Qajeelfama Duulaa
1Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka biyya Gibxi'iitii ol si baase waan si woliin jiruuf, ati diina keeti loliisaaf yennaa baate, fardo'oo fi garreettaa fardo'oon harkifamu, loltoota loltoota teeti caaltu yennaa dhaggite, isaan hin sodaatin.2Gara addee lolaatitti yennaa dhikaattane, hayyichi gara duraa dhufee loltootaan,3«Ee, kolbaa Israa'elii dhage'a'a! Adha isin diina keessan loliisaaf, bira geettaneertan; hin corisina'a; hin sodaatina'a; hin sheephisina'a; hin bararaqinaalle'e.4Akka isin injifattanu, diinota keessan isinii loliisaaf, ka isin woliin deemu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan» jedhuu ti.5Achiin duuba qondaaltoti loltootaan, «Isin keessaa nami mana haareya ijaarratee, eebbisiifatee itti hin qubatin jiraa? Inni lola keessatti du'ee, nami dhibiin eebbisiifatee akka itti hin qubanne, gara mana ifii deebi'uu ti.6Nami muka woyni'ii dhaabbatee, midhaan isi'ii irraa hin nyaatin jiraa? Inni lola keessatti du'ee nami dhibiin midhaan isi'ii akka hin nyaanne, gara mana ifii deebi'uu ti.7Nami durra kadhatee adoo isii hin fuudhin jiru jiraa? Inni lola keessatti du'ee, nami dhibiin akka isii hin fuune, inni gara mana ifii deebi'uu ti» jedhanuu ti.8Qondaaltoti ammalle loltootaan, «Nami soda'aan guutamee coriseeru jiraa? Akkuma gadhaa ifii gadhaa worra dhibi'iille akka hin sheephisiinne, inni gara mana ifii deebi'uu ti» jedhane.9Qondaaltoti tana kolba'atti dubbataneen duuba, ajajjooti sooressitoota isaaniif filanuu ti.10Qachaa lolaartutti yennaa dhikaatte, nageyumaan akka harka kennatanu itti dhaami.11Isaan deebii nageyaa sii deebisanee karra ifii yoo si duraa banane, namooti qachaa san keessatti dhaggamanu hujii hunnaatiin si tajaajilanuu ti.12Isaan si woliin nageya buusuu didanee, yoo si lolane ammoo, ati qachaa san marsi.13Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti qachaa san harka keetitti dabarsee yennaa kenne, dhiira achi keessaa mara shallaaga'aan ijjeesi.14Garuu dubartootaa fi ijoollee, hori'ii fi waan qachaa san keessaa maralle, waan qachaa san keessaa booji'amu maraayyuu ifiif fudhadhu. Waan diina keeti irraa booji'ame ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennelle nyaadhu.15Qachoota si irraa fago'oo, ka gosa biyya adda addaa ka gosa sitti dhikoo jiranu kanaa hin te'in maralle akkasuma godhi.16Te'uu malee, qachoota gosa biyya adda addaa tanaa ka lafa akka ati dhaaltuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, waan lubbuu qabu tokkolle lubbu'uun hin hamburin.17Worra Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa akkuma Mootiin Waan Maraa si ajaje ijjumaa balleessi.18Yoo akkas hin te'in, waan battii isaan hujanu waaqota ifii sagadiisaan godhanu akka isin hordottanu isin barsiisan; isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessan irratti cubbuu hujjan.19Qachaa tokko fudhatiisaaf, qachaa san lolaa marsitee yennaa hedduu yoo turte, muka qachaa sanii murtee hin balleessin. Midhaan isaanii nyaadhu malee, mukoota san murtee hin jissin; akka si'iin marfamanuuf, mukooti badda'aa namaa ree?20Mukoota midhaan isaanii akka hin nyaatane ati beettu qofa murtee jissitee balleessitee, haga qachaan si woliin lolu sun jigutti, hujii isa marsiisaatiif ittiin ijaarata.