma angaticha ifiitiif kenniisaaf male, mirga angafumma'aa ka ilma niitii inni jibbu irraa dhalatee irraa fuudhee, ilma niitii inni jaalatu irraa dhalateef golii te'ee hin kennin.17Inni ilma niitii jibbuu saniif, karra ifii mara keessaa harka lama kenniisaan angafummaa isaa beessisuu ti. Ilmi sun jabeenna isaa ka qaraa waan te'eef, mirgi angafumma'aa ka isaa ti.

Ilma Finqilaa

18Nami tokko ilma mataa jabaatu finqilaa ka yoo isa adabannelle, haadhaa fi abbaa ifiitiif hin ajajanne yoo qabaate,19haati isaatii fi abbaan isaa isa qabatanee, gara jaarsolee karra dalleya qachaa inni keessa le'uutitti geessanuu ti.20Isaan jaarsolee qachaa inni keessa le'u saniin, «Ilmi keenna kun ilma mataa jabaatu dida'a. Inni nu'uuf hin ajajamu. Inni gadhito'o; machowaalle'e» jedhanuu ti.21Achiin duuba dhiirti qachaa sanii marti dhaka'aan isa tumanee ijjeesanuu ti; maarre isin akka kanaan hantuu odduu teessanii hin balleessitan. Israa'elooti marti tana dhage'anee hin sodaatan.

Seera Adda Addaa

22Nami tokko yakkaa du'a itti mursiittu hujee ijjeefamee, muka irratti yoo fannifame,23nami muka irratti fannifame ka Waaqi abaareeru waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa isiniif kennu akka hin batteessine, reeffi isaa gaafuma san awwaalamuutii malee, muka irra hin bulin.